Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa23gax_twf

Addii Gara Duraa

1Mootiin Waan Maraa, «Tissitoota addee tika kiyyaatii hoolota tiyya bittinneessitee balleessituuf aanne'e!» jedha.2Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii marroo bulchitoota kolbaa tiyya eedduutiif, «Isin kolbaa tiyya bittinneessitanee waan ariitaneef, akka maltetti waan hin eeginiif, waan hantuu isin hujjaneef ani isin hin adaba.3Aninuu kolbaa tiyya ta lubbu'uun hatte, biyya isaan itti bittinneesse san mara keessaa wolitti qabee biyya isaaniititti isaan hin deebisa; isaan achitti horanee hin bacatan.4Ani tissitoota isaan eeddu isaaniif hin kaasa; isaan haganaa achi hin sodaatanu yookiin hin bararaqanu, tokkolle isaan keessaa hin dhidhatu» jedha.5Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, barri ani sanyii Daawitii keessaa mootii balchumma'aan bulchu kaasu dhufaara; inni lafa irratti qarumma'aan bulchaa, waan sirrii te'e hujaa muraa haqaalle hin mura.6Bara isaa keessatti kolbaan Yihuda'aa diina ifii jalaa hin baati; kolbaan Israa'eliille nageyaan hin leeti. Maqaan isaalle, ‹Mootiin Waan Maraa balchummaa teenna› jedhamee hin waamama.7«Tanaaf barri kolbaan, ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa Ka jiraataa te'ee, ka Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baase› jedhanee kakatuu lakkisanee,8‹Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ka Israa'eloota biyya kaabaatii fi addee isaan itti bittinneesse keessaa baasee› jedhanee kakatanu hin dhufa» jedha. Achiin duuba lafa ifii keessa hin le'an.

Raagota Dharaameyyii

9Marroo raagotaatiif:
Gadhaan kiyya raafameera;lafeen tiyya hollatteerti.Sababa Mootii Waan Maraatiif,sababa jecha woyyicha isaatiif,ani akka nama machowee,akka nama daadhii woyni'ii unee ifi wollaalee te'eera.
10Latti worra gaarayyeeffatuun guutanteerti;sababa kanaaf Mootiin Waan Maraa lafa abaaree,latti tun gadditeerti;kaloon goomolee keessaalle qoorteerti.Raagoleen marti waan hantuu hordottee,baallii ifii seera malee itti fayyadamaneeran.11Mootiin Waan Maraa,«Raagotii fi hayyooti worra Waaqa malee le'u;Galma kiyya keessattuuani hammeenna isaanii dhaggeera.12Tanaaf karaan isaanii mucucaataa hin te'a;isaan gara dukkanaa gatamaneeachitti hin jigan;bara isaan adabamanuani badii isaanitti hin fida» jedha.13Ammalle Mootiin Waan Maraa,«Ani raagota Samaariya'aa oddu'uttiwaan nama jibbisiisu dhaggeera;isaan maqaa Ba'aaliitiin raaga dubbataakolbaa tiyya Israa'el dokonkorsan.14Raagota Yerusaalemii odduulle'ettiwaan nama shuguggeessu dhaggeera;isaan hin gaarayyeeffatan;dharaan ideeman.Nami tokkolle hammeenna irraa akka hin deebineworra hantuu huju jajjabeessan.Marti isaaniituu na duratti akka qachaa Sodoomii,kolbaan Yerusaalem keessa leetu,akka qachaa Gomora'aa battowaneeran» jedha.15Tanaaf Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade marroo raagota Yerusaalemii:«Raagoti Yerusaalemii Waaqa malee le'iisabiyya duudii irra waan babadhisaneef,sagalee hadhoottuu isaan hin nyaachisa;bisaan hadhaa qabu isaan hin obaasa» jedha.16Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade:
«Waan raagoti isiniif raaganu hin dhage'ina'a;isaan addii sobaatiin isin guutan.Waan yaada isaaniititti mudhate dubbatan maleewaan ani dubbadhee moti.
17Isaan worra na tuffatuun,‹Mootiin Waan Maraa: Nageyaan hin leetan jedha;worra mataa jabeenna ifii hordofuun ammoo:Wonni hantuun isinitti hin dhuttu jedha› jedhan» jedha.18Isaan keessaa jecha isaa dhaggiisaaf yookiin dhage'iisaafka marii Mootii Waan Maraa keessa dhaabbate eennu?Jecha isaa caqasee eentu dhage'e?19Kunoo mufiin Mootii Waan Maraata akka bubbee bokkeyaa hin kaati;hobonbolattiin mataa worra hamoole'ee irratti hin buuti.20Mootiin Waan Maraa fedhii ifii adoo hin muummessinmufiin isaa duubatti hin deebitu;bara dhufu'uu jiru keessatti akka dansaa hin hubattan.21Mootiin Waan Maraa, «Ani raagota tana hin ergine; te'uu malee isaan ifumaaf ergaa ifii fudhatanee fiigane; ani isaanitti hin dubbanne, te'uu malee isaan raaga dubbatane.22Isaan adoo marii tiyya keessa dhaabbatanee jiraatanee, silaa jecha kiyya kolbaa tiyyaaf lallabanee, karaa hamaa isaanii irraa, hujii hantuu isaanii irralle'ee isaan deebisaneeraniiyyuu.23Ani Waaqa dhikoo callaa jiruu ree? Ani Waaqa fagoolle jiruu motii ree?24Akka ani isa hin dhaggine, addee dhokaataatitti nami dhokatuu dande'u jiraa ree? Lafaa fi ol-gubbaa ka guute anaa motii ree?25Ani raagota maqaa kiyyaan, ‹Ani oojjuu oojjadhe! Ani oojjuu oojjadhe!› jedhaa raaga sobaa raaganu dhage'eera.26Wonni kun haga yoomii gadhaa raagota dharaa worra yaada ifii keessaa fuudhanee raaga dharaa raaganu keessa jiraatti?27Akkuma abbootiin isaanii ta durii Ba'aal waaqonfatiisaan maqaa kiyya dedhane, oojjuu isaan wolitti himanuun, kolbaan tiyya maqaa kiyya akka deetu waan godhane isaanitti fakkaatti.28Raagichi oojjuu oojjate, oojjuma ifii san himuu ti; ka ani jecha kiyya itti dubbadhe ammoo addatamumma'aan isuma dubbatuu ti. Hicaace'ee fi midhaan tokkummaa maan qaban?29Jechi kiyya akka ibiddaatii motii ree? Akka burrisa rassaa butuchuutii motii ree?30Tanaaf ani raagota jecha wol irraa dhage'aa, akka na irraa dhage'aneetitti dubbatanu,31raagota ifumaaf dubbataa, ‹Mootii Waan Maraatitti dubbatte› jedhanulle hin morma;32kunoo ani raagota oojjuu dharaatiin raaganu hin morma; ani adoo isaan hin ergin yookiin isaan hin ajajin dharaan kolbaa tiyya dokonkorsan; isaan kolbaa tanaaf woy hin bayanu» jedha.

Raaga Raagota Dharaa

33Mootiin Waan Maraa anaan, «Kolbaan tun yookiin raagichi tokko yookiin hayyichi tokko, ‹Ergaan Mootiin Waan Maraa maan?› jedhanee yennaa si gaafatane, ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa: Ba'aan ulfaattuun isin; ani ifi irraa fuudhee isin hin gata jedha› jedhiin.34Raagichi tokko yookiin hayyichi tokko yookiin eennulle, ‹Tun ergaa Mootii Waan Maraa ti› yoo jedhe, ani nama sanii fi maatii isaa hin adaba» jedhe.35Ermiyaas kolba'aan, «Tokko tokkoon keessan, ‹Mootiin Waan Maraa deebii maan kenne?› Yookiin, ‹Mootiin Waan Maraa maan dubbate› jedhee jaala ifii yookiin fira ifii gaafatuu ti malee,36‹Tun ergaa Mootii Waan Maraa ti› jedhee hin dubbatin. Sababille isin jecha Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee, ka Waaqa jiraataa keennaa waan micciirtanuuf, ka isin dubbattanu erguma teessan.37Tanaaf isin, ‹Mootiin Waan Maraa deebii maan isiniif kenne› yookiin, ‹Mootiin Waan Maraa maan dubbate?› jedha'aatii raagota gaafadha'a.38Isin, ‹Ergaan tun ta mootii Waan Maraa ti› jettanulle, Mootiin Waan Maraa, ‹Ani Ergaan tun ta Mootii Waan Maraa ti akka isin hin jenne adoo isinitti himuu, isin: Ergaan tun ta Mootii Waan Maraa ti jettane.39Tanaaf, ani dhugumaan isinille, qachaa isinii fi abbootii teessan ta duriitiif kennelle hin dedha; fuula kiyya duraa isin hin gata.40Salphinnaa fi qaanii bara baraa ta ijjumaa hin dedhanne isinitti hin fida› jedha» jedhe.