Kitaaba Iyoobii17gax_twf

1Qooqqee qofatti na keessa jira;barri jiruu tiyyaa haleelameera;awwaallille na eegata.2Dhugumaan worri natti murguna marsaneeran;ilti tiyyalle nunnuussaa isaaniititti xiyyeeffatti.
3«Waaqa kiyya,ka si woliin wobii naaf te'u naa kenni;si'uma malee,ka dhibiin ka wobii naaf te'u eennu ree?4Akka isaan hin hubanneefqalbii isaanii cutteertatanaaf akka isaan injifatanu hin gootu.5Nama beese'eef jedheejaala ifii dabarsee kennuijoolleen isaa hin rakkatti.
6«Waaqi nama nami marti fuulatti tufunama duudi'iifille ka mammaassaa na godhe.7Gadda irraa ta kaateilti tiyya dhagguu dadhaddeenafi kiyya duudiin akka gaaddiddu'uu te'eera.8Worri qajeelaa ifi seyu waan kana maadeffata;worri yakkaa hin qanneworra Waaqa malee le'utti ka'a.9Te'uu malee balchootikaraa dhuga'aa irraa hin goranu;worri harki isaanii qulqullu'uu ifi seyanujabeenna irratti jabeenna ede'atan.
10«Isin marti ammoodeebi'aatii ammalle wodhaana'a.Ani odduu teessanittinama qaroo hin dhaggu.11Barri le'ii tiyya hobba'eera;karoorrii fi halchaan gadhaa kiyyaakaraa irratti hafane.12Jarri tun halkan guyyaa gooti;yennaa dukkanaa, ‹Ifi dhikaateera› jedhan.13Boolla awwaalaa akka mana kiyyaatittiyoo ilaale,taqee tiyya dukkana keessatti yoo afadhe,14boolla awwaalaatiin, ‹Ati abbaa kiyya›corroqa na nyaattulle'een,‹Haadha tiyya yookiin obboleettii tiyya› yoo jedhe,15addiin tiyya meet ree?Addii tiyya tana eentu naaf dhagga ree?16Yoo ani gara boolla awwaalaa bu'uaddiin tiyya na woliin gad buutii ree?wolille'een biyyee seennaa ree?» jedhe.