Seexanni Ammalle Iyoob Ataabe
1Gaafa dhibiille ergantooti Waaqaa, Mootii Waan Maraa duratti yennaa dhikaatane, Seexannille isaan woliin dhikaate.2Mootiin Waan Maraa, Seexanaan, «Ati eessaa dhutte?» jedhee gaafate. Seexanni deebisee, «Lafa irra asii fi achi, olii fi gad deddeebi'aa ture» jedhe.3Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Tajaajilaa kiyya Iyoob hubattee? Biyya lafa irra nami akka isaa tokkolle hin jiru; inni nama komii hin qanne, nama qajeelaa, nama ana Waaqa sodaatuu fi hantuu irraa ka fagaate. Ati akka ani sababa malee isa irratti ka'ee, isa balleessuuf na kakkaatteerta; inni ammoo haga ammaalle addatamummaa ifii eegateera» jedhe.4Seexanni deebisee Mootii Waan Maraatiin, «Inni fayya'a, gogaan isaatuu hin tuqanne; nami fayyaa ifiitiif, waan qabu mara hin kenna.5Me amma, harka keeti diriirsiitii lafee isaatii fi foon isaa miidhi; inni fuula duratti si abaara» jedhe.6Maarre Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Guddoo dansa'a, lubbuu isaa hin ijjeesin malee, akka feete isa godhuu dandeetta» jedhe.7Achiin duuba Seexanni fuula Mootii Waan Maraa duraa bayee deemee, faana miilaa irraa haga gubbaa mata'aatitti madaa hantuu Iyoobitti buuse.8Achiin duuba Iyoob ifi hooqatiisaaf bassoo fudhatee, daadhaa keessaa tee'e.9Niitiin isaa, «Ati ammalle addatamummaa teeti qabattee jirtaa? Waaqa abaariitii du'i!» jette.10Iyoob ammoo isi'iin, «Ati akkuma dubartiin gowwaan dubbattu dubbataarta; Waaqi waan dansaa yennaa nuu kennu gammadaan fudhanna; hantuulle hin fudhannuu ree?» jedhe; tana duudii keessatti Iyoob cubbuu hin hunye; hantuulle hin dubbanne.Jaalota Iyoobii
11Jaaloti Iyoobii sadiin, Eliifaaz nami qachaa Temaanii, Beldaad nami lafa Shu'aahiitii fi Zofaariin nami lafa Naa'imaa waan hamaa Iyoob irra geye kana yennaa dhage'ane, isa woliin gaddiisaa fi isa jajjabeessiisaaf, wolii galanee addee jiranu irraa gara isaa dhufane.12Isaan fago'otti Iyoob yennaa dhaggane, isa te'uu isaa hubatuu hin dandeenne; eega hubataneen duuba gaddanee woyaa ifii tatarsaasanee, bukuu mataa ifii irra gara ol-gubba'aa bittinneessanee, qoonqoo guddo'oon bowane.13Isaan guyyaa torbaa fi halkan torba isa woliin lafa irra tee'ane; rakkoon isaa guddoo akka teete waan dhagganeef, isaan keessaa nami tokkolle wo isatti hin dubbanne.