Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa47gax_twf

Ergaa Marroo Biyya Filisxeemotaa

1Mootiin Gibxi'ii Fara'oon qachaa Gaaza'aa lolee adoo hin injifatiniin dura marroo Filisxeemotaa ergaan Mootii Waan Maraa ta gara Ermiyaasii dhutte ta asii gad jirtu:2Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, karaa Kaabaatiin bisaan guutee dhufiisatti jira:«Lolaa jabaa hin te'a;lafa sanii fi waan achi keessa jiru maraqacha'aa fi waan qachaa keessa jiru mara hin golla.Kolbaan qoonqoo ol qabattee hin iyyiti;namooti lafa irra le'anu marti wiiccifatanee hin bowan.3Sababa hididdeettii kottee fardo'ootii figarreettaa diinaa,sababa kokokkeessa korbo'ootiif,abbootiin hunna waan dadhadduuf,ijoollee ifii qarqaariisaaf duubatti hin deebitu.4Filisxeemota mara balleessiisaaf,worra hafee isaan qarqaaru mara,Xiiroosii fi Sidoon keessaaguyyaan ani isaan balleessu dhikaateera;worra Filisxeemotaa ka hafane,ka dur oddoola Kaftoriitii dhufane,ani balleessiisaaf ka'eera.5Kolbaan qachaa Gaaza'aa gaddanee mataa ifii hin haadatan;kolbaan qachaa Ashiqalonii hin dhumatti.Isin worri dhooqa keessatti baraaree hattanehaga yoomii gadditanee nafa ifi mummurtan?6«Isin, ‹Ee shallaagaa Mootii Waan Maraa!Ati yoom foorfatta?Gonofaa keetitti deebi'iitiicadhi jedhii tee'i› jedhaa hin iyyitan.7Ani Mootiin Waan Maraa shallaagaa kiyyaqachaa Ashiqaloniitii fiworra qarqara abbaaya'aa akka loltuuf eega ajaje,attam foorfata ree?» jedhe.