Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa2gax_twf

Kolbaan Israa'elii Waaqa ifii Lakkitte

1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,2«Dhaqiitii qoonqoo teeti ol qabadhuu, kolbaa qachaa Yerusaalemiitiin, Mootiin Waan Maraa, ‹Addatamummaa teessan ta yennaa dargaggumma'aa, jaalala keessan ka akka waajibittiin dhirsa ifii jaalattuu, goomolee lafa sanyiin hin facaafanne keessatti attam akka na hordottane hin qaabadha.
3«‹Kolbaan Israa'eliiana Mootii Waan Maraatiif woyyoonteerti;akka midhaan mata'aa ti;nama isaan miidhe maratti yakkaan muranteerti;badiille isa dhaqqaddeerti jedheera› jedhii himi» jedhe.
4Ee, isin sanyii Yaaqoobii,firri sanyii Israa'elii martijecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!5Mootiin Waan Maraa,«Abbootiin teessan ta duriiballeessaa maanii na irratti dhagganee,na irraa fagaatanee,waaqota dharaa ka gatii hin qanne waaqonfatanee,ifille'eef worra gatii hin qanne te'ane?6Isaan, ‹Waaqi biyya Gibxi'ii keessaa nu baasee,lafa goomolee keessa,lafa boboollittii keessaa fi gammoojjii keessa,lafa goddu'uu fi dukkana dimma keessa,lafa nami keessa hin ideennee filafa nami keessa hin leene keessaka nu sooresse eessa jira?› jedhanee hin gaafanne.7Ani midhaan isi'iitii fi waan dansaa isiin baattu,akka isii irraa nyaattanuufgara lafa laayyo'oo, isin fide;isin ammoo yennaa achi galtane lafa tiyya batteessitanee,lafa tiyya akka jibbatantu gootane.8Hayyooti, ‹Mootiin Waan Maraa eessa jira?› jedhanee hin gaafanne;barsiisoti seeraa na hin beenne;sooressitooti na irratti ka'ane;raagoti maqaa ba'aaliitiin raaganee,waaqota dharaa ka gatii hin qanne hordofane.
9«Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa isiniin hin morma;ijoollee ijoollee teessaniitille'een hin morma.10Tanaan qara wonni akkasii yoo teetee jiraatte,gara lafa Qophiroosii ta dur,‹Kiitiim› jedhantuu gamatti bu'a'aatii ilaala'a;gara lafa, ‹Qedaar› jedhantuulle nama erga'aatii qorqora'a.11Waaqota dharaa te'anulle,kolbaan waaqota ifii jijjiirte hin jirtu;kolbaan tiyya ammoo ana Waaqa ulfinna isaanii te'ewaaqota dharaa ka gatii hin qannetti jijjiirte.12Ee ol-gubba'a, waan kana baaseffadhu;sodaa guddo'oon holladhu.13Kolbaan tiyya cubbuu lama hujjeerti;isaan ana madda bisaan jiru'uu lakkisanee,boolla urata qaddu ta bisaan itti hin eelle qotataneeran.14Israa'el garbichaa? Yookiin garba manatti dhalatee?Yoo akkas hin te'in maaf diinni isa saama ree?15Diinoti isa irratti akka neenqaa harqaneeran;lafa isaa balleessaneeran;qachooti isaa gubatanee, ona te'aneeran.16Worri qachaa Memfiisiitii fi qachaa Taahafeneesiirifeensa mataa keetii haadane.17Ee Israa'el, ana Mootii Waan Maraa Waaqa keetika karaa keeti si sooresse lakkittee,kana mara ifi irratti fiddee motii ree?18Bisaan laga Shiihorii uniisaaf garabiyya Gibxi'ii maaf dhaxxe?Bisaan laga Efraaxiisiille uniisaafgara biyya Asoorii maaf dhaxxe?19Hammeenni keeti akka adabantu si hin godha;naaf addatamummaa dhabiis keetiakka xixantu si hin godha.Ana Mootii Waan Maraa Waaqa keetisodaatiisa waan lakkitteef,wonni hantuun hadhoottuunakka sitti dhuttu hubadhuu beeki!
20«Ee Israa'el! Ani bara duriitii jalqabeewaanjoo teeti si irraa caccassee,hidhaa teeti si irraa kukkuteera;ati ammoo, ‹Ani si hin tajaajilu!› jettee,kooba dheertuu gubba'aa fi muka banqaaqaa jalattisagaagaliisaaf irkatteerta.21Ani akka muka woyni'ii filatamaaka sanyiin isaa dansa'aa si dhaabeeyyu;ati attam akka muka woyni'ii badaa,ka baddaa keessaa teetee,na duraa jijjiirante ree?22Haraanja'aa fi saamunaa baca'aan dhiqattellexuriin yakkaa teetii haga ammaa fuula kiyya dura jirti.
23«Ati attam, ‹Ani hin battoonne,Ba'aalille hin hordonne› jetta ree?Dhooqa keessatti maan akka hujje yaadadhu;waan achi keessatti goote hubadhu.Ati akka gaala dhala'aaka raragatee asii fi achi fiiguu ti.24Ati akka harree diidaa ta goomolee keessa le'iisa baratte,ta yennaa rarragatte qilleensa suuttuu ti;rarragata isi'ii eentu qabbaneessuu dande'a?Ji'a isiin rarragatte san korommiin isii barbaadu,rakkinna malee isii laddatan .25Ati haga kopheen miila keeti irraa dhumattutti,haga dheebottee laagadaan si gogutti hin rukkisin;ati ammoo, ‹Na dhooggiis keeti gatii hin qabu;ani waaqota ormaa jaaladheera;ani isaan hordofa› jette.26Hattuun yennaa qabante akkuma qaanottu,kolbaan Israa'elii, moototi isi'ii,qondaaltoti isi'ii,hayyootii isi'iitii firaagoti isi'ii marti hin qaanowan.27Isaan mukaan, ‹Ati abbaa keenna›,dhakaa waaqota dharaatiin, ‹Sittuu nu deye› jedhan.Isaan dudda ifii gara kiyya deebisane malee,fuula ifii gara kiyya hin deebinne.Yennaa rakkinnaa ammoo,‹Koyii nu fayyisi› jedhan.28Ee worra Yihuda'aa,waaqoti dharaa ka isin hujattane meeti ree?Isaan yennaa rakkinna keessanii yoo isin fayyisanu teete,dhufanee isin fayyisanuu ti.Akkuma qachaan keessan baca'aa,waaqoti keessanille baca'a.29Isin martinuu, na irratti kaataneertan;maaf na komattan ree?30Ani akkasumaan kolbaa teessan adabe malee,isaan ifi hin sirreessine.Akka neenqa beeloweeshallaagaa keessaniin raagota teessan fixxane.
31«Isin dhalooti bara kanaa,jecha Mootii Waan Maraa hubadha'a!«Ani Israa'eliif goomoleeyookiin lafa dukkana dimmaa te'ee ree?Kolbaan tiyya maaf, ‹Nuuti waan feene goona,haganaa achi gara keeti hin deebinu› jetti?32Durri seesa ifiiyookiin waajibittiin woyaa ifiita waajibumma'aa hin deetii ree?Kolbaan tiyya ammoobara bacaa na deeteerti.
33«Ati worra si jaalatu gula deemiisaafattam qaroomatte?Dubartooti akka malee hantu'uutuuwaan kana si irraa baratan.34Dhiigi worra hiyyeeyyii yakkaa hin qannee,ka hanna irratti hin qabaminiiwoyaa teetii irratti dhaggama;kana mara gooteelle,35‹Ani yakkaa hin qabu;dhugumaan Mootiin Waan Maraa natti hin aaru› jetta.Sababa ati, ‹Ani cubbuu hujee hin jiru› jetteef,ani si'itti hin mura.36Ati maaf karaa keeti jijjiiratta?Akkuma worri Asoorii si qaanesse,akkasuma worri Gibxi'iille si hin qaanessa.37Worra ati itti addatte Mootiin Waan Maraa waan tuffateef,isaanille si qarqaaruu waan hin dandeenneef,ati mataa qabattee, achii keessaa hin baata» jedha.