Iyyoob
16
/
gaz_bib
Iyyoob
1
Iyyoobis akkana jedhee deebise:
2
“Ani waan akkanaa baayʼee dhagaʼeera;
hundi keessan jajjabeessitoota nama dhiphistanii dha!
3
Haasaan faayidaa hin qabne kun hin dhumuu?
Wanni akka ati oduu dheeressituuf si tuttuqu maali?
4
Utuu isin iddoo koo jiraattanii
silaa ani akkuma keessan kana nan dubbadha ture;
dubbii miʼooftuu dubbachuudhaanis
mataa koo isinitti nan raasan ture.
5
Ani afaan kootiin isin jajjabeessee
gorsi arraba kootiis qabbana isinii kenna ture.
6
“Yoo ani dubbadhe dhukkubni koo natti hin wayyaaʼu;
cal jedhus na hin dhiisu.
7
Yaa Waaqi, ati dhugumaan na dadhabsiifteerta;
warra mana koo jiru hundas balleessiteerta.
8
Ati na kokotteessite; kunis ragaa natti taʼe;
akka malee huqqachuun koos ifatti baʼee na saaxile.
9
Waaqni dheekkamsa isaatiin rukutee na ciccire;
ilkaan isaa natti qarate;
diinni koo ija isaa natti babaase.
10
Namoonni natti qoosuuf afaan banatan;
tuffiidhaan maddii koo kabalan;
tokko taʼanii natti kaʼan.
11
Waaqnis dabarsee hamootatti na kenne;
harka jalʼootaa keessas na buuse.
12
Ani nagaan jiraachaan ture; inni garuu na burkuteesse;
morma na qabee na caccabse.
Xiyyeeffannaa isaas na godhate;
13
loltoonni isaa warri xiyyaan lolan na marsu.
Inni gara laafina malee kalee koo waraanee
hadhooftuu koo illee lafatti gad jigse.
14
Inni ammumaa amma na caccabsa;
akkuma loltuu tokkootti natti fiiga.
15
“Ani gogaa kootti uffata gaddaa hodhadheera;
gaanfa koos biyyoo keessatti awwaaleera.
16
Fuulli koo booʼichaan diimateera;
dukkanni limixiinis ija koo irra buʼeera.
17
Taʼus harki koo yakka tokko illee hin hojjenne;
kadhannaan koos qulqulluu dha.
18
“Yaa lafa, ati dhiiga koo hin dhoksin;
akka iyyi koo iddoo boqonnaa argatus hin godhin!
19
Amma iyyuu dhuga baʼaan koo samii irra jira;
abukaattoon koos ol gubbaa jira.
20
Michoonni koo na tuffatu;
iji koos imimmaan gara Waaqaatti facaasa;
21
akkuma namni michuu isaatiif kadhatu sana
utuu namni Waaqa kadhatu namaaf jiraatee!
22
“Waggoota xinnoo booddee,
ani gara deemanii deebiʼuun hin jirre nan deema.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter