Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa21gax_twf

Deebii Mooticha Zedeqiiya'aaf kennante

1Mootiin Yihuda'aa Zedeqiiyaan, ilma Malkiiya'aa Phashihurii fi ilma Ma'aseya'aa Sefaaniyaasii hayyicha gara Ermiyaasii yennaa erge, jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufe;2worri mooticha biraa ergame sun Ermiyaasiin, «Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar waan nu lolaaruuf, maganne'e Mootii Waan Maraa nu'uuf gaafadhu; Mootiin Waan Maraa akkuma qaraa bilbaasa hujee akka mootichi nu irraa deebi'u hin godha fa'a te'a» jedhane.3Ermiyaas ammoo deebisee isaaniin, «Dhaqa'aatii Zedeqiiya'aan,4‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, worra dalleyaan alaan isin marsane, mootii Baabiloniitii fi worra baabilonii loliisaaf meya woraanaa ka isin harkatti qabattane san isin irratti garagalcha; qachaa kana keessalle'etti isaan wolitti hin qaba.5Aninuu harka kiyya diriirfadhee irree jaddu'uun, aari'iin, aarii bobeettuu fi mufii guddo'oon isin hin lola.6Namaa fi horii qachaa kana keessa jiranu mara dhowee, balaa gudda'aan hin fixa.7Saniin duuba mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa, qondaaltota isaatii fi kolbaa qachaa kana keessaa worra balaa irraa, shallaaga'aa fi beela irraa lubbu'uun hafane, harka mootii Baabilonii Nebukadnezaariititti, harka diinota isaanii worra jiruu isaanii balleessiisaaf barbaaduutitti dabarsee isaan hin kenna; mootichi shallaaga'aan isaan hin ijjeesa; inni isaaniif hin mararu yookiin isaaniif hin nawu yookiin gadhaa hin laafu› jedha'aatii itti hima'a» jedhe.8Mootiin Waan Maraa ammalle raagichatti dubbatee, «Kolbaa tanaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo ani karaa jiru'uutii fi karaa du'aa isin dura keyeera.9Nami qachaa kana keessatti hafu marti shallaaga'aan, beelaa fi bala'aa hin du'a; nami achi keessaa bayee worra Baabilonii ka qachaa marsanetti harka kennate ammoo hin du'u; jiruulle'een hin baya.10Ani qachaa kana irratti waan dansaa adoo hin te'in waan hantuu godhiisaaf murteeffadheera; qachaan kun harka mootii Baabiloniititti dabarfamee hin kennama; innille ibiddaan hin guba› jedha.11«Mana mootummaa Yihuda'aatiin, ‹Jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!› jedhiin.12Ee sanyii Daawitii, Mootiin Waan Maraa isiniin, ‹Sababa hujii hantuu isin hujjaneef, aariin tiyya akka ibidda eennulle dhaanfuu hin dandeennee akka hin bobeenne, guyyaa mara haqa huja'a; nama saamame harka worra isa cunqursuu keessaa baasa'a.
13«‹Ee qachaa Yerusaalemii, ka dhooqaan gubbaa,lafa rassittii gooroo irra jiru; ani si hin morma;isin worri: Eentu dhufee nu mormuu dande'a?Eentu addee nuuti itti baqanne seenuu dande'a? jettanu14Ani akkuma hujii teessaniititti isin hin adaba;mana mootumma'aa keessan,ka «Gongomaa» jedhamutti ibidda qassiiseewaan adaala san jiru mara hin fixa› jedheera» jedhe.