Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa14gax_twf

Oolaa Hamaa

1Jechi Mootii Waan Maraa ka marroo oola'aa dubbatu ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru:2«Kolbaan Yihuda'aa hin bootti;qachooti Yihuda'aalle gad deebi'an;kolbaan Yihuda'aa lafa irra teettee gadditi;Yerusaalem keessaa iyyi hin kaati.3Qondaaltoti isi'ii tajaajiltoota ifii bisaan hin ergiti;isaalle gara boolla bisaanii hin dhaqan;ammoo bisaan achitti hin dhagganu;isaan fokkifatanee, addii kutatanee,mataa hagooggatanee,okkotee duwwaa ba'atanee deebi'an.4Bokkeenni waan hin jirreef,latti babbaqaxxeerti;qonnaan bultooti fokkifatanee,mataa ifii hin hagooggatan.5Marri waan hin jirreef,gadansinuu akkuma dhaleen ilmee ifii lakkisee hin deema.6Harreeleen diidaa koobota godduu irra dhaabbattee,akka jeedalaa qilleensa dhaggatiisaaf harganan;marri waan hin jirreefilti isaanii dhagguu dadhaddeerti» jedhe.7Ee Mootii Waan Maraa,yakkaan teenna nu irratti dhugaa baatulle,ati maqaa keetiif jedhii nu qarqaar;si'iif addatamiisa dhabiis keenna waan heddatteef,nuuti si irratti cubbuu hunyeerra.8Ee addii Israa'elii,ka yennaa rakkinnaa isii fayyittu,ati maaniif lafa tanatti akka alaga'aa,akka nama karaa deemuu,ka halkan tokko callaa bulee taruu teete.9Ati maaf akka nama waan godhu wollaalee,akka lolticha jabaa nama qarqaariisaaf hunna dhabee teete.Ee Mootii Waan Maraa, ati nu odduu jirta;nuuti maqaa keeti hin waammanna,nu hin lakkisin.10Mootiin Waan Maraa marroo kolbaa tanaatiif, «Isaan asii fi achi joonjiisa jaalatan; miilli isaanii hin dhaabbatu; tanaaf ani isaanitti hin gammadu; amma ani yakkaa isaanii hin qaabadha; sababa cubbuu isaaniitiifille isaan hin adaba» jedha.11Mootiin Waan Maraa anaan, «Kolbaa tanaaf wonni dansaan akka isaaniif teetu hin daadimatin.12Isaan laamanee daadimatanulle ani daadimata isaanii hