Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa48gax_twf

Ergaa Marroo Mo'aabii

1Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, Marroo Mo'aabii,«Qachaan Nebo'oo waan diigamuuf,isaaf aanne'e!Qachaan Kiriiyat-Aayimii hin salphata; hin qabamalle'ekusheen jadduun isaalle hin salphatti;hin diigantille'e.2Haganaa achi Mo'aab deebitee hin leellifantu;namooti qachaa Heshiboonii keessattiMo'aab deebitee akka hin beekkanne,‹Kowa'a biyya Mo'aabii balleessina› jedhaa mala itti hin dhowan;worri qachaa Maadmeenii keessaalle hin dhumata;shallaagaan isaan hin ari'a.3Iyya Horonaayim keessaa,ta diigamiisaatii fi ta badii guddo'oo caqasa'a!4Mo'aab hin diiganti;ijoolleen isi'iille hin iyyiti.5Bowaa gara Luhiitii ol hin bayan;badiin waan isaan dhaqqaddeef,wiiccifatanee bowaa qachaa Horonaayimii irraa gad hin bu'an.6Baqadha'aatii, lubbuu teessan hamburadha'a!Akka kolbaa qachaa Aro'erii ta goomolee keessaa fagaadha'a!7Hujii teessanii fi durummaa teessanitti waan addatanuuf,isin hin booji'antan;waaqi dharaa kemoshille hayyootaa fiqondaaltota ifii mara woliin hin booji'ama.8Mootiin Waan Maraa waan dubbateef,ka qachaa balleessuqachaa tokko tokkooyyuu loliisaaf hin dhufa;qachaan tokkolle miliqee jalaa hin bayu;dhooqii fi latti gooroo irraa hin badan.9Mo'aab duwwaa waan teetuuf,soodda itti facaasa'a;qachaan isi'ii onee ka nami keessa hin jirre hin te'a» jedha.10Nami hujii Mootii Waan Maraa hujiisaaf rincicu ka abaarame te'uu ti;Mootiin Waan Maraa ajajeeruun,nami shallaagaa ifiiakka dhiiga hin dhangalaanne dhooggatu,ka abaarame te'uu ti.

Qachaan Mo'aabii Bade

11Mootiin Waan Maraa,«Mo'aab ijoollumma'aa jalqaddeerakkoo hin beettu;isiin akka daadhii woyni'ii ta qararantee,okkotee taan irraa gara okkotee dhibi'iiadoo hin naqamin turtee,ta mi'aan isi'ii akkuma qaraa jiruutii fita uddaan isi'ii hin jijjiiraminii ti;kolbaan isi'ii booji'antee hin beettu.12Tanaaf guyyaan ani namoota akka okkote'eeMo'aab dhudhulchanu ergu hin dhufa;isaan Mo'aab akka okkote'ee dhuldhuchaneeduwwaa hamburanee hin caccassan.13Akkuma Israa'elooti,yennaa waaqa dharaa Bet'elitti addatane salphatane,Mo'aabotille waaqa ifii ka dharaa Kemoshiin hin salphatan.14Isin kolbaan Mo'aabii,attam, ‹Nuuti loltoota hunnaameyyi'i;nuuti loltoota janna› ifiin jettan?15Ani mootichi,Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,‹Mo'aab hin baddi;qachaan isi'iille hin qabatama;dargaggooti isi'ii ta dhiiraaworri mimmidhaagaan hin ijjeefaman› jedhee dubbadheera.16Jinnanni Mo'aabii dhikaateera;badiin isi'iille ariiti'iin hin dhutti.
17«Worri adaala isi'ii jirtanu marti,worri gurra isi'ii beettanu marti,‹Uleen isi'ii ta bokku'uu hunnaamettiin,uleen isi'ii ta ulfinnaa attamiin cadde?› jedha'aatii isi'iif bowa'a.18Mo'aab ka balleessuisin loliisaaf dhufee,qachoota keessan ka dalleya dhaka'aa qabu waan diiguuf,isin worri qachaa Diibonii keessa leetanu,addee teessan ta ulfinnaa san irraa gad bu'a'aatiilafa godduu irra tee'a'a!19Isin worri qachaa Aro'er keessa leetanu,karaa irra dhaabbadha'aatii eega'a;nama baqatuu fi dubartii milixxu,‹Maanti maan te'e?› jedha'aatii gaafadha'a.20Isaanille, ‹Mo'aab waan diiganteef salphatteerti.Isi'iif wiiccifadha'aatii bowa'a!Akka isiin baddelle laga Aarnonii biratti lallaba'a› hin jedhan.21«Qachoota gooroo irraa keessaa Holoon, Yaahaz, Mefaat irratti,22Diibon, Neboonii fi Bet-Diiblaataayim irratti,23Kiriiyat-Aayim, Bet-Gaamul, Bet-Me'on irratti,24Keriyotii fi Bozraa irratti, qachoota Mo'aabii ka dhiko'oo fi fagoo jiranu mara irratti muraan dhutteerti.25Gaafi Mo'aabii cabeera; irreen isi'iille caddeerti» jedha.

