Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa19gax_twf

Fakkeenna Okkotee Caddee

1Mootiin Waan Maraa anaan, «Dhaqiitii nama faara dhowu irraa okkotee bitadhu; jaarsolee kolba'aa keessaa garii, maanguddoota hayyootaa keessalle'ee garii qabadhuutii2gara dhooqa Ben-Hiinomii ta seensuma karaa karra basso'oo biraa gad bayi; achitti waan ani sitti dubbadhu lallabiitii,3‹Ee mootota Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemii jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a. Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii: ani badii dhage'iisaaf gurra namaatitti hin tolle addee tana irratti hin fida.4Sababille isaan na lakkisanee addee tana ta waaqota ormaa godhaneeran. Isaan addee tana keessatti waaqota ifiifuu hin beenne, ka abbootiin isaaniitii fi moototi Yihuda'aalle ijjumaa hin beenneef hixaana aarsanee, dhiiga worra yakkaa hin qanneetiin addee tana guutaneeran.5Isaan waan ani hin ajajin yookiin ani hin dubbatin, yookiin ta ani ijjumaa hin yaadatin, ilmaan ifii ibiddaan gubanee Ba'aaliif kennansa dhikeessiisaaf, addee waaqonfanna'aa Ba'aaliif ijaarane.6Tanaaf kolbaan addee tana «Dhooqa qalmaa» jetti malee, «Toofet» yookiin «Ben-Hiinom» jettee barri hin waanne hin dhufa› jedhi.7Ani addee tanatti karoora kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Israa'elii hin diiga. Ani diinota isaanii duratti harka worra lubbuu isaanii barbaaduutitti shallaaga'aan akka isaan ijjeefamanu hin godha; reeffa isaanii allaatti'ii fi bineensotaaf sagalee hin godha.8Ani qachaa kana diigee, waan ittiin murganu hin godha; sababa gaargala isi'ii maraaf worri karaa san dabaru marti hin maadeffata.9Ani foon ilmaan ifiitii fi ijoollee durraa ifii akka isaan nyaatanu hin godha; diinoti isaanii ka lubbuu isaanii balleessiisaaf barbaadu yennaa isaan marsee rakkisu, isaan foon wolii hin nyaatan.10«Achiin duuba worra si woliin jiru san duratti okkotee cassiitii,11isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade: Akkuma okkoteen nama faara dhowuu bututteen duuba deebitee suphamuu hin dandeenne, akkuma kana ani kolbaa tanaa fi qachaa kana hin butucha; haga addee itti awwaalanu dhabantutti reeffa isaanii Toofetitti hin awwaalan.12Ani addee tanaa fi worra as keessa le'u mara irratti tana hin godha. Ani qachaa kana akka Toofetii hin godha.13Kolbaan heellichoo mana ifii irratti waaqota ifii waan waaqonfataneef, manni Yerusaalem keessaatii fi manni mootumma'aa ka mootota Yihuda'aa akka addee tanaa, akka Toofetii hin battowan; isaan urjoota waaqonfatanee, isaan ulfeessiisaaf hixaana aarsanee, waaqonfatiisaaf kennansa daadhii woyni'ii kennaneeran› jedhiin» jedhe.14Ermiyaas addee Mootiin Waan Maraa akka inni raaga dubbatuuf erge Toofetii deebi'ee, badhinna Galma Mootii Waan Maraa duraa keessa dhaabbatee, kolbaa maraan,15«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Isaan mataa jabaatanee jecha kiyya waan hin caqasiniif, ani qachaa kanaa fi ollaa adaala qachaa kanaa jiru maratti badii itti fidiisaaf dubbadhe mara hin fida› jedha» jedhe.