Ermiyaas47gaz_bib

Ergaa Waaʼee Filisxeemotaa

1Dubbiin Waaqayyoo kan waaʼee Filisxeemotaa kan utuu Faraʼoon Gaazaa hin dhaʼin dura gara Ermiyaas raajichaa dhufe kanaa dha:
2Waaqayyo akkana jedha:“Kunoo, karaa kaabaatiin bishaan ol kaʼaa jira;bishaan kunis lolaa guutee irra dhangalaʼu taʼa.Innis biyyattii fi waan ishee keessa jiru,magaalaawwanii fi warra isaan keessa jiraatan hunda irra garagala.Uummanni ni booʼa;warri ishee keessa jiraatan hundis ni wawwaatu;3kunis sababii didicha kottee fardeen gulufanii,girrisa gaariiwwan diinaatii fiqaqawweessa goommaa isaaniitiif.Abbootiin ijoollee isaanii gargaaruuf duubatti gara hin galan;harki isaaniis isaan irratti laamshaʼa.4Filisxeemota hunda balleessuufhambaa Xiiroosii fi Siidoonaagargaaruuf hafan hundas balleessuufguyyaan sun dhufeeraatii.Waaqayyo Filisxeemota,hambaa qarqara Kaftoor balleessuu gaʼeera.5Gaazaan gaddaan mataa ishee haaddatti;Ashqaloon ni calʼisti.Yaa hambaa dirree irraaisin hamma yoomiitti of ciccirtu?
6“Isin, ‘Yaa goraadee Waaqayyooati hamma yoomiitti hin boqonne?Manʼee keetti deebiʼi;calʼisii taaʼi’ jettanii iyyitu.7Garuu utuu Waaqayyo isa ajajuu,yeroo Waaqni akka inni Ashqaloonii fiqarqara galaanaa dhaʼuuf qajeelfama isaa kennuttiinni akkamitti boqochuu dandaʼa?”