18“Ani waaʼee hunda keessanii dubbachaa hin jiru; ani warran filadhe nan beeka. Kun garuu dubbiin Katabbii Qulqulluu kan, ‘Inni buddeena koo nyaate koomee isaa natti ol fudhate’ jedhu sun akka guutamuuf.19“Isin yommuu wanni kun taʼutti akka ani Isa taʼe akka amantaniif utuu inni hin taʼin amma isinitti nan hima.20Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; kan nama ani ergu kam iyyuu simatu hundinuu na simata; kan na simatu hundis isa na erge sana simata.”21Yesuusis erga kana dubbatee booddee hafuuraan jeeqamee, “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin keessaa tokko dabarsee na kenna”jedhee dhugaa baʼe.22Barattoonni akka inni waaʼee eenyuu dubbate wallaalanii wal ilaalan.23Barattoota keessaas inni Yesuus isa jaallatu tokko Yesuusitti irkatee maaddiitti dhiʼaatee ture.24Simoon Phexrosis, “Mee eenyuu jechuu isaa akka taʼe isa gaafadhu!” jedhee nyaaraan barataa sanatti hime.25Innis qoma Yesuusiitti hirkatee, “Yaa Gooftaa, eenyu innii?” jedhee gaafate.26Yesuusis deebisee, “Namichi ani buddeena afaan kaaʼata tokkoo caabii keessa cuuphee kennuuf isa”jedhe. Innis buddeena caabii keessa cuuphee Yihuudaa ilma Simoon Keeriyotichaatiif kenne.27Yihuudaas akkuma inni buddeenicha fudhateen Seexanni itti gale. Yesuusis, “Waan gochuuf jirtu dafii godhi”isaan jedhe.28Warra nyaataaf tataaʼan keessaas namni tokko iyyuu waan inni akkas isaan jedheef hin hubanne.29Sababii Yihuudaan korojoo maallaqaa baachaa tureefis isaan keessaa namoonni tokko tokko waan Yesuus, akka inni waan Ayyaanaaf barbaachisu bitu yookaan akka inni hiyyeeyyiif waa kennu isatti hime seʼan.30Yihuudaanis akkuma buddeena sana fudhateen gad baʼe. Yeroon sunis halkan ture.
Yesuus Akka Phexros Isa Ganu Duraan Dursee dubbate
31Erga Yihuudaan gad baʼee booddee Yesuus akkana jedhe; “Amma Ilmi Namaa ulfaateera; Waaqnis isaan ulfina argateera.32Waaqni erga isaan ulfina argatee, Waaqni ofuma isaatiin Ilma ulfeessa; inni takkumaan isa ulfeessa.33“Yaa ijoolle, ani yeroo gabaabaaf isin wajjinan jira. Isin na barbaaddu; ani akkuma Yihuudootaan, ‘Iddoo ani dhaqu isin dhufuu hin dandeessan’ jedhe sana ammas isiniin nan jedha.34“Akka isin wal jaallattaniif ani ajaja haaraa isiniifin kenna. Akkuma ani isin jaalladhetti isinis akkasuma wal jaalladhaa.35Yoo isin jaalala waliif qabaattan namoonni hundinuu akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”36Simoon Phexrosis, “Yaa Gooftaa, eessa dhaqxa?” jedhee isa gaafate. Yesuusis, “Ati amma iddoo ani dhaqu na faana dhaquu hin dandeessu; gara booddeetti garuu na duukaa buuta”jedhee deebiseef.37Phexrosis, “Yaa Gooftaa, ani maaliifan amma si duukaa buʼuu hin dandeenye? Ani siif jedhee lubbuu koo nan kenna” jedheen.38Yesuusis deebisee, “Ati dhuguma naaf jettee lubbuu kee ni kennitaa? Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; ati utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta”jedheen.