1Biyyi lafaa dadamiisaan duraayyuu, Jechi jira; Jechille Waaqa woliin jira; Jechinuu Waaqumaayyu.2Inni jalqabumaa Waaqa woliin jira.3Waaqi karaa isaatiin waan maraa dade; dada maraa keessaa tokkolle isaan malee hin dadanne.4Isa keessa jiru'utti jira; jiruun sun ifa namootaa ti.5Ifi dukkanatti ifa; dukkanti ijjumaa ifa hin injifattu.6Nami Waaqa biraa ergame, ka Yohaannis jedhamu tokko jiraayyu.7Inni nami martinuu dubbii isaa dhage'ee akka dhugeeffatu, marroo ifa sanii kolba'atti himiisaaf dhufe.8Inni marroo ifa sanii himiisaaf dhufe malee, ifiif ifaa moti.9Ifi gara biyya lafaa dhufee nama maraaf issu sun ifa dhuga'aa ti.10Inni biyya lafaa keessa jiraayyu; Waaqi karaa isaatiin biyya lafaa dade; biyyi lafaa ammoo isa hin beenne.11Inni gara biyya ifii dhufe; kolbaan isaa ammoo isa hin fudhanne.12Te'uu malee, worra isa fudhatee itti dhugeeffate maraaf, akka ijoollee Waaqaa te'anuuf middakenne.13Isaan Waaqa irraa dhalatane malee, fedha dhiiraa irraa yookiin fedha foonii irraa yookiin fedha dhiigaa irraa hin dhalanne.14Jechi nama te'ee, badhaadhaa fi dhuga'aan guutamee, odduu teenna le'e. Nuuti ulfinna inni akka Ilma Abba'aaf tokkochaatitti fudhate dhaggine.15Yohaannis, « ‹Ka ana duubaan dhufu, adoo ani hin dhalatinuu waan jiruuf, inni guddoo na caala› jedhee ka ani dubbadhe isa» jedhee iyyee dhugaa baye.16Guutummaa badhaadha ifii irraa inni nu maraa eebbisee, eebba irratti eebba dhibii dabalee nuu kenne.17Waaqi karaa Muuse'eetiin seera kenne; badhaadhaa fi dhugaan ammoo karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhutte.18Ka Waaqa dhaggeeru tokkolle ijjumaa hin jiru. Ilmi tokkochi isaa Waaqi, ka cinaa Abba'aa jirutti isa mudhise.
Dhugaa Bayiisa Yohaannisii Cuupha'aa
19Yihudooti baallii qabanu hayyootaa fi Lewwoota garii, «Ati eennuu?» jedhanee akka isa gaafatanu Yerusaalem irraa gara Yohaannisii ergane.20Yohaannis, «Ani Masiihii moti» jedhee dubbatee dhugaa baase malee, deebisiisaaf hin didanne.21Isaan, «Ati eennu ree? Ati Eliyaasii» jedhanee isa gaafatane. Yohaannis, «Waawwoo ani isaa moti» jedhee deebise. Isaan, «Ati Raagichaa ree» jedhanee gaafatane. Inni, «Waawwoo» jedhee deebise.22Isaan, «Ati eennu ree? Worra nu ergeef deebii deebinnee himuu qanna. Ati eennu ifiin jetta?» jedhaneen.23Yohaannis deebisee, «Isaayaasiin raagichi akkuma dubbate, ani ‹Qoonqoo nama daandii Goottaan irra ideemu qajeelcha'a› jedhaa, lafa goomole'ee keessaa iyyuu ti» jedhe.24Ergantooti Fariisaayotaan ergamane,25«Ati Masiihii yookiin Eliyaas yookiin Raagicha yoo hin te'in maaf cuuxxa ree?» jedhanee Yohaannis gaafatane.26Yohaannis, «Ani bisaaniin isin cuupha, ka isin hin beenne ammoo odduu teessan dhaabbata.27Inni na duubaan dhufaara; ani hidhaa kophee isaa hiiku'uufille nama malee moti» jedhee deebise.28Wonni kun marti laga Yordaanosiitiin gama karaa aduun baatu Bittaaniya'atti, addee Yohaannis itti cuuphiisatti jirutti teete.
Hoolee Waaqaa
29Boruyyaa Yohaannis, Yesuus gara isaa dhufuun dhaggee, «Kunoo! Hooleen Waaqaa, ka cubbuu biyya lafaa balleessu.30Ka ani, ‹Ka ana duubaan dhufu, adoo ani hin dhalatinuu waan jiruuf, inni na caala› ka ani jedhe isaa kana.31Aninuu inni eennu akka te'u hin beenne; ammoo akka inni kolbaa Israa'eliititti mudhatuuf, ani bisaaniin cuuphaa dhufe» jedhe.32Yohaannis dhugaa bayee, «Ayyaanni Woyyichi akka saphaliisaa ol-gubba'aa gad dhufee isa irra bu'ee hafuun dhaggeera.33Aninuu isa hin beenne, Waaqi akka ani bisaaniin cuuphuuf na erge ammoo, ‹Ka Ayyaana Woyyichaan cuuphu, Ka Ayyaanni Woyyichi isa irra bu'ee hafuun ati dhaggitu› anaan jedheera.34Anille waan kana dhaggeera, inni Ilma Waaqaa akka te'e isinitti hima» jedhe.