Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa4gax_twf

Waamicha Cubbuu Irraa Deebi'iisaa

1Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Israa'elii, yoo deebi'uu barbaaddane, gara kiyya deebi'a'a; waaqota dharaa keessan battii san ila tiyya duraa balleessitanee, worra addatamaa yoo naaf teetane,2dhuga'aan, haqaa fi balchumma'aan, ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee› jettanee yoo kakattane, gosi biyya adda addaa isaan hin eebbifanti; ulfinnalle isaan hin dhaggatti» jedha.3Mootiin Waan Maraa kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Israa'eliitiin, «Lafa hin qotamin qota'a; odduu qore'eetitti hin facaasina'a.4Isin kolbaan Yihuda'aatii fi worri Yerusaalem keessa leetanu, ana Mootii Waan Maraa keessaniif adda ifi baasa'a; yoo diddane sababa hujii hantuu teessaniitiif aariin tiyya akka ibiddaa bobeettee isin hin fixxi; ka isii dhaanfu hin jiru.
5«Lafa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii keessattitultullaa afuufaa,qoonqoo teessan ol qabadha'aatii, ‹Wolitti qabama'a! Garaqachoota dalleya dhaka'aa qabuu baqannuu ti!› jedha'a.6Ani gara kaabaa irraa bala'aa fi badii guddoo waan fiduuf,baandiraa qabadha'aatii,adoo hin turin gara Xiyoonii baqadha'a.7Ka gosa biyya adda addaa balleessuakka neenqa gongomaa keessaa bayuu,lafa teessan balleessiisaaf,qachoota keessan diigee,nami tokkolle akka keessa hin jiraanne godhiisaaf,addee ifii irraa karaa irratti bayeera» jedha.8Maarre mufiin Mootii Waan Maraa ta akka ibiddaa bobeettu,waan nu irraa hin deebi'iniif,woyaa gaddaa uffadha'aatii, wiiccifadha'aatii bowa'a.9Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa san mootichii fi qondaaltoti isaa addii hin kutatan; hayyooti hin sheephitti; raagotille hin rifatti» jedhe.10Achiin duuba ani, «Maaloo, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dandeettu, shallaagaan adoo morma keenna irratti aggatamee jiruu, ati ‹Nageenni isiniif hin te'a› jedhaa kolbaa tanaa fi Yerusaalemii attam attam sodde ree!» jedheen.11Mootiin Waan Maraa, «Yennaa san kolbaa tanaa fi Yerusaalem irratti, qilleensi gubu qaccee koobota goddu'uu irraa gara kolbaa tiyyaa hin dhowa; qilleensi sun ammoo midhaan hafarsiisaaf yookiin qulleessiisaafii moti.12Ani isaanitti waan muruuf, qilleensi akka malee jaba'aa ajaja kiyyaan ergamee hin dhufa» jedhe.13Yennaa san ani, «Kunoo, diinni akka duumensaa, garreettaan isaanii ka fardaan harkifamu akka hobonbolatti'ii dhufan; fardooleen isaanii risaa caalaa xinnixxi; banne, aanne'e nu'uuf.14Ee Yerusaalem, akka fayyittuuf, hammeenna gadhaa keeti keessaa dhiqadhuu baasi; haga yoomii hammeenni si keessa jiraata?15Qachaa Daanii keessaa qoonqoon hin dhage'anti; koobota Efreemii irralle'ee badiin hin lallabanti.16Waan kana gosa biyya adda addaatitti hima'a; Yerusaalemille'etti lassa'aatii, ‹Loltooti si marsitu biyya fago'oo irraa hin dhufan; qachoota Yihuda'aa loliisaaf, itti hin caancaan.17Yerusaalem na irratti waan kaateef, akka namooti fichaa eegatanu, diinoti Yerusaalem hin marsan› jedha'a» jedhe.18Ee Yihuda'a, ideensi keetii fi hujiin teeti tana si'itti fidde; tun adabama keeti; adabamiis keeti kun attam attam hadhowa'a; gadhaa keeti keessa dhaqqabeera.19Hoola farra tiyya! Hoola farra tiyya!Ani dhibe'een gugguufe.Hoola laalaa gadhaa kiyyaa!Ani qoonqoo tultulla'aatii fi iyya lolaa waan dhage'eef,gadhaan kiyya na dhowata; ani ossuu hin dande'u.20Badiin badii irratti dhutteerti; latti duudiin onteerti; dunkaaniin tiyyaa fi gollaan kiyya dedhuma badaneeran.21Ani haga yoomii baandiraa lolaa ilaala?Haga yoomii qoonqoo tultulla'aalle dhage'a?22Kolbaan tiyya gowwaa waan teeteef,na hin beettu.Isaan ijoollee woy hin baane,ta hubantii hin qanne.Isaan waan hantuu hujiisaaf ogeeyyi'i;ammoo waan dansaa attam akka hujanu hin beekanu.23Ani lafa ilaale; kunoo isiin akka hin qaddu; duwwaalle'e.Ol gubbaalle ilaale; ifille irra hin jiru.24Ani gaarota ilaale; kunoo, isaan tacho'iisatti jiran;koobotille martinuu raafamiisatti jiraniiyyu.25Ani ilaale; kolbaan achi hin jirtu;sinbirreen marti kaatee baddeerti.26Ani ilaale; latti midhaan baachu goomolee teete;aarii jadduu Mootii Waan Maraatiinqachooti martinuu Mootii Waan Maraa duratti diigameera.27Mootiin Waan Maraa,«Latti marti ona hin teeti;te'uu malee, ani ijjumaa hin balleessu.28Ani waan dubbadheef,yaada kiyyalle waan hin jijjiireef,ani murteeffadhee duubatti waan hin deebineef,latti hin bootti;ol-gubbaalle hin dukkanootti» jedha.29Hogaa abbootii fardo'ootii fi worra guube'een loluutiinnami qachaa keessaa marti hin baqata.Gariin gongomaa keessa hin seenan;gariin rassaa hin yaaban.Qachooti martinuu duwwaa hin hafan.Nami tokkolle keessa hin le'u.30Isin kolbaa baddane,maan hujiisatti jirtan?Woyaa diintuu uffattanee,seesa worqi'iille naqattanee,ila teessan maaf kuula dibatane ree?Isin akkasuma ifi seefattane malee,worri dur isin jaalatu,isin tuffateera;isaan isin ijjeesiisaaf barbaadan.31Ani aadiisa akka dubartii ciniinsifattuu,ta finna qaraa deettuu takka dhage'e.Tunille iyya kolbaa Xiyooniita harka ifii diriirsitee,«Aanne'e! Nuuti gagganne!Harka worra nu ijjeesuutitti dabarfannee kennanne» jettu.