Salphinna Mo'aabii

26Mootiin Waan Maraa, «Mo'aab na caalaa waan ifi gudditteef, akka machoottu, diddiga ifii irralle'etti jiddee akka itti kollanu hin godha.27Ee Mo'aab! Kolbaan Israa'elii tun hanna irratti qabanteertii?Ati yennaa waan isaanii dubbattu maaf mataa raasaa itti murgita ree?28Ee isin worri Mo'aab keessa leetanu,qachoota keessaa baya'aatii rassaa keessa le'a'a;akka saphaliisa goda qarqaratti mana ijaaratuu te'a'a.
29«Nuuti koora Mo'aabii,guddoo bondhooriisa isi'iitii fi ifi saadiisa isi'ii,kooraa fi hunnaan nama irratti ka'iisa isi'ii,tuffii isi'iille dhageenneerra.30Ani Mootiin Waan Maraa koorri isi'ii soba akka te'e hin beeka;ifi jajiis isi'ii kun womaa hin bayu.31Tanaaf, ani Mo'aabiif hin wiiccifadha;nama Mo'aab keessa jiru maraaf hin bowa;worra Qiir-Heresiitiifille hin gadda.32Ee muka woynii qachaa Siibmaa,qachaa Yaazeriitiif haga bowu caalaa si'iif hin bowa;dameeleen teeti haga qarqara abbaaya'aa,haga abbaayaa Yaazerii banqaaqaneeran.Ka balleessu dhufee,midhaan dura bilchaatee fiunkuruura woyni'ii hin balleessa.33Fichaa Mo'aabii ka midhaan dansaa kennu keessaa,gammadaa fi ililleettiin dhabanteerti;ani daadhii woyni'ii addee itti cunfanu keessaa balleesseera;nami gelele'een cunfu hin jiru;hogaan jiraatulle,hogaa gammadaatii moti.
34«Qoonqoon iyya isaaniiHeshiboon keessaa haga El'aaleetii fihaga Yaahaziititti,Zo'aari keessaa haga Horonaayimiitii fihaga Eglaat Shelshiiya'aatitti hin dhage'anti;bisaan Niimriimiituu hin goga.35Ani worra addee waaqonfanna'aa irratti,kennansa dhikeessu fiworra waaqota dharaa ifiitiif hixaana aarsu,Mo'aab keessaa hin balleessa.36Qabeenni Mo'aabiitii fikolbaa Qir-Heresii waan badeef,akka worra suusullee gaddaa afuufaa gadduu,gadhaan kiyya isaaniif hin gadda.37Marti isaanii mataa haadatanee,areeda ifiille quxataneeran;harka ifii mummuratanee,woyaa gaddaa uffataneeran.38Akka okkotee nami hin barbaannee,ani Mo'aab waan casseef,heellichoo mana Mo'aabii mara irraa fiwoldeennaa kara'aa mara irratti,bowa malee wonni dhage'amu hin jiru.39Mo'aab attam attam bututte!Kolbaan isi'ii attam attam wiiccifatte!Isiin attam attam salphattee duubatti deebite!Mo'aab ta nami itti kollu,worra adaala isi'ii jiru maratti,waan hantuu nami dhaggee bararaqu teeteerti» jedha.
40Ammalle Mootiin Waan Maraa,«Kunoo, akka risaa koola ifii badhisee xinniquu,diinni Mo'aab irratti hin dhufa.41Qachooti isi'ii hin qabaman;kusheen isi'ii jadduun hin fudhataman;guyyaa san loltooti Mo'aabii,sodaatanee akka dubartii ciniinsifattuu hin te'an.42Mo'aab ana Mootiin Waan Maraa irratti waan ifi saaddeef,mootummaan isi'ii hin baddi.43Ee kolbaa Mo'aabii,bararaqi, boollii fi tiyyoon isin dura jirti.44Bara ani isaan adabu worri bararaqee baqatuboolla keessa hin bu'a;worri boolla keessaa utaalee bawu,tiyyo'oon hin qabama.45Qachaa Heshiboonii keessaa ibiddi,mana Sihoonii mootichaa keessalle'ee bobe'i ibiddaa bayee,adda Mo'aabii,buqqii mataa worra hogisee kooruu,gubee hin balleessa.Worri baqatee gara Heshoobii dhufe,dadhabee gaaddisa isi'ii jala hin dhaabata.46Ee Mo'aab si'iif aanne'e!Kolbaan Kemoshii baddeerti;ilmaan teessan qabamaneeran;ijoolleen duraa teessanillebooji'amaneeran.
47«Te'uu malee barri ani worra Mo'aab keessaa booji'ameadde'etti deebisu hin dhufa;muraan Mo'aab irratti murante as irratti dhumatti» jedha.