Ermiyaas17gaz_bib
1“Cubbuun Yihuudaa meeshaa sibiilaatiin qirixaameera;qara dhagaatiinisgabatee garaa isaanii irrattii figaanfa iddoo aarsaa isaanii irratti barreeffameera.2Ijoolleen isaanii iyyuuiddoowwan aarsaa isaaniitii fi siidaa Aasheeraakanneen mukkeen lalisaa cinaatii figaarran ol dheeroo irraa sana yaadatan.3Ani sababii cubbuu biyya kee guute sanaatiiftulluu koo kan biyya keessaa,qabeenya keetii fi badhaadhummaa kee hundaiddoo ol kaʼaa kee wajjindabarsee boojuuf nan kenna.4Ati dogoggora mataa keetiitiindhaala ani siif kenne ni dhabda.Ani biyya ati hin beekne keessattidiinota keetiif sin garboomsa;ati dheekkamsa koo qabsiifteertaatii;innis bara baraan ni bobaʼa.”5Waaqayyo akkana jedha:“Namni nama amanatu,kan jabina foonii irree isaa godhatu,kan garaan isaa Waaqayyo irraa garagalu abaaramaa dha.6Inni akka daggala gammoojjii keessaa taʼa;yeroo wanni gaariin dhufutti hin argu.Inni gammoojjii keessaa iddoo gogaabiyya soogiddaa kan namni tokko iyyuu hin jiraanne keessa jiraata.7“Namni Waaqayyoon amanatu,kan abdiin isaas isuma taʼe garuu eebbifamaa dha.8Inni akkuma muka qarqara bishaanii dhaabame,kan hidda isaa ededa lagaa irra yaafatuu taʼa.Yommuu hoʼi dhufu hin sodaatu;baalli isaa yeroo hunda lalisaa dha.Mukni sun bara hongee illee hin yaaddaʼu;ija naqachuus hin dhiisu.”9Garaan namaa waan hunda caalaa haxxee dha;garmalees hamaa dha.Eenyutu isa hubachuu dandaʼa?10“Ani Waaqayyo nama hundaaf akkuma amala isaatti,akkuma waan hojii isaatiif maluuttigatii isaaf kennuuf garaa isaa nan sakattaʼa;qalbii isaas nan qora.”11Namni karaa hin malleen badhaadhummaa walitti qabatuakkuma gogorrii hanqaaquu hin hanqaaqin hammattu ti.Walakkaa umurii isaatti badhaadhummaan sun isa dhiisee bada;dhuma irrattis gowwaa taʼuun isaa ni mirkaneeffama.12Teessoon ulfina qabeessi durumaa jalqabee ol ol jedhu sun,iddoo qulqullummaa keenyaa ti.13Yaa Waaqayyo, abdii Israaʼel,warri si dhiisan hundi ni qaaneffamu.Warri sirraa garagalan biyyoo keessatti galmeeffamaniiru;isaan Waaqayyoonburqaa bishaan jireenyaa dhiisaniiruutii.14Yaa Waaqayyo na fayyisi; anis nan fayyaa;na oolchi, anis nan oolfama;kan ani jajadhu sumaatii.15Isaan ittuma fufanii,“Dubbiin Waaqayyoo eessa jira?Mee amma haa raawwatamu!” naan jedhu.16Ani tiksee taʼee si tajaajiluu irraa duubatti hin deebine;ati akka ani guyyaa badiisaa hin hawwine ni beekta.Wanni afaan kootii baʼu fuuluma kee dura jira.17Ati na hin rifachiisin;guyyaa badiisaatti ati daʼoo koo ti.18Warri na adamsan haa qaaneffaman;ana garuu qaanii irraa na oolchi;isaan haa rifatan;ana garuu rifaatii irraa na eegi.Guyyaa badiisaa isaanitti fidi;badiisa dachaatiin isaan balleessi.