Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa46gax_twf

Ergaa Marroo Biyya Gibxi'ii

1Ergaan marroo gosa biyya adda addaatiif gara Ermiyaasii dhutte ta asii gad jirtu:2Ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim mootii Yihuda'aa te'ee woggaa arfeesso'ootitti, qachaa karkemeshii laga Efraaxiisii biratti, loltoota mootii Gibxi'ii Fara'oon Nekoonii, ta mootiin Baabilonii Nebukadnezaar injifate irratti, ergaan marroo Gibxi'iitiif dubbatante ta asii gad jirtu:3«Wontee teessan gugurdo'oo fi didiqqoo qopheeffadha'a,lolaafille baya'a!4Farda keessan bixaalladha'a!Gullee teessan ta sibiilaa keyadha'aatii addee qabadha'a!Eboo keessan qaradha'aatiiqomoo teessan ta sibiilaa uffadha'a.
5«Mootii Waan Maraa, ‹Wonni ani dhaggu kun maan?Isaan bararaqaneeran;gara duubaa deebi'aneeran;loltooti isaanii jajjaboon injifatamaneeran;ifi duuba adoo hin ilaalinariiti'iin baqataaran;bararaqiisi isaan marseera› jedha.6Worri akka malee rukkisu,worri jajjabille jalaa bayuu hin dande'u;biyya gara kaabaa laga Efraaxiisii biratti,gufatanee hin jigan.7Ka akka laga Nayilii ol ka'u,ka akka laga guutee irraan dhangala'uu kun eennu?8Gibxi akka laga Nayilii ka ol ka'uu ti;akka bisaan laga guutee irraan dhangala'uu ti.Isiin, ‹Ani ka'ee lafa hin golla;qachootaa fi namoota isa keessa le'anulle hin balleessa› jetti.9Ee abbootii fardaa, ka'a'a!Worri garreettaa fardaan harkifamu oottanulle ariiti'iin oofa'a!Worri Itoophiya'aatii fi Fuxii ka wontee qabattaneertanu,goototi Ludii ka guubee qopheeffattaneertanu,ka'a'aatii duula'a.10Guyyaan sun ammoo guyyaa Gootta'aa,Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'uu ti;guyyaa inni diinota ifii haluu bayu;shallaagaan isaa haga quufutti isaan hin nyaata;haga dheebuu bawutti dhiiga isaanii hin una.Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'uuf,biyya gara kaabaa laga Efraaxiisii biratticiincaan hin dhikaata.11Ee kolbaa Gibxi'ii ta akka intala durraa,gara Giil'aadii dhaqa'aatii qorsa dibatanu barbaadadha'a;isin akkasumaan qorsa barbaadattan malee,hin fayyitanu.12Gosi biyya adda addaa marti salphinna keessan hin dhage'an;iyyi teessanille lafa hin guuti;loltooti loltootaan gufataneelamaanuu woliin hin jigan» jedhe.

Dhufa Nebukadnezaarii

13Mootii Baabilonii Nebukadnezaarii dhufee biyya Gibxi'ii akka lolu ergaan Mootiin Waan Maraa Ermiyaasitti dubbatte ta asii gad jirtu:14«Shallaagaan worra adaala keessan jiru waan fixxuuf,addee teessan qabadha'aatii qophowa'a!» jedhiitii,ergaa tana biyya Gibxi'ii keessatti lassi;worra qachaa Miigdolii, Nofiitii fi Taahafenee keessa jiru maralle'eef lallabi.15Loltooti teessan jajjabi maaf jigane?Mootiin Waan Maraa waan isaan gad darbuufdhaabbatuu hin dande'anu;16Isaan waan guggufatanuufwol irratti hin jijjigan;wol woliin, «Kowa'a gara kolbaa teennaatii figara lafa teennaa deebina;shallaagaa diina keennaa jalalle'ee baqanna» hin jedhan.17Isaan achitti, «Mootii Gibxi'ii Fara'oon, nama afaan calla'aa,ka carraa ifiititti hin fayyadanne» jedhanee maman.18Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,mootichi, «Ani jiraata'a; mootichi hunnaamessika akka gaara Taaborii ka gaarota oddu'utti mudhatuu,ka akka gaara Qarmelosiika abbaayaa qarqara jiruu fakkaatu hin dhufa.19Isin worri biyya Gibxi'ii keessa leetanubooji'amiisaaf meya keessan qopheeffadha'a;qachaan Noofii diigamee, oneeka nami keessa hin jirre hin te'a.20Gibxi akka goronsa miidhaguu ti;faachi isii iddu ammoo gara kaabaatii itti hin dhufa.21Loltooti biyya Gibxi'ii keessatti bitamanee odduu isaanii jiranu,worri akka dardara coome,yennaan isaan adabamanuu figuyyaan badii isaanii waan dhikaateef,isaan gara duubaa deebi'anee hin baqatan;addee dhaabbatanetti ifi irraa dhooggatiisa hin dande'anu.22Diinni isaan loliisaaf akka nama muka muruu,agaraa qabatee waan itti dhufuuf,worri Gibxi'ii akka dhudhuufa'aa siissaa,isaan duraa hin baqatan.23Isaan loltoota Gibxi'ii ta akka gongomaa cigga'aaciranee hin fixan;Laakkossi loltoota saniiakka awwaannisaa bacaa waan te'aneef,nami isaan laakkowuu hin dande'u.24Kolbaan biyya Gibxi'ii hin salphatti;kolbaa gara kaabaatitti dabarfantee hin kennanti» jedha.25Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii, «Amoonii waaqa qachaa Tebesii, biyya Gibxi'ii, moototaa fi waaqota isi'ii, worra mooticha isi'iititti addatu mara hin adaba;26Nebukadnezaarii mootii Baabiloniitii fi loltoota isaa worra isaan ijjeesiisaaf barbaadanutti dabarsee isaan hin kenna; te'uu malee, gara duraa ammoo biyyi Gibxi'ii akkuma durii ta nami keessa le'u hin teeti.
27«Ee tajaajiltoota tiyyasanyii Yaaqoobii hin sodaatina'a;Ee kolbaa Israa'elii hin rifatina'a!Ani biyya fago'ootii isin hin fida;sanyii teessanillelafa isaan itti booji'amanee jiranu keessaa hin baasa;sanyiin Yaaqoobii deebitee nageyaan leeti.Nami isaan sodaachisulle hin jiraatu.28Ee tajaajiltoota tiyya sanyii Yaaqoobii,ani isin woliin waan jiruuf hin sodaatina'a!Gosa biyya adda addaata ani odduu isaaniititti isin bittinneesse mara hin balleessa;isin ammoo hin balleessu.Ani haqaan isin adaba malee,adoo isin hin adabin hin lakkisu» jedha.