Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa31gax_twf

Kolbaan Israa'elii Gara Biyya Ifii Deebite

1Mootiin Waan Maraa «Bara san ani fira Israa'elii maraaf Waaqa hin te'a; isaanille kolbaa tiyya hin te'an.2Kolbaan shallaagaa jalaa hatte, goomolee keessatti fudhatama hin dhaggatti; ani foora Israa'elii kenniisaaf hin dhufa» jedha.3Mootiin Waan Maraa fagoo irraa natti mudhatee, «Ani Jaalala bara baraatiin si jaaladheera; tanaaf gadhi laafummaa tiyya sitti mudhiseera.4Ee kolbaa Israa'elii ani deebisee isin hin ijaara; isinille deebitanee hin ijaarantan; ammalle dibbee teessan qabattanee worra burraaqu woliin hin burraaxxan.5Ammalle isin gaara Samaariya'aa irratti muka woyni'ii hin dhaabbatan; worri isii dhaabe midhaan isi'ii hin nyaata.6Guyyaan Eeddoti kooba Efreemii irratti, ‹Kowa'a, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaXiyoonitti ol baana› jedhanee iyyanu hin dhufa.
7«Marroo kolbaa Yaaqoobiitiif gammadaan faarsa'a!Sooressa guddaa gosa biyya adda addaakolbaa Israa'eliitiif ilillisa'a.Leellisa keessan dhageessisaa,‹Ee Mootiin Waan Maraa,kolbaa Israa'elii keessaa worra lubbu'uun hafe baasi!› jedha'a.8Kunoo, ani lafa kaabaa irraa isaan hin fida;qaccee lafaa irralle'ee isaan wolitti hin qaba.Naafaa fi ballaan,dubartiin ulfaatii fi ta ciniinsifattu odduu isaanii jiran;isaan kolbaa hedduu te'anee hin deebi'an.9Yennaa ani gara biyya isaanii isaan deebisu,gammadaan bowaa daadimataa hin deebi'an.Ani Israa'eliif abbaa,Efreemille ilma kiyya angafichaa waan te'eef,ani qarqara madda bisaanii,karaa gufuu hin qanne,ka isaan hin gufanne irra isaan hin sooressa.
10«Ee gosa biyya adda addaa,jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!Lafa qarqara abbaaya'aa ta fago'oo irraa,‹Ka Israa'el bittinneesse wolitti isaan qabee,akka tisse'ee hoolee ifii hin eega› jedha'aatii lallaba'a.11Ani sanyii Yaaqoobii hin woda;harka worra isaan caaluu keessalle'ee isaan hin baasa.12Isaan dhufanee gaara Xiyoonii irrattigammadaan hin faarsan;arjooma kiyya,ka midhaaniitiin,ka daadhii woyni'ii o'itu'uu fi zayitii ejersaatiin,ka buruusoo hoole'eetii fi re'e'eetiin,ka raadaa fi jibichaatiin hin gammadan.Isaan akka oorruu bisaan keessa yaa'uu hin te'an;haganaa achi hin gaggabanu.13Ijoolleen isaanii ta durraa gammadaan hin sirban;dargaggooti dhiiraatii fi jaarsoleen isaaniille hin firinxiixan.Ani bowa isaanii gara gammadaa hin jijjiira;gadda isaanii irraa isaan jajjabeesseegammada isaaniif hin kenna.14Ani hayyoota tiyya coomaan hin quussa;kolbaan tiyyalle arjooma kiyyaan hin quutti» jedhe.15Mootiin Waan Maraa, «Qoonqoon wiiccifataatii fibowicha gudda'aaRaamaa keessatti dhage'ante.Raahel ijoollee ifiitiif bootte;ijoolleen isi'ii waan hin jirreefjajjabaatuu didde» jedha.16Mootiin Waan Maraa Raaheliin,«Ati hujii teetiif gatii waan dhaggattuuf,qoonqoo teeti bowicha irraa,ila teeti imimmaan irraa eegadhu;ijoolleen teeti lafa diinaatii hin deebiti.17Maarre ati gara duraatiif addii qadda;ijoolleen teeti gara biyya ifii hin deebiti» jedha.
18Mootiin Waan Maraa,«Ani dhugumaan aadiisa Efreemii dhage'eera;inni, ‹Ati akka jibicha hin leenjifaminiina adaddee anille adabame;ati Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya waan teeteef,na deebisi, anille hin deebi'a.19Ani si irraa fagaadheen duuba, deebi'ee gaabbe;ani hubadheen duuba gaddee qoma tiyya dhowadhe.Sababa balleessaa bara dargagummaa tiyyaatiif fokkifadheesalphadhe› jedha.20Efreem ilma ani jaaladhu,ka ani itti gammaduu motii?Yennaa maqaa isaa dhowu mara,ani jaalalaan isa qaabadha.Tanaaf gadhaan kiyya isa dharra'a;ani dhugumaan marartii guddoo isaaf qaba.21Ee Israa'el, karaa keetiif beessisa dhaabbadhu;waan karaa mudhisu keyadhu;karaa guddaa irra deentu hubadhu;gara qachaa keetii deebi'i.22Ee ati ta akka intala durraa ta hin addatannee,haga yoomii asii fi achi joonjita?Mootiin Waan Maraa waan haareya lafa irratti hin dada.Kunille, Israa'el waajibittiin Mootii Waan Maraadhirsa ifii jabaa Mootii Waan Maraa hin hanqaffatti » jedha.23Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, «Ani lafa isaan itti booji'amane keessaa gara lafa isaanii yennaa isaan deebisu, isaan biyya Yihuda'aatii fi qachaa achi keessaa keessatti, ‹Ee addee balchitti'i, ee gaara woyyicha, Mootiin Waan Maraa si eebbisu› hin jedhan.24Yihuda'aa fi qachoota Yihuda'aa keessa qonnaan bula'aa fi horsiisee bulaan marti woliin hin le'an.25Ani worra dadhabe, hunna isaanii hin haaressa; worra beelaan gaggabe hin quussa» jedha.26Kana irratti ani hirriiba natti mi'oweeru irraa dammaqee asii fi achi ilaale.27Mootiin Waan Maraa, «Barri ani mana Israa'eliitii fi Yihuda'aa namaa fi hori'iin guutu hin dhufa.28Akka isaan buqqifamanu, akka isaan diigamanu, akka isaan badanu, balaa isaan irratti fidiisaafille akkuma xiyyeeffadhe, ani isaan ijaariisaa fi dhaabiisaafille hin xiyyeeffadha.29Bara san nami isaaniin, ‹Abbootiin isaanii midhaan woyni'ii dhangaggowaa nyaatanee, ijoolleen isaanii ilkaan tutume› deebi'anee hin jedhanu.
30«Ammoo nami martinuu cubbuma ifiitiif hin du'a;ka midhaan woyni'ii dhangaggowaa nyaate marti,ilkaanuma ifii hin tutuma.31«Barri ani kolbaa Israa'eliitii fi Yihuda'aa woliin gondooroo haareya godhadhu hin dhufa.32Gondooroon tun ta akka gondooroo yennaa abbootii isaanii biyya Gibxi'ii keessaa baasiisaaf, harka qabee isaan sooresseetii moti; ani abbaa manaa isaanii te'ulle isaan gondooroo tiyya waan diiganeef ani dudda isaanitti gale.33Gondooroon ani bara san kolbaa Israa'elii woliin godhadhu ta asii gad jirtu tana: ani seera kiyya qalbii isaanii keessa hin keya; gadhaa isaanii keessalle'etti hin barreessa. Ani Waaqa isaanii hin te'a; isaanille kolbaa tiyya hin te'an.34Ani yakkaa isaanii isaaniif hin araarama; cubbuu isaaniille deebi'ee isaanitti hin laakkowu; isaan marti diqqa'aa haga gudda'aatitti na waan beekanuuf, haganaa achi nami tokko ollaa ifii yookiin fira ifii, ‹Mootii Waan Maraa beeki› jedhee hin barsiisu» jedha.35Aduun guyyaa akka issitu,ji'aa fi urjiin halkan akka issanu,abbaayaa raasee,danbaliin akka shookkittu ka godhe,maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.36Inni, «Seerri jabaatee dhaabbate kun fuula kiyya duraa yoo bade qofa,sanyiin Israa'elii kolbaa tiyya te'iisa lakkittee,fuula kiyya duraa ijjumaa baddi» jedha.37Mootiin Waan Maraa, «Ol-gubbaan mikanteehundeen lafaalle qorqorantee yoo beekkante qofa, ani sanyii Israa'elii sababa waan isaan hujane maraatiif isaan hin gata» jedha.38Mootiin Waan Maraa, «Barri qachaan Yerusaalemii Xelleephoo Hanaani'elii irraa ka'ee haga karra roga dalleyaatitti deebi'ee naaf ijaaramu hin dhufa.39Meessaan achii ka'ee haga kooba Gaarebii dhaqee gara Go'aatitti marfata.40Dhooqi reeffi itti awwaalamuu fi daadhaan itti gatamu, fichaan odduu san jiru marti, haga dhooqa Qedrooniititti, karaa aduun baatulle'een haga karra fardo'oo ta roga dalleya qacha'aatitti, Mootii Waan Maraatiif ka woyyoomane hin te'an. Qachaan Yerusaalemii haganaa achi deebi'ee hin diigamu, hin badulle'e» jedhe.