Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa43gax_twf

Ermiyaas Gara Gibxi'ii Geessane

1Ermiyaas jecha Mootii Waan Maraa ka Waaqa isaanii mara ka inni akka inni isaanitti himuuf isa erge san kolbaa maratti himee yennaa fixe,2ilmi Hoshaa'iya'aa Azaariyaan, ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi worri kooru marti Ermiyaasiin, «Ati hin hollitta! Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna, ‹Achi qubatiisaaf gara biyya Gibxi'ii hin dhaqina'a› jettee akka nutti hintuuf gara keenna si hin ergine.3Ammoo ilmi Neriiya'aa Baaruk akka nuuti harka worra Baabiloniititti dabarfannee kennannee ijjeefannuuf yookiin booji'anee gara biyya Baabilonii akka nu geessanuuf nu irratti si kakkaaseera» jedhane.4Maarre ilmi Qaarehaa Yohaannaan, ajajjooti loltootaa martii fi kolbaan marti Mootii Waan Maraatiif ajajamanee biyyaa Yihuda'aa keessa le'iisa didane.5Ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjooti loltoota marti ammoo, Yihudaa biyya Yihuda'aa keessa le'iisaaf gosa biyya adda addaa addee itti bittinnowane keessaa deebi'anee dhufane mara fudhatanee deemane.6Akkasuma dhiira, dubartii, ijoolle'ee fi ijoollee mootichaa ta durraa, ta ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan harka akaakoo Shaafaanii ilma Ahiiqaam Gedaaliya'aatitti lakkisee fi Ermiyaasii raagicha, ilma Neriiya'aa Baarukille fudhatanee deemane.7Maarre isaan Mootii Waan Maraatiif ajajamuu didanee, biyya Gibxi'ii seenanee haga qachaa Taahafeneetii deemane.8Qachaa Taahafeneetii keessatti jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee,9«Dhakoota gugurdaa fuudhiitii, seensuma balbala mana mootumma'aa ta Fara'oonii, ta qachaa Taahafeneetii keessaatitti, adoo Yihudooti dhaggituu lafa faarri loobame itti afame jalatti awwaali.10Achiin duuba isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan mara Dade, Waaqi Israa'elii: Ani tajaajilaa kiyya mootii Baabilonii Nebukadnezaar waamee fidee, barcumaa mootumma'aa ka isaa dhakoota amma ani asitti awwaale kana irra hin keya; innille dunkaanii mootummaa ifii dhakoota kana irratti hin dhaabata.11Mootiin Baabilonii Nebukadnezaarii dhufee worra Gibxi'ii hin lola; worra duuti itti murante hin ijjeesa; worra boojuun itti murante hin booji'a; worra shallaaga'aan akka du'u itti murante, shallaaga'aan hin ijjeesa.12Inni galma waaqota Gibxi'ii hin guba; waaqota isaaniille hin booji'a; akkuma tisseen woyaa irratti woyaa facaafattu, inni biyya Gibxi'ii biyya ifii irratti ede'atee nageyaan hin deema.13Inni soodduu galma waaqota adu'uu ka Gibxii keessaa hin caccassa; mana waaqota Gibxi'iille hin guba jedha› jedhiin» jedhe.