Kitaaba Iyoobii15gax_twf

Eliifaaz

1Achiin duuba Eliifaaziin nami qachaa Temaanii deebisee,2«Nami qaroondubbii hiikkaa hin qanne hin dubbataa?Gadhaa ifii keessalle'ettiyaada miidhaa qabu qabatuu qabaa ree?3Inni dubbii bu'aa hin qanneen,yookiin haasowa woy hin baaneenhin falmataa ree?4Ati ammoo Waaqa sodaatiisa lakkitteerta;waaqonfannaa isaaf maltelle hin gufachiitta.5Yakkaan teeti dubbii teetiin beekkanti;ati ammoo akka worra malte'eedubbatiisa filatta.6Dubbuma teetittuu sitti mura;arrabuma keetittuudhugaa si irratti baya malee,anaa moti.
7«Nama duudi'iin dura ka dhalate si'ii ree?Ati gaaroti adoo hin dadaminiin dura dadantee ree?8Marii Waaqaa ta dhossa'aa dhageetteertaa?Qarummaa nama duudi'ii ka beekusi qofa seetaa?9Waan nuuti hin beenne,maan beetta?Waan nu'uuf ifa hin te'in maan hubatte?10Worri mataan isaanii arrii te'eka abbaa keeti caalaa dulloomanenu woliin jiran.11Jajjabeessiis Waaqaayookiin jechi inni malaan sitti dubbatesi hin gewuu?12Qalbiin teeti maaf si fudhattee ideenti?Aari'iin ila teeti maaf baatta?13Maaf Waaqatti aarteedubbiin akkasii afaan keetii baati?
14«Nami qulqulluu te'uu hin dande'aa ree?Nami foon uffate balchaa te'uu dande'a ree?15Waaqi ergantoota ifiitittuu hin addatu;ol-gubbaanuu isa duratti qulqullu'uu moti.16Nami yakkaa akka bisaanii unu,attam attam bada'aa fi battowa'a ree!
17«Ani waan dhagge hin dubbadha;sitti hima na caqasi.18Sunille waan worri qaroonabbootii ifii irraa fuudheeadoo hin dhossin dubbate.19Latti abbootii isaanii qofaaf kennanteertiiyyu;ormille odduu isaanii hin leene.20Nami hamaan ka nama cunqursaa le'e,bara ifii duudii farraa le'a.21Qoonqoon bararassitu gurra isaatitti iyyiti;yennaa wonni marti nageya itti fakkaattuttika balleessu isatti hin dhufa.22Shallaagaan isa waan eegatuufinni dukkana keessaa bayiisaafaddii hin qabu.23Sagalee allaatti'ii te'iisaaf hin joonja;guyyaan dukkanaa akka isatti dhikaatelle hin beeka.24Gaddaa fi laaleffati isa bararassan;akka mooticha lolaaf qophowee itti hammaatan.25Inni harka ifii Waaqa irratti waan kaaseef,Waaqa waan mara dande'u irrattijabaa waan ifi fakkeesseef,26mataa jabinnaan wontee ifiifurdoo-jadduu fudhateeifi irraa dhooggatiisaaf itti fiiga.
27«Fuulli isaa coomaan gollameera ;hidhi isaa coomaan furdateera.28Nami kun qachoota diigame,mana nami keessa hin leene,ka diigamiisaaf dhikaate keessa le'a.29Inni hin duroomu,karri isaalle yennaa heddu'uuf hin turtu;lafa irralle'etti hin babadhattu.30Inni dukkana jalaa hin miliqu;akka muka dameelee isaa bobeenni ibiddaa gosseetii fidaraaraan isaalle hafuura aarii Waaqaatiin harca'ee hin te'a.31Inni womaa waan irraa hin dhagganneef,waan bu'aa hin qannetti addatiisaan ifi hin sobin.32Akka muka jirmi isaa yennaan adoo hin geyin goguutii fidameeleen isaa hin bisillee hin te'a.33Inni akka muka woyni'iika unkuruura ifii adoo hin bilchaatin harcaafatuutii fiakka muka ejersaaka daraaraa ifii harcaafatuu ti.34Worri yaada Waaqa malee le'usanyii hin qabaatu;Manni safu'uun ijaarameibiddaan gubatee bada.35Worri akkas jiruhammeenna karoorfataa rakkinna fida;gadhaan isaaniille sobaan guutameera» jedhe.