Kitaaba Iyoobii12gax_twf

Iyoob

1Iyoob deebisee,2«Dhuguma isin qaroole'ee motii ree!Yennaa duutanulleqarummaan isin woliin duutii motii ree!3Ani ammoo akkuma keessanhubantii qaba;ani isinii gadii moti;waan akkasii kanaeentu wollaala ree?
4«Waaqa daadimadheeyennaan inni naaf deebise jirtiiyyu;amma ani waan jaaloti tiyya itti kollitu te'eera.Ani nami balchaan komii hin qannewaan nami duudiin itti kollu te'eera.5Worri itti tolterakkinna nama rakkatee tuffatiis kaso'o;nama jigiisaaf tintimu hin darban.6Dunkaaniin worra saantotaa nageyaan jirti;worri Waaqa tuttuqee aarsu,worri Waaqa waan toowatu ifi seyunageyaan le'a.
7«Me bineensota gaafadhu;Isaan si barsiisan.Sinbirrootalle gaafadhuisaan sitti hin himan.8Yookiin lafa gaafadhu;isiin si hin barsiitti;yookiin qurxummiin abbaaya'aasitti hin hinti.9Harki Waaqaa akka isaan dadeisaan kana duudii keessaaka hin beenne eennu ree?10Jiruun waan duudi'iitii fihafuurri nama duudi'ii harka Waaqaa jiran.11Akkuma arrabi sagalee addaan baasee beeku,gurrille dubbii addaan hin baasa.12Qarummaa maanguddootatti qabaa motii ree?Hubantiille worra woggaa dheertuule'etti qabaa motii ree?
13«Qarumma'aa fi hunni ta Waaqaa ti;gorsaa fi hubantiille tama isaa ti.14Waan inni diige,nami tokkolle deebisee ijaaruu hin dande'u.Nama inni balbala itti cufe,nami tokkolle banuu hin dande'u.15Yoo inni bokkeya dhooggateoola'atti te'a;yoo inni bokkeya gad lakkise,lolaan lafa balleessa.16Jabeennii fi qarummaan ta isaa ti;ka sobuu fi ka sobamulleisaan lamaanuu baallii isaa jala jiran.17Inni gorsitoota mootichaamiila duwwaa akka booji'amanu hin godha;abbootii mura'aalle hin gowwoonsa.18Inni moototabarcumaa mootumma'aa irraa buusee,hidhantoota isaan godha.19Inni hayyoota irraa baallii isaanii mulqee,worra hunnaameyyiille hin fonqolcha.20Worra addatame cadhi godha;jaarsoleelle qarummaa hin dhoogga.21Inni qondaaltota hin salphisa;hidhata worra jajjabaa hin hiika.22Inni dhossaa dukkana keessaa hin mudhisa;dukkana dimma gara ifaa hin jijjiira.23Inni gosa biyya adda addaahunnaameyyii hin godha; hin balleessalle'e;inni gosa biyya adda addaa hin baceessa;hin bittinnessalle'e.24Inni sooreyyii irraa hubantii isaanii hin mulqa;goomolee daandii hin qanne keessallehin joonjisiisa.25Isaan ifa malee,dukkana keessa qaqqabataa akka ideemanu,akka nama machoweelleakka titimisanu hin godha.