Jinnana Yerusaalemii
1Zedeqiiyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii tokko ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamutaal; isiin intala Ermiyaasii nama qachaa Liibana'aa ti.2Zedeqiiyaan akkuma Yehoyaaqiimii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.3Mootiin Waan Maraa waan isaanitti aareef, kolbaa Yerusaalemiitii fi Yihuda'aa irratti tun marti teete; muummee irratti inni fuula ifii duraa isaan balleesse. Zedeqiiyaan mootii Baabilonii finqile.4Bara Zedeqiiyaan bulche keessa woggaa sagaleesso'oo, ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, loltoota ifii mara fudhatee Yerusaalemitti duule. Inni qacha'aan alatti dunkaanii dhaabatee, adaala qacha'aa marsanee yaabbannoo itti ijaarane.5Zedeqiiyaan mootii te'ee, haga woggaa kudhanii tokkeesso'ootitti, qachaan sun akkuma marfametti ture.6Wogguma san keessa ji'a arfeesso'oo, guyyaa sagaleesso'ootitti, beelti qachaa sanitti waan hammaatteef kolbaan sagalee nyaattu dhadde.7Achiin duuba dalleenni qacha'aa cabe; loltooti Baabilonii qachaa marsanulle, loltooti mootii biyya Yihuda'aa halkaniin karra dalleya dhaka'aa lama odduu jirtu, ta oorruu mootichaa biraatiin miliqanee bayane. Isaan gara dhooqa Yordaanosii baqatane.8Loltooti Baabilonii ammoo, Zedeqiiyaa mooticha ariitee, diida Yeriko'oo keessatti isa dhaqqadde; loltooti isaa marti isa lakkittee baqatte.9Loltooti Baabilonii Zedeqiiyaa qaddee, lafa Haamatii keessatti gara Nebukadnezaarii qachaa Riiblaa keessa jiruutitti geessite; inni achitti isatti mure.10Mootiin Baabilonii ilmaan Zedeqiiya'aa iluma isaa duratti ijjeese; qondaaltota Yihuda'aa maralle Riibla'atti ijjeese.11Achiin duuba inni gara Baabilonii geessiisaaf, ila Zedeqiiyaa keessaa baasee wodaroo sageettu'uutii isa hidhee haga inni du'utti achuma mana hidha'aa keessa isa turse.Diigamiisa Galma Waaqaa
12Nebukadnezaar mootii Baabilonii te'ee woggaa kudhanii sagaleesso'ootitti, ji'a shaneesso'oo, guyyaa kudhaneesso'ootitti, ajajaan loltoota mooticha eeganuu tajaajilaan mootii Baabilonii Nebuzaraadaan, gara qachaa Yerusaalemii dhufe.13Inni Galma Mootii Waan Maraa, mana mootumma'aa, mana Yerusaalem keessaa mara gube; mana namoota gugurda'aa mara gubee balleesse.14Loltooti Baabilonii ta ajajaa loltoota mooticha eeganuun sooreffamanu, dalleya dhaka'aa ka qachaa Yerusaalemiititti marfameeru diigane.15Ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan worra hiyyeeyyii garii, namoota qachaa keessatti hafaneeranu, worra mootii Baabiloniititti harka kennatanee fi worra hujii harkaa beekanu booji'ee, gara Baabilonii geesse.16Inni worra hiyyeeyyii ijjumaa wo hin qanne garii ammoo, muka woyni'ii akka dhaabanuu fi fichaa akka qotanu lafa Yihuda'aa keessatti lakkisee deeme.17Worri Baabilonii utuboota sageettuu irraa hujamane, waan meya irra keyanu ka korboo qabanuu fi waabaa bisaanii ka sageettuu irraa hujamane, ka Galma Mootii Waan Maraa keessa jiranu caccassanee, sageettuu san gara Biyya Baabilonii geessane.18Akkasuma isaan okkotee sageettu'uu, akkaafaa sageettu'uu, waan issaa ittiin dhaanfanu ka sageettu'uu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, mooqa'aa fi meya sageettuu irraa hujame ka Galma Mootii Waan Maraa keessatti ittiin tajaajilanu mara, fudhatanee deemane.19Ajajaan loltoota mooticha eedduu, meya worqi'ii fi meetii irraa hujame mara qorii ittiin dhiqatanu, girgiraa, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, okkotee, waan issaa irra keyanu, mooqa'aa fi meya daadhii woyni'ii itti dhikeessanu mara fudhatee deeme.20Madaalliin utuboota lamaa ka sageettu'uu, waabaa bisaanii ka sageettu'uutii fi fakkii korommii sageettuu irraa hujamane kudhanii lamaa ka waabaa bisaanii jala jiranu, wonni meya irra keyanu ka sageettu'uu ka korboo qabanuu, ka mootichi Solomoon Galma Mootii Waan Maraatiif hujee hagana hin jedhamu.21Utubooti lamaan hojjaan tokko tokkoo isaanii ciqilee kudhanii saddeeti; furdinni tokko tokkootuu ciqilee kudhanii lama; keessi isaaniille holla qabaatee, rogi afaanii taakkuu afuri furdata.22Guutuun qaccee utubaa tokko irraa ciqilee shan dheeratti; marsa guutuu utuba'aa irratti seesa caccoo sageettu'uutii fi sageettuu midhaan muka rumaanii fakkaatuun seefameera. Utubaan lammeesso'oolle akkasuma seefamee hujameera.23Gara tokkoon midhaan akka midhaan muka rumaanii sagaltamii jaatti isaan irratti hujameera; seesi midhaan muka rumaanii fakkaatu ka caccoo irratti marfameeru laakkossi isaanii wolumatti dhibba.24Nebuzaraadaan ajajaan loltoota mooticha eedduu, Seraayaa hayyicha sooressa, hayyicha itti aanaa Sefaaniya'aatii fi eeddota karraa sadiin booji'ee fuudhee deeme.25Qachaa keessatti worra hafane keessalle'ee ajajaa loltootaa, gorsitoota mootichaa torba, barreessaa ajajaa loltootaa ka kolbaa lafa sanii duulaaf filuu fi namoota dhibii ka qachaa san keessatti dhaggamanu jaatama fuudhee deeme.26Ajajaan loltootaa Nebuzaraadaan, isaan mara gara mootii Baabilonii ka qachaa Riiblaa keessa jiruu geesse.27Mootiin Baabilonii lafa Haamaatii Riiblaa keessatti isaan ijjeesise. Maarre kolbaan Yihuda'aa lafa ifii irraa booji'amanee deemane.28Laakkossi namoota mootiin Baabilonii Nebukadnezaar booji'e ka asii gadi jiru: Inni mootii te'ee woggaa torbeesso'ootitti Yihudoota kuma sadii fi diddamii sad booji'e;29woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti namoota dhibba saddeetii fi soddomii lama Yerusaalem keessaa booji'e;30woggaa diddamii sadeesso'ootitti, ajajaan eeddota mootichaa Nebuzaraadaan namoota dhibba torbaa fi afurtamii shan booji'e; laakkossi worra booji'amee wolumatti namoota kuma afurii fi dhibba jaa.Yehoyaakiin Hiikame
31Mootiin Yihuda'aa Yehoyaakiin booji'amee woggaa soddomii torbeesso'ootitti Ewiil-Marodaak Baabilon irratti motii te'e; inni baruma kana keessa ji'a kudhanii lammeesso'oo guyyaa diddamii shaneesso'ootitti, mootii Yihuda'aa Yehoyaakiin mana hidha'aatii hiike.32Ewiil-Marodaak gadhi-laafinnaan Yehoyaakiin dubbisee, mootota dhibii ta isa woliin Baabilonii keessa jirtu caalaa barcumaa ulfinnaa isaaf kenne.33Maarre yennaa sanii jalqabee Yehoyaakiin woyaa ifii ta mana hidha'aa jijjiiratee, haga jiruu ifii qorii mootichaa keessaa nyaate.34Mootiin Baabilonii haga Yehoyaakiin du'utti, guyyuma guyya'aan waan isaaf barbaachisu qooda isaaf baase.