Yerusaalem Diinaan Marfante
1Ee kolbaa Beniyaamii, wonni hantu'uu fi badiin guddoon gara Kaabaatiin waan dhufaartuuf, Yerusaalem keessaa baya'aatii baqadha'a! Teqo'aa keessatti tultullaa afuufa'aatii Bet-Hakereem irratti beessisa lolaa ol kaasa'aatii mudhisa'a.2Qachaa Xiyoonii miidhaga'aa fi ka gammachiisu ani hin balleessa.3Akkuma tissitooti naannoo takka qubatanee horii ifii tiffatanu, moototi diinaa loltoota ifii woliin dhufanee, adaala isi'iititti dunkaanii ifii hin dhaabbatan.4Isaan, «Qachaa Yerusaalemii loliisaaf qophowa'a! Ka'a'a! Saafowaan lollaa! Latti waan dhiyaartuuf, gaaddiduulle dheerataa waan deemaa jirtuuf, aannee nu'uuf.5Maarre ka'a'a! Halkaniin lollee, kushee qachaa Yerusaalemii san diinna» jedhan.6Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Qachaan Yerusaalemii ka cunqursiisaan guutame kun akka adabamuuf, mukoota mura'aatii naannessa'aatii kaabii itti ijaara'a.7Akkuma boolli bisaanii bisaan madditu, qachaan Yerusaalemiille madda hammeennaa ti; hunnaan nama irratti ka'iisii fi badiin achi keessatti hin dhage'anti; ani dhibe'ee fi madaa yennaa mara achii keessatti dhagga.8Ee Yerusaalem, ifi eeggadhu! Yoo hin te'in ani lafa teeti onsee nami tokkolle akka keessa hin leene hin godha» jedhe.Finqiliisa Israa'elii
9Ammalle Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Akkuma woxoo midhaan woyni'ii qocanu, kolbaa Israa'elii keessaa worra hafe qoca'a. Akkuma nami midhaan woyni'ii damee irraa qocu, harka keessan diriirsa'aatii ammalle worra hafe qoca'a» anaan jedhe.10Anille deebisee, «Ani eennutti dubbadha? Eennu ifi eeggachiisa? Eentu naa dhage'a? Gurri isaanii waan duudeef hin dhage'anu. Jecha Mootii Waan Maraatitti hin murgan; itti hin gammadanulle'e.11Aariin Mootiin Waan Maraa isaan irratti qabu na keessalle'etti bobe'aarti; ossiisalle hin dande'u» jedhe. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Ijoollee karaa irratti, dargaggoota wolitti qabamane irratti aarii tiyya dhangalaasi; abbaa manaatii fi haati manaa, worri dulloomee jaajjelle hin booji'aman.12Worra lafa kana keessa le'u yennaa adabu, manni isaanii, fichaan isaaniitii fi niitoti isaanii worra dhibi'iif dabarfamanee hin kennaman.13Nami isaanii gudda'aa fi diqqaan marti bu'aa sobaan dhaggatanuuf worra joljolu waan te'aneef, raagotii fi hayyooti isaanii marti nama hin soban.14Isaan madaa kolbaa tiyyaa akka kaso'oo ilaalanee, adoo nageenni hin jiraatin, ‹Nageya, Nageya› jedhan.15Isaan waan jibbisiisu waan hujaneef qaanowaneeranii ree? Waawwo'o ijjumaa hin qaanonne; isaan qaaniin maan akka teeteeyyuu hin beekanu. Tanaaf worra jigu woliin hin jigan; ani yennaa isaan adabulle hin salphatan» jedhe.Israa'el Karaa Waaqaa didde
16Mootiin Waan Maraa, «Qaxxaamura kara'aa irra dhaabbadha'aatii ilaala'a; daandii durii, karaa dansaa gaafadha'aatii irra ideema'a; lubbuu teessaniifille foora hin dhaggatan» jedhe. Isin ammoo, «Nuuti isa irra hin ideennu» jettane.17Ani eeddota isiniif kennee, «Qoonqoo tultulla'aa dhage'a'a» jedhe; isin ammoo, «Hin dhageennu» jettane.18Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Isin gosi biyya adda addaa dhage'a'a! Isin worri asitti wolitti qabantane, waan kolbaa Yihuda'aa irratti te'uuf jiru qalbeeffadha'a.19Ee, lafa dhage'i! Kolbaan tun jecha kiyya waan hin dhage'iniif, seera kiyyalle waan tuffatteef, gatii hujii isaaniitiif, badii isaan irratti hin fida.20Hixaanni biyya Sheeba'aatii dhufuu fi dakkarri biyya fago'ootii dhufu maan naaf godha? Ani kennansa gubamu ka isin dhikeessitanu hin fudhadhu; ciincaan isin dhikeessitanulle na hin gammachiisu.21Tanaaf ani kolbaa tana dura gufuu hin keya; abbooti'ii fi ilmaan gufuu sanii hin gufatan; olla'aa fi jaaloti hin badan» jedhe.Loltoota Gara Kaabaatiin Dhuttu
22Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, loltooti biyya gara kaabaa irraa dhufiisatti jirti; kolbaan guddoon biyya fago'oo lolaaf qophowiisatti jirti.23Isaan guube'ee fi eboo qabataneeran; isaan worra gadhi-jabeeyyi'ii fi worra marartii hin qanne. Fardoo ifiitiin yennaa gulufanu, hididdeettiin akka abbaayaa bulphittuu ti. Ee kolbaa Xiyoonii! Isaan isin loliisaaf qophowanee hin dhufan» jedha.24Kolbaan Yerusaalemii ammoo, «Nuuti oduu isaanii dhageennee, harki nu irraa bu'eera; gaddi guddaan nu qabatee akka dubartii ciniinsifattuu teeneerra.25Diinni keenna shallaagaa waan qabuuf, gara mara sodaan guddoolle waan jirtuuf, gara alaa hin bayina'a; yookiin karaa irra hin ideemina'a» jetti.26Ee kolbaa tiyya, diinni isin balleessu dedhuma waan dhufuuf, woyaa gaddaa uffadha'aatii daadhaa keessa gangaladha'a; akka nama ilma tokkochuma qabuuf laaleffattee bowuu, laaleffadha'aa bowa'a.27Mootiin Waan Maraa, «Ee Ermiyaas! Akka nama sibiila sibiilummaa isaa haga ilaaluu, karaa kolbaa tiyyaa hubattee akka haga ilaaltu, si godheera.28Isaan martinuu akka sageettu'uutii fi akka sibiila ciillayee mataa jabeeyyi'i; finqiltootalle'e. Isaan martinuu hami'iif asii fi achi deemaa, hujii hantuu hujan.29Irsaasaibiddaan baqisiisanee qulleessiisaaf buufaa akka malee itti buufan; ammoo ciillaan irsaasa irraa hin ka'u; akkasuma worri hamooleen kolbaa tiyya keessaa hin dhabamanu.30Ani Mootiin Waan Maraa waan isaan tuffadheef, isaan ‹Meetii tuffatante› jedhamanee hin waamaman» jedha.