Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa38gax_twf

Ermiyaas Boolla Bisaanii Godduu Keessa Keyane

1Ilmi Maataanii Shefaaxiyaan, ilmi Phashihurii Gadaaliyaan, ilmi Shelemiiya'aa Yukaalii fi ilmi Malkiiya'aa Phashihur dubbii Ermiyaas kolbaa maratti dubbate dhage'ane;2Dubbiin inni dubbate sun, «Mootiin Waan Maraa, ‹Worri qachaa keessatti hafu marti shallaaga'aan, beelaa fi dhukkubaan hin du'an; worri gara worra Baabilonii baqatu ammoo hin ijjeefamu; jiru'uun jalaa bayanee hin le'an.3Qachaan kun dhugumaan harka mootii Baabiloniititti dabarfamee hin kennama; innille hin qabata› jedha» ta jettu.4Achiin duuba qondaaltoti mootichaan, «Namichi kun waan akkanaa dubbatiisaan loltoota teenna ta qachaa kana keessatti hafanee fi kolbaa mara sossodaachisa; nami kun kolbaa tanaaf badii malee waan dansaa waan hin halchiniif isa ijjeesi!» jedhane.5Mootichi Zedeqiiyaan deebisee, «Kunoo, inni harka keessan keessa waan jiruuf, akka feetane yoo isa gootane ani isin dhoogguu hin dande'u» jedhe.6Maarre isaan Ermiyaas geessanee wodaro'oon boolla bisaanii ta Malkiiyaa ilma mootichaa, ta badhinna kolloo eeddotaa keessa jirtu keessa buusane; boolli sun dhoqqee malee bisaan keessa hin jiru; Ermiyaasille dhoqqee keessa gad lixe.7Guneessichi, «Ebeed-Melek» jedhamu nami biyya Itoophiya'aa, ka mana mootumma'aa keessa jiru akka Ermiyaas boolla bisaanii keessa buusane dhage'e; yennaa san mootichi karra Beniyaaminii bira tee'eeraayyu;8maarre Ebeed-Melek mana mootumma'aa keessaa bayee gara mootichaa dhaqee,9«Ee goottaa kiyya mooti'i, namooti kun Ermiyaasii raagicha irratti hammeenna hujanee, yennaa daabboon qachaa keessa hin jirretti, boolla bisaanii keessa buusane; inni achitti hin du'a» jedhe.10Achiin duuba mootichi Zedeqiiyaan Ebeed-Melekii nama biyya Itoophiya'aatiin, «Namoota soddoma asii fudhadhuu dhaqiitii, adoo inni hin du'in boolla bisaanii san keessaa isa baasi» jedhee ajaje.11Maarre Ebeed-Melek namoota san woliin gara kolloo mana mootumma'aa keessaa ta mana meyaatiin jala jirtuu dhaqee, woyaa dullatti'ii fi hoccuu bututtuu fuudhee wodaroo itti hidhee gara Ermiyaasii boolla bisaanii keessa gad buuse.12Achiin duuba Ebeed-Melekii nami biyya Itoophiya'aa, Ermiyaasiin, «Wodaroon akka si hin luqqinne, woyaa dullatti'ii fi hoccuu bututtuu tana bobaa teeti jala keyadhu» jedhe; Ermiyaasille akkuma san godhe;13isaanille wodaro'oon harkisanee Ermiyaas boolla bisaanii keessaa baasane; Ermiyaasille badhinna eeddotaa ka badhinna mana mootumma'aa keessa jirtu keessa ture.

Zedeqiiyaan Akka Ermiyaas Isa Gorsu Gaafate

14Zedeqiiyaan gara Ermiyaasii raagichaa nama ergee, gara seensuma Galma Waaqaa ka sadeesso'ootitti akka isa fidanu godhee, «Gaaffii tokko si gaafadha, womaa na hin dhossin» isaan jedhe.15Innille mootichaan, «Ani yoo deebii sii kenne, ati na hin ijjeetta; yoo si gorselle, ati na hin dhageettu» jedhe.16Maarre mootichi Zedeqiiyaan dhossa'aan Ermiyaasiif kakatee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee jiruu nu'uuf kennee, ani si hin ijjeesu; worra si ijjeesuu barbaadanulle'eef dabarsee si hin kennu» jedhe.17Achiin duuba Ermiyaas Zedeqiiya'aan, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, Waaqi Israa'elii, ‹Ati qondaaltota mootii Baabiloniititti harka yoo kennatte, jiru'uun hin jiraatta; qachaan kunille hin gubatu; atii fi maatii teetille jiru'uun hin jiraattan.18Ati qondaaltota mootii Baabiloniititti harka yoo hin kennatin ammoo, qachaan kun harka worra Baabiloniititti dabarfamee hin kennama; isaanille isa hin guban; atille isaan jalaa hin baatu› jedha» jedheen.19Mootichi Zedeqiiyaalle Ermiyaasiin, «Ani Yihudoota worra finqilee Baabilonitti gale hin sodaadha; worri Baabilonii isaanitti dabarsanee na waan kennanuuf, isaan na hin farrisiisan» jedhe.20Ermiyaasille deebisee, «Isaan dabarsanee si hin kennanu; jecha Mootii Waan Maraa ka ani sitti himu kanaaf ajajam; wonni dansaalle si'iif hin teeti; ati lubbu'uun jiraatta.21Ati yoo harka kennatuu didde ammoo, wonni Mootiin Waan Maraa natti mudhise tana:22Dubartooti mana mootii Yihuda'aa keessatti hafane marti qondaaltota mootii Baabiloniitiif dabarfamanee hin kennaman; dubartooti sun si'iin:«‹Jaaloti teeti worri ati addattesi dokonkorsanee si injifatane.Miilli keeti dhoqqee keessa lixeera;jaaloti keeti si lakkisanee baqataneeran› hin jedhan.23«Niitoti teetii fi ijoolleen teeti marti worra Baabiloniitiif dabarfamanee hin kennaman; atille mootii Baabiloniitiin hin qabanta malee harka isaa jalaa hin baatu; qachaan kunille hin gubama» jedheen.24Achiin duuba Zedeqiiyaan deebisee Ermiyaasiin, «Waan dubbanne kana eennulle hin beekin; atille hin duutu.25Qondaaltoti waan ani si woliin dubbadhe kana dhage'anee, gara keeti dhufanee, ‹Waan mootichaan jette, mootichille waan siin jedhe nutti himi; nu hin dhossin; yoo ati nu dhossite nuuti si hin ijjeenna› yoo si'iin jedhane,26ati deebisiitii, ‹Mootichi gara mana Yonaataanii na deebisee, ani achitti akka hin duune isa kadhadhe› jedhiin» jedhe.27Qondaaltoti marti gara Ermiyaasii dhufanee isa gaafatane; innille akkuma mootichi isa ajaje isaaniif deebise; maarre waan inni mooticha woliin dubbate nami tokkolle waan hin dhage'iniif, isaan isa gaaffii lakkisane.28Ermiyaasille haga guyyaa Yerusaalem qabanteetitti, badhinna eeddotaa ka badhinna mana mootumma'aa keessa ture.