Ermiyaas49gaz_bib
Ergaa Waaʼee Amoon
1Waaʼee Amoonotaa:Waaqayyo akkana jedha:“Israaʼel ilmaan hin qabuu?Inni nama isa dhaalu hin qabuu?Yoos Moolek maaliif Gaadin dhalche ree?Namoonni isaa maaliif magaalaa ishee keessa jiraatu?2Garuu barri ani itti Rabbaa Amoonotaattisagalee waca waraanaa dhageessisu tokko ni dhufa”jedha Waaqayyo.“Isheen tuullaa badiisaa ni taati;gandoonni naannoo ishee jiranis ibiddaan gubamu.Ergasii Israaʼel warra ishee ariʼee baase sanaariitee biyyaa ni baafti,”jedha Waaqayyo.3“Yaa Heshboon wawwaadhu, Aayi barbadoofteertii!Yaa jiraattota Rabbaa iyyaa!Wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa;dallaa keessa asii fi achi fiigaa;Moolek lubootaa fi qondaaltota isaa wajjinboojiʼamee ni fudhatamaatii.4Ati maaliif sulula keetiin boonta?Maaliif sulula kee gabbataa sanaan boonta?Yaa intala hin amanamne ati sooruma kee abdattee,‘Eenyutu na tuqa?’ jetta.5Ani warra naannoo kee jiraatan hunda irraasodaa sitti nan fida”jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.“Tokkoon tokkoon keessan ni ariʼamtu;namni baqattoota walitti qabu tokko iyyuu hin jiru.6“Taʼu illee ani ergasii hambaawwan Amoonotaa deebisee nan dhaaba”jedha Waaqayyo.
Ergaa Waaʼee Edoom
7Waaʼee Edoom:Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:“Siʼachi Teemaan keessa ogummaan hin jiruu?Hubattoota duraa gorsi badeeraa?Ogummaan isaanii sameeraa?8Warri Deedaan keessa jiraattan garagalaa,baqadhaatii holqa gad fagoo keessa dhokadhaa;ani yeroo Esaawun adabuttibadiisa isatti nan fidaatii.9Warri gumaa wayinii guuran utuu gara kee dhufanii silaaqarmii wayii hin hambisanii?Hattuun yoo halkan dhufte,Isaan hammuma barbaadan qofa fudhatanii hin deemanii?10Ani garuu Esaawun qullaa nan hambisa;akka inni itti hin daʼanneefani iddoo inni itti dhokatu ifatti nan baasa.Ijoolleen isaa, firoonni isaatii fi olloonni isaa ni badu;innis siʼachi hin jiraatu.11‘Daaʼimman kee kanneen warra hin qabne dhiisi;anatu isaan jiraachisaatii.Haadhonni hiyyeessaa kee na amanachuu dandaʼu.’ ”12Waaqayyo akkana jedha: “Yoo warri xoofoo dhuguun isaaniif hin malin ishee dhuguu qabaatan, ati maaliif utuu hin adabamin hafta ree? Ati ishee dhuguu qabda malee utuu hin adabamin hin haftu.13Ani akka Bozraan diigamtee waan sodaa, waan fafaatii fi waan abaarsaa taatu maqaa kootiin nan kakadha” jedha Waaqayyo. “Magaalaawwan ishee hundis bara baraan ni diigamu.”14Ani ergaa tokko Waaqayyo irraa dhagaʼeera:Ergamaan tokko akkana jechuuf gara sabootaatti ergame;“Ishee loluuf walitti qabamaa!Waraanaafis baʼaa!”15“Ani amma saboota gidduutti sin xinneessa;namoota keessatti illee tuffatamaa sin godha.16Ati kan hallayyaa kattaa irra jiraatteefiixee tulluu qabattee jirtu,sodaan ati odeessituu fiof tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera.Yoo ati akkuma risaa ol fageessiteemana ijaarrattu iyyuu ani achii gad sin buusa”jedha Waaqayyo.17“Edoom waan sodaa taati;namni achiin darbu hundis sababii madaa ishee hundaatiifdinqisiifatee isheetti kolfa.18Isheen akkuma Sodoomii fi Gomoraanmagaalaawwan naannoo isaanii jiran wajjin balleeffaman sana ni taati”jedha Waaqayyo,“namni tokko iyyuu achi hin jiraatu,sanyiin namaa tokkos ishee keessa hin qubatu.19“Ani akkuma leenca bosona Yordaanosii baʼeegara lafa dheedaa gabbataa dhufu tokkoodafee Edoomin biyya isheetii nan ariʼa.Filatamaan ani waan kanaaf muudu eenyu?Kan akka koo eenyu? Eenyutus naan morkuu dandaʼa?Tiksee akkamiitu fuula koo dura dhaabachuu dandaʼa?”20Kanaafuu waan Waaqayyo Edoomitti karoorfate,waan inni warra Teemaan keessa jiraatanitti yaades dhagaʼaa.Ilmaan bushaayee harkifamanii ni fudhatamu;innis sababii isaaniitiif jedhee lafa dheeda isaanii ni barbadeessa.21Sagalee kufaatii isaaniitiin lafti ni raafamti;iyyi isaanii hamma Galaana Diimaatti ni dhagaʼama.22Ilaa! Risaan tokkoo Bozraa irratti qoochoo balʼiseefurguggifamaa gad buʼaa jira.Bara sana keessa garaan loltota Edoomakkuma garaa dubartii ciniinsifachuutti jirtu tokkoo taʼa.
Ergaa Waaʼee Damaasqoo
23Waaʼee Damaasqoo:“Hamaatii fi Arfaad ni raafamu;isaan oduu hamaa dhagaʼaniiruutii.Isaan abdii kutatanii akkuma galaana boqonnaahin qabne tokkoo jeeqamaniiru.24Damaasqoon dadhabdeerti;isheen baqachuuf gara galteerti;sodaan guddaan ishee qabateera;akkuma miixuu dubartii ciniinsifattuu,rakkinaa fi miixuun isa qabeera.25Magaalaan beekamaan,magaalaan ani itti gammadu sun akkam gatamti!26Dhugumaan dargaggoonni ishee karaa irratti dhumu;loltoonni ishee hundinuu gaafas afaan qabatu”jedha Waaqayyo.27“Ani dallaawwan Damaasqootti ibidda nan qabsiisa;ibiddi sunis daʼannoo Ben-Hadaad gubee balleessa.”Ergaa Waaʼee Qeedaariitii fi Haazoor
28Waaʼee Qeedaariitii fi waaʼee mootummoota Haazoor kanneen Nebukadnezar mootiin Baabilon lole sanaa:Waaqayyo akkana jedha:“Kaʼaa, Qeedaarin lolaatiisaba gama Baʼa Biiftuu barbadeessaa.29Dunkaanonni isaaniitii fi bushaayeen isaanii ni fudhatamu;golgaawwan isaanii miʼaa figaalawwan isaanii wajjin fudhatamu.Namoonnis, ‘Gama hundaan sodaatu jira!’jedhanii iyyu.30“Isin warri Haazoor keessa jiraattan dafaa baqadhaa!Holqa gad fagoo keessa dhokadhaa”jedha Waaqayyo.“Nebukadnezar mootiin Baabilon isinitti malateera;inni daba isinitti yaadeera.31“Kaʼaatii saba nagaa qabu kan of amanatee jiraatusaba karra yookaan danqaraa karraa hin qabne sanatti duulaa;uummanni isaa kophuma ofii isaa jiraata”jedha Waaqayyo.32“Gaalawwan isaanii ni hatamu,horiin isaanii baayʼeenis ni boojiʼama.Ani warra lafa fagoo jiran qilleensatti bittinneesseegama hundaan balaa isaanitti nan fida”jedha Waaqayyo.33“Haazoor iddoo jireenyaa waangoo,lafa bara baraan onte taati.Namni tokko iyyuu achi hin jiraatu;namni tokko iyyuu ishee keessa hin qubatu.”