Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa50gax_twf

Ergaa Marroo Baabilonii

1Jechi Mootiin Waan Maraa marroo Baabiloniitii fi marroo kolbaa Baabilonii karaa Ermiyaasii raagichaatiin dubbatte ka asii gad jiru:2«Gosa biyya adda addaa oddu'utti lassiitii lallabi!Beessisa ol kaasiitii oduu tana lallabi!Waan tokkolle himiisaa adoo hin lakkisin,‹Baabilon hin qabanti;waaqi isi'ii ka dharaa Beel hin qaanowa;waaqi isi'ii ka dharaa Maardukille hin bararaqa;fakkiin waaqota isi'ii ka dharaa hin qaanowan;waaqoti dharaa ka isi'ii hin bararaqan› jedhii himi.
3«Gosi biyya gara kaabaa takka dhuttee,Baabilon loltee lafa isi'ii hin onsiti.Nami tokkolle achi keessa hin le'u;namii fi horiin achi keessaa hin baqatan.

Deebi'iisa Israa'elii

4«Bara san keessa, yennaa san,kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aawolitti qabamanee bowaaana Mootii Waan Maraa Waaqa ifiibarbaadatiisaaf hin dhufan.5Isaan fuula ifii gara Xiyoonii deebifataneekaraa gara isi'ii geessu gaafataa,dhufanee gondooroo bara baraa ta hin dedhanneana Mootii Waan Maraa woliin hin godhatan.
6«Kolbaan tiyya akka hoolee baddeeta tissitooti karaa irraa isaan gorsitee,gaara irra asii fi achi olokamane te'aneeran.Gaaraa fi kooba irra asii fi achi raafamaneeaddee ifii ta itti foorfatanu dedhaneeran.7Worri isaan dhaggu marti isaan laxaphi godhan;diinoti isaanii, ‹Nuuti womaa isaan hin yakkine.Isaan Mootii Waan Maraaka abbootiin isaanii ta durii addii godhatte duratticubbuu waan hujaneef,tun marti isaan irratti teete› jedhane.
8«Biyya Baabilonii keessaa baqadha'a!Lafa Baabilonii keessalle'ee baya'aatii,akka korbeessa re'e'ee ka re'ee sooressuu te'a'a!9Ani kunoo loltoota gosa biyya adda addaa guddoogara kaabaatii Baabilon irratti hin kaasa.Isaan isii lolanee hin qabatan;daayi isaanii akka daaya worra lolaan beekkameeka waan itti qabane irraa hin gorsinee ti.10Maarre Baabilon hin saamanti;worri isii saamu marti hin durooma.
11«Ee kolbaa Baabilonii! Kolbaa tiyya waan saantaneef,gammaddanee ilillittaneertaniiyyu;akka waatolee diida keessa burraaxuu teetanee,akka farda wodalee himimmitaneertaniiyyu;12amma ammoo qachaan keessan guddaan hin qaanowa;latti teessan ta akka haadhaa isiniif teete hin salphatti;gammoojjii, lafa godduu, goomoleeta gosa biyya adda addaa keessaa gad aante hin teeti.13Sababa aarii Mootii Waan Maraatiif ona teetee hin hatti;nami tokkolle isii keessa hin jiraatu.Nami karaa Baabilonii dabaru marti hin rifata;xixanis waan isii irra dhaqqabeef itti hin kolla.
14«Isin worri guube'een loltanu marti, Baabilon loliisaaf marsa'a;isiin Mootii Waan Maraa duratti cubbuu waan hujjeef,daaya keessan adoo hin qusatin isi'itti darbadha'a.15Karaa maraan isii loliisaaf iyya'a;isiin harka hin kennatti.Xelleephoon isi'ii hin jiddi;dalleenni isi'iille diigameera.Mootiin Waan Maraa waan haluu isii bayuuf,akkuma isiin worra dhibii irratti hujje,akkasuma isii irratti huja'aatii haluu baya'a.16Nama sanyii facaasuu fi nama midhaan haamuBaabilon keessaa balleessa'a.Sababa worra shallaaga'aan nama cunqursuutiif,nami marti gara kolbaa ifii deebi'uu ti;gara lafa ifiille baqatuu ti.
17«Kolbaan Israa'eliiakka hoolee neenqi ari'ee bittinneessu teeteerti.Dursee mootiin Asoorii isaan kukkute;achiin duuba mootiin Baabilonii Nebukadnezaarlafee isaanii caccasse.18Tanaaf Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,Waaqi Israa'elii, ‹Kunoo ani akkuma mootii Asoorii adabe,mootii Baabiloniitii fi lafa isaalle hin adaba.19Israa'eloota ammoolafa isaanii duriititti hin deebisa;Qarmelosii fi Baashaan irraa midhaan hin nyaatan;kooba Efreemiitii fi Giil'aadii irraamidhaan galfatanee hin quufan› jedha.20Bara san guyyaa sanitti,worra baraaree akka hafanu godhe saniifani waan araaramuuf,Israa'el irra yakkaa hin barbaadan;ammoo womaa irratti hin dhagganu;Yihudaa irra cubbuu hin barbaadan;ammoo womaa irratti hin dhagganu» ka jedhu.

Muraa Waaqaa Ta Baabilon Irratti Murante

21Mootiin Waan Maraa, «Lafa worra Meraataayimiitiitii fiworra Pheqod keessa le'u lola'a;isaan ari'a'aatii, ijjeesa'aa, ijjumaa balleessa'a;waan ani isin ajaju maraa godha'a.22Lafa irratti qeexalli lolaa,badiin guddoolle dhage'anteerti.23Baabilon ta duri akka burrisaa nama butuchaa turte,attam attam caccaddee bututte!Gosa biyya adda addaa oddu'utti attam attam onte!24Ee Baabilon,ani tiyyoo si dura keyeera.Atille adoo hin beekin qabatanteerta;ati ana Mootii Waan Maraa irratti waan kaateef,dhaggantee qabatanteerta.25Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u,worra Baabilonotaa irratti waan huju waan qabuuf,mana meya woraanaa banee,meya woraanaa ta mufii tiyyaa gad baaseera.26Biyya fagoo irraa kowa'aatii isi'itti duula'a.Gootaraa isi'ii diiga'a;akka midhaanii isii tuula'a.Baraareen adoo hin hafin,ijjumaa isii balleessa'a.27Akka dardaroota qalanu,loltoota isi'ii mara qala'a.Guyyaan isaan adabamanu waan dhikaateef,isaaniif aanne'e!» jedha.28Mootii Waan Maraa Waaqi keenna attam attam akka haluu baye,marroo Galma ifiitiif attam attam akka haluu inni baye,worri ari'amee lafa Baabilonii keessaa baqatee baye,Xiyoon keessatti waan isinitti himanu dhage'a'a.29Mootiin Waan Maraa, «Worra guube'een lolu maraakka Baabilon lolanu waama'a!Nami tokkolle miliqee akka hin baaneadaala isi'ii marsa'a.Isiin ana Mootii Waan Maraa,Woyyicha Israa'elii irratti waan koorteef,akkuma hujii isi'iititti gatii isi'iif kenna'a;akkuma isiin worra dhibii irratti hujjeisii irralle'etti huja'a.30Tanaaf dargaggooti isi'ii karaa irratti hin ijjeefaman;guyyaa san loltooti isi'ii marti hin dhumatan» jedha.31Goottaan, Mootiin Waan MaraaKa Waan Mara Dande'u, «Ee Baabilonii koortu,ani si irratti hin ka'a!Guyyaan ati adabantu dhikaateera.32Ati koorameettiin gufattee hin jidda;nami ol kaasulle hin jiru;ani qachaa keeti keessatti ibidda qassiisee,ibiddi sun waan adaala isaa jiru mara hin guba» jedha.33Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade,«Kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa cunqurfanteerti.Worri isaan booji'e jabeessee isaan qabee,gad isaan lakkisuu dideera.34Ka isaan wodu ammoo jaba'a;maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u.Inni lafa isaaniitiif foora kenniisaaf,jabeessee isaaniif hin falmata.Worri Baabilon keessa le'u ammoofoora hin dhaggatu» jedha.35Mootiin Waan Maraa,«Worra Baabiloniitii fi worra isii keessa le'u irratti,bulchitootaa fi qaroolee isi'ii mara irratti lolli ka'uu ti.36Raagota isaanii ta dharaa irratti lolli ka'uu ti;isaanille gowwoolee hin te'an.Loltoota isaanii irratti lolli ka'uu ti;isaanille hin bararaqan.37Fardaa fi garreettaa fardaan harkifamu ka isaanii irratti,loltoota biyya ormaata odduu isaanii jiru mara irratti lolli ka'uu ti;isaanille akka dubarti'ii hin te'an.Qabeenna isaanii mara irratti lolli ka'uu ti;isaanille hin saamaman.38Latti Baabilonii waaqota dharaatiin waan guutanteef,kolbaan waaqota nama bararassu waan leellifattuuf,Bisaan isi'ii irratti oolaan hin dhufa;bisaan isi'iille hin goga.
39«Tanaaf bineensoti goomole'eetii fiworaabessi achi hin le'an;guchiille achi keessa hin bulti.Haganaa achi nami tokkolle isii keessa hin le'u;dhalootaa haga dhalootaatittinami tokkolle achii keessa hin le'u.40Sodoomii fi Gomoraaqachoota adaala isaanii jiranu mara woliinani Mootiin Waan Maraa akkuma diigee balleesse,isiille diigee hin balleessa.Nami tokkolle achi keessa hin le'u;nami tokkolle achi keessa hin jiraatu.
41«Kunoo, loltooti gara kaabaatii dhufiisatti jiran;kolbaan biyya takkaa hunnaametti'ii fi moototi hedduun,qaccee lafaa irraa ka'anee dhufiisatti jiran.42Isaan guube'ee fi woraana qabataneeran;isaan worra gadhi jabeeyyi'i;marartiille hin qabanu.Ee Baabilon, isaan si loliisaaffardo'oon gulufaa yennaa dhufanu,hididdeettiin akka abbaayaa bulphittuu ti.43Mootiin Baabilonii oduu isaanii dhage'ee,harki irraa bu'e;naasu'uun qabamee akka dubartii ciniinsifattuu te'e.
44«Akkuma neenqi gongomaa ciggaa Yordaanosii keessaa,gara lafa marra bisile'ee dhufu,anille dedhuma gara worra Baabilonii dhufee,lafa isaanii keessaa isaan hin ari'a;nama ifii filadhe isii irratti hin mootonsa.Nami akka kiyyaa eennu ree?Nami ‹Maaf tana goote?› jedheena gaafatu eennu ree?Tisseen na dura dhaabbatee na dhooggu eennu ree?45Tanaaf, waan ani Mootiin Waan MaraaBaabilon irratti fidiisaaf yaadeeru,yaada ani lafa worra Baabilonii loliisaaf qopheeffadheeru dhage'a'a!Ijoolleen isaanii akka ilmoolee hoole'eeharkifamanee hin fudhataman;sababa isaaniitiif kaloon isaanii hin baddi.46Iyya qabamiisa Baabiloniitiin,latti hin tachooti;iyyi isi'iille gosa biyya adda addaa oddu'uttihin dhage'ama» jedha.