1Mootiin Waan Maraa, «Gara mana mootumma'aa ka mootii Yihuda'aa gad dhaqii achitti ergaa tana lallabiitii:2‹Ee mootii Yihuda'aa ka barcumaa mootumma'aa ka Daawitii irra teetteertu, qondaaltoti teetii fi kolbaan teeti ta karra tanaan seentu jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhi» jedhe.3Yennaa san raagichi, «Mootiin Waan Maraa, ‹Waan haqa te'ee fi waan sirrii te'e huja'a. Nama saamame harka worra isa cunqursuutii baasa'a. Nama ormaa, ijoollee abbaa hin qanne yookiin haadha hiyyeessaa irratti yakkaa hin hujina'a yookiin hunnaan irratti hin ka'ina'a. Addee tanatti dhiiga nama yakkaa hin qanneelle hin dhangalaasina'a.4Isin ajaja kana akka dansaa yoo eegattane, moototi barcumaa mootumma'aa ka Daawitii irra tee'anu, qondaaltotaa fi kolbaa ifii woliin garreettaa fardaan harkifamuu fi farda irra tee'anee karra mana mootumma'aa tanaan seenaa hin bayan.5Isin ajaja kana yoo hin eegatin ammoo manni mootumma'aa kun akka diigamu aninuu kakadheera› » jedha.6Mootiin Waan Maraa marroo mana mootummaa mootii Yihuda'aatiif,«Ati manni mootumma'aa ka mootii Yihuda'aa,akka Giil'aadiitii fi akka qaccee gaara Libaanoniimiidhagaa naaf teetulle,ani dhugumaan akka lafa goomole'ee,akka qachaa nami keessaa hin jirree si hin godha.7Worri si balleessu meya woraanaa qabateeakka sitti dhufu hin godha;isaan utuboota muka hindheensaa keetimiidhagaa san mummuraneeibiddatti hin gatan.8«Gosi biyya adda addaa bacaan qachaa kana keessa dabaraa: ‹Mootiin Waan Maraa qachaa guddaa kana maaf akkana godhe?› jedhaa wol gaafatan.9Achiin duuba: ‹Isaan gondooroo Mootii Waan Maraa ta Waaqa ifii diiganee, waaqota dharaa dhibii waaqonfatanee waan tajaajilaneef tun teete jedhan› jedha» jedhe.10Mootichi booji'ame ijjumaa waan hin deebinneef,biyya itti dhalate san deebi'ee waan hin dhaggineefisaaf bowa'a maleemooticha du'eef hin bowina'a;hin gaddinaalle'e.11Mootiin Waan Maraa marroo Shaalumiin ilmi Yosiyaasii ka addee abbaa ifii bu'ee Yihudaa irratti mootii te'ee, «Inni haganaa achi as hin deebi'u;12inni addee booji'amee dhaqe sanumatti du'a malee lafa tana deebi'ee hin dhaggu.13«Nama mana mootumma'aa ka ifii seera malee,kolloo ifii ta mana irraalle haqa malee ijaarsifatuuf,ka kolbaa ifii akkasumaan hujisiifatuuf,ka eloo isaaniif hin kaffalleef aanne'e!14Inni, ‹Ani mana mootumma'aa guddaa,ka kolloo badhoo ifi irraa qabu hin ijaarradha;foddaa hedduu itti hin baafadha;muka birbirsaatiin seefadheehalluu diintuu itti halladha› hin jedha.15Mana keeti muka birbirsaatiin ijaaratiisaanmootii teete seetaa?Abbaan keeti haqaa fi balchummaa waan hujeefwaan nyaatuu fi unu dhabeeraa?Maarre wonni marti isaaf teeteerti.16Inni worra hiyyeessaa fi worra rakkata'aafille,haqaan mureera;tanaaf wonni marti isaaf teete.Ana Mootii Waan Maraa beekiisi tana jechu'uu motii ree?17Ilti teetii fi gadhaan keeti ammoobu'aa dabaan dhaggatanu irratti,dhiiga worra yakkaa hin qannee dhangalaasiisa irratti,nama miidhiisaa fi saamiisa irratti xiyyeeffatan.18Tanaaf mootii Yihuda'aa Yehoyaaqiimii ilma Yosiyaasiitiif,nami, ‹Aannee obboleessa kiyya! Aannee obboleettii tiyya!Aannee goottaa kiyya!Aannee arnya isaa!› jedhee isaaf bowu hin jiru;19inni akka harree duutee harkifamee,dalleya Yerusaalemiitiin alatti hin gatama.20Ee kolbaa Yerusaalemii! Jaaloti teessan waan badaneefgara Libaanonii ol baya'aatii iyya'a!Qoonqoo teessan ol-qabadha'aatiiBaashaan keessatti dhageessisa'a;gaara Abaariimii irralle'etti iyya'a!21Yennaa isin nageyaan jirtanu, ani isinitti dubbadheera;isin ammoo dhage'uu diddane.Bara ijoollummaa teessaniitii jalqaddaneekanuma hujjane;isin naaf hin ajajanne.22Sooressitoota teessan mara qilleensi fuudhee hin dabara;jaaloti teessanille booji'amanee hin deeman;Achiin duuba isin sababa hammeenna keessaniitiifqaanotanee hin salphatan.23Isin worri hindheensa Libaanoniitiinmana mootumma'aa keessa ijaarrattanu,akka dubartii ciniinsifattuurakkoon yennaa isin dhaqqadde,attam attam aaddan ree?
Muraa Waaqaa Ta Yehoyaaqiim Dhaqqadde
24«Ee Yehoyaakiinii mootii Yihuda'aa, ilma Yehoyaaqiimii! Dhugaa ana Waaqa jiraata'aa, ati chaappaa qubee harka kiyyaa middichaa adoo teetee jiraattelle'ee ifi irraa baasee si hin gata.25Ani harka worra si ijjeesiisaaf barbaadutti, harka worra ati sodaatutti, harka mootii Baabilonii Nebukadnezaariitii fi harka worra Baabiloniititti dabarsee si hin kenna.26Ani si'ii fi haadha teeti ta si deette gara biyya dhibi'ii ta isin keessatti hin dhalatinitti isin hin gata; isin lamaanuu achitti hin duutan.27Lafa itti deebi'iisaaf dharraatanu sanitti ijjumaa hin deebitanu» jedhe.28Yehoyaakiin kunakka okkotee caddeeta nami hin barbaannee,ka tuffatamee ree?Innii fi ijoolleen isaalafa hin beennetti maaf gatamane ree?29Ee lafa! Lafa! Lafa!Jecha Mootiin Waan Maraa dhage'i!30Mootiin Waan Maraa, «Sanyii namicha kanaa keessaa,haganaa achi dhalatee barcumaa mootummaa Daawitii irra ka tee'u,yookiin ka biyya Yihuda'aa bulchu tokkolle waan hin jiraanneef,inni akka nama ijoollee hin qannee,akka nama bara jiruu ifii keessattiwonni tokkolle isaaf hin tolinii akka te'e galmeessi!» jedhe.