Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa51gax_twf
Ammalle Muraan Baabilon Irratti Murante
1Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani Baabilonitti,kolbaa isi'ii worra na mormu irrattiqilleensa isaan balleessu hin kaasa.2Baabilon bittinneesseelafa isi'ii duwwaa godhiisaaf,ani orma isi'itti hin erga.Guyyaa badii isi'ii karaa maraan marsaneeisii hin lolan.3Isiin meya ifii ka lolaa yoo hidhatte,guubee ifiille yoo qopheeffatte,isinille daaya keessan isi'itti darbadha'a.Dargaggoota isi'iitiif hin nayina'a;loltoota isi'ii mara fixa'a.4Isaan lafa Baabilonii keessatti madowaneekaraa keessatti hin du'an.5Latti isaanii ana Woyyicha Israa'elii durattiyakka'aan ta guutante teetulle,ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi isaanii,Israa'elii fi Yihudaa hin lakkinne.6Baabilon keessaa baqadha'aatii,lubbuu teessan hamburadha'a!Sababa yakkaa isi'iitiif hin badina'a.Yennaan ani Mootiin Waan Maraasababa yakkaa isi'iitiif haluu bayu waan geetteef,ani akka hujii isi'iititti gatii isi'iif hin kenna.7Baabilon harka Mootii Waan Maraa keessattiakka muduunuu worqii irraa hujantee ti;isiin lafa duudii macheessiteerti;gosi biyya adda addaadaadhii isi'ii ta woyni'ii unanee,maraataneeran.8Baabilon dedhuma jiddee hin caccaddi;isi'iif wiiccifadha'aa bowa'a!Dedha hin fayyiti fa'a te'a,madaa isi'iitiif qorsa dibattu barbaada'a!» jedha.9Worri ormaa ka achi keessa le'u,«Nuuti Baabilon fayyisiisaaf wodhaanneerraayyu;isiin ammoo fayyuu hin dandeenne;muraan isii irratti muranteakka duumensaa ol kaatee,gubbaa waan dhaqqaddeef,isii lakkinnee,tokko tokkoon keenna gara biyya teennaa deenna» hin jedhan.10Yennaa san kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa,«Mootiin Waan Maraa dhugaa waan nu'uuf baaseef,kowa'a, waan Waaqi keenna Mootiin Waan Maraa hujeXiyoon keessatti lallannaa ti» hin jedhan.11Daaya qaradha'aatii,Wontee fudhadha'a!Yaadi Mootii Waan MaraaBaabilon balleessiisa waan te'eef,mootota Medoonii itti kakkaaseera.Mootiin Waan Maraa haluu hin baya;Galma ifiitiif haluu hin baya.12Dalleya Baabilonii diigiisaaf,beessisa keessan ol kaasa'a!Worra eegu itti jabeessa'a;eeddota itti ramada'a!Worra gaadu qopheessa'a!Mootiin Waan Maraawaan kolbaa Baabilonii irratti karoorfate,hin muummessa.13Ati ta bisaan hedduu bira leetu,ta qabeennaan duroonteertu,muummeen teeti dhikaatteerti,haganaa achi bu'aa haqa hin te'in hin dhaggattu.14Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade,ifiin kakatee,«Ani dhugumaan namoota akka tuuta awwaannisaasi keessatti hin guuta;isaanille si injifatanee hin qeexalan» jedha.