Kitaaba Iyoobii11gax_twf

Zofaar

1Achiin duuba Naa'imaatichi Zofaar deebisee,2«Dubbii hedduu tanaaf deebiin hin kennantuu ree?Nami dubbatticha te'eef dhugaa dhaggataa ree?3Iyoob, dharti teeti nama cadhisiittii ree?Yennaa ati murgitullenami si xixu hin jiru seetaa?4Ati Waaqaan, ‹Barsiisi kiyya sirri'i;fuula Waaqaa duralle'ettiani qulqullu'u› jetta.5Ammoo adoo Waaqi afaan ifii saaqatee,sitti dubbate,6karaan qarumma'aa hedduu waan te'eef,dhossaa qarumma'aa adoo sitti mudhise,haga si'iif maltee gadakka inni si adabe hin beettaayyu.
7«Gad fageenna dhossaa Waaqaaqorqortee beekuu dandeettaa?Waaqa waan mara dande'uqorqortee bira gewuu dandeettaa?8Guddinni isaa ol-gubbaa caalaa ol fagaata.Ati maan godhuu dandeetta ree?Gad fageenni isaalle qilee caalaa gad fagaata.Ati maan beekuu dandeetta ree?9Guddinni Waaqaa lafa caalaa dheerata;abbaayaa caalaalle badhata.
10«Waaqi tana duudii irra dabaree dhufee,mana hidha'aatitti si galcheekora mura'aa sitti rareeentu isa dhoogguu dande'a?11Inni kolbaa woy hin baane hin beeka;inni yennaa yakkaa isaanii dhaggucadhisee hin ilaalaa?12Yoo harreen diidaa nama dhalte qofanami gowwaan qaroo te'uu dande'a.
13«Ati gadhaa keeti yoo qajeelfatte,harka keeti gara Waaqaa yoo badhifatte,14yakkaa harka keeti keessa jirtuifi irraa yoo fageessitee,wonni hantuun dunkaana keeti keessaaakka hin jiraanne yoo goote,15yennaa san dhugumaan qaanii malee,mataa keeti ol hin qabatta;sodaa maleelle jabaattee hin dhaabbatta.16Achiin duuba rakkoo teeti duudii hin deeta;akka lolaa yaa'ee dabaree qofa isii qaabatta.17Jiruun teeti ifa saafowaa caalaa hin itti;dukkantille akka ganamaa hin teeti.18Addiin waan jirtuuf atille addattee hin leeta;Waaqi waan si eeguufsodaa malee fooraan hin leeta.19Eennulle adoo hin sodaatin hin ratta;worri hedduun si durattifudhatama dhaggatiisa barbaadan.20Ilti worra hama'aa ammoo hin jaamti;karaa miliqanu hin dhaggatanu;muummeen isaanii du'a» jedhe.