Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa18gax_twf

Nama Faara Dhowuu Fi Faara

1Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru:2«Ka'iitii, gara mana nama faara dhowuu gad bu'i; ani achitti ergaa tiyya sitti hima» jedhe.3Maarre ani gara mana nama faara dhowuu gad bu'ee, inni korboo ifii ta dhaka'aa irratti faara dhowuun dhagge.4Okkoteen inni faara irraa dhowu sun ammoo harka isaatitti badde; maarre inni faaruma san akka isaaf toltetti deebisee okkotee dhibii huje.5Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,6«Ee, kolbaa Israa'elii! Akkuma nami Faara dhowu kun huju, anille isin hujuu hin dande'uu ree? Akkuma faarri harka nama faara dhowuu keessa jiru, isinille harka kiyya keessa jirtan.7Ani kolbaan takka yookiin mootummaan takka, akka buqqaatu, akka diigantu fi akka baddu yoo dubbadhe, yennuma san8kolbaan sunille waan hantuu irraa yoo deebite, ani badii isaanitti fidiisaaf yaade san hin lakkisa.9Ani Yennaa dhibiille Kolbaa takka yookiin mootummaa takka ijaaree dhaabiisaaf yoo dubbadhe,10kolbaan sunille na duratti waan hantuu hujjee naaf yoo ajajamuu didde, waan dansaa isaaniif godhiisaaf yaade san hin lakkisa.11Tanaaf amma ati kolbaa Yihuda'aatii fi worra Yerusaalem keessa le'uun, Kunoo Mootiin Waan Maraa, ‹Badii isiniif qopheessiisatti jira; karoora hamaalle isin irratti baasiisatti jira; maarre isin martinuu karaa hamaa keessan irraa deebi'a'aatii, tokko tokkoon keessan karaa keessanii fi hujii teessan qajeelfadha'a› jedheera.12Isaan ammoo, ‹Lakkii, kun bu'aa hin qabu; nuuti karooruma keenna gula deenna; tokko tokkoon keennaayyuu mataa jabeenna hantuu gadhaa keennaa gula deenna› hin jedhan» jedhe.13Tanaaf Mootiin Waan Maraa isaaniin,«Me odduu gosa biyya adda addaa gaafadha'a;waan akkasii nami dhage'ee beeku jiraa?Kolbaan Israa'eliiwaan nafa namaa shuguggeessu hujjeerti.14Dhakaan bokkeyaa ka Libaanonii,rassaa goodda isi'ii irraa dhabamee beekaa?Bisaan dillowaan gaara Libaanonii irraa gad yaa'ugogee beekaa?15Kolbaan tiyya ammoo na deeteerti;isaan waaqota dharaa ka woy hin baaneef,ka karaa isaanii ka durii irraa isaan gufachiisee,karaa hin teene irra isaan ideensisuufhixaana aarsaneeran.16Latti isaanii ontee,haga bara baraa ta murgo'oo hin teeti;nami karaa san dabaru marti baaseffatiisaanmataa ifii raasan.17Akka qilleensa karaa aduun baatuu,diinota isaanii duratti ani isaan hin bittinneessa;guyyaa badiin isaanitti dhuttu,ani dudda kiyya isaanitti mudhisa maleefuula kiyya isaanitti hin mudhisu» jedha.

Mala Ermiyaasitti Dhowane

18Achiin duuba isaan, «Seera barsiisiis hayyoota biraa, gorsi qaroolee biraa, jechi raagota biraa waan hin dhabanneef, maarre kowa'a, Ermiyaas irratti mala dhoonnee, waan inni dubbatu mara dhage'uu didannee, dubbi'iin isa rakkinna» jedhane.
19Maarre ani daadimadhee, «Ee Mootii Waan Maraa naa caqasi;waan diinoti kiyya jedhanu dhage'i!20Gatii waan dansa'aa waan hantuu kaffalanii ree?Isaan ammoo boolla naaf qotaneeran;mufii teeti akka ati isaan irraa deebifattuuf,fuula keeti dura dhaabbadhee,isaaniif akka ani si kadhadhe qaabadhu.21Tanaaf ijoollee isaanii beelessi;shallaaga'aaf dabarsiitii isaan kenni!Niitoti isaanii ta ijoollee hin qannee fihaadhotii hiyyeessaa te'anuu ti.Dhiira isaanii fixi;dargaggooti isaanii lola keessatti akka qalamanu godhi.22Isaan na qabiisaaf boolla waan qotaneef,miila kiyyaaf tiyyoo waan afaneef,yennaa ati dedhuma worra isaan lolu itti fidde,mana isaanii keessaa iyyi dhage'antuu ti.23Ee Mootii Waan Maraa!Mala isaan na ijjeesiisaaf dhowane, ati hin beetta.Yakkaa isaanii isaaniif hin araaramin;cubbuu isaaniille fuula keeti duraa haxoottee hin balleessin.Isaan fuula keeti duratti jiganee badanuu ti;ati yennaa isaanitti aarte isaanitti muri» jedhe.