Kitaaba Iyoobii14gax_twf

1«Barri nama foon uffatee gabaaba'a;sunuu rakko'oon ka guutame.2Inni akka daraara'aa mudhatee,yoosuma hin qoora;akka gaaddisaa adoo hin turin hin dabara.3Ati nama akkasii kana ilaaltaa ree?Mura'aaf ifi duratti na dhikeessitaa ree?4Waan qulqulluu hin te'in keessaa,waan qulqulluu baasuu ka dande'u eennu?Nami tokkolle hin dande'u.5Barri namaa ka murtaye;ji'i inni le'uulle si biratti ka laakkowame.Bara ati isaaf murteessite irraka dabaru hin jiru.6Nami qaxaramee hujuhujii ifii yennaa fixu akkuma gammadu,namille bara dadhabbii ifii keessaakka gammadu ossiif.
7«Muki yoo muramedeebi'ee waan latuu fidamee waan baafatuuf addii qaba.8Hiddi isaa lafa keessatti dulloomulle,jirmi isaalle biyyee keessatti gogulle,9foolee bisaaniitiin deebi'ee hin quunxa;akka biqiltuu reef lattuulledamee hin baafata.10Nami ammoo du'ee hin bada;eega du'e deebi'ee hin dhaggamu.11Akkuma bisaan abbaayaa keessaa ol fiilee dhabamuutii fiakka bisaan laga keessaa goguu,12akkasuma nami du'edeebi'ee hin ka'u;ol-gubbaan haga dabartutti hin dammaqu;yookiin hirriiba irraa hin ka'u.
13«Mufiin teeti haga dabartuttiaddee worra du'eetitti adoo na dhossiteeguyyaa murteessiteeadoo na qaabatte hin fedhaayyu!14Nami eega du'e deebi'ee hin jiraataa ree?Haga foorri naa dhufutti,bara dadhabbi'iin lafa irra le'u duudiiossaan hin eegadha'a.15Ati na hin waanta;anille hin owwaadha;ati hujii harka keetii na hin dharraata.16Achiin duuba tarkaaffii tiyya duudii hin laakkotta;cubbuu tiyya ammoo natti hin heddu .17Akka huura subba keessa keyamee gatamuu,balleessaa tiyya duudii na irraa hin gatta;cubbuu tiyyalle hin balleessita.18Akkuma gaarri sigigaatee jijjigu,akkuma rassaalle addee ifii irraa ka'u,19akkuma bisaan dhakaa qoqqotuakkuma lolaan biyyee haru,atille akkasuma addii namaa hin balleessita.20Hunni teeti haga bara baraaisa irratti hin jabaatti;innille hin du'a.Bifa isaalle jijjiirteeifi duraa hin balleessita.21Ilmaan isaa yoo ulfinna dhaggatanu,inni hin beeku.Yoo isaan salphatanulleinni hin dhaggu.22Dhibee nafa isaa qofatti itti dhage'ama;inni ifi qofaaf bowa» jedhe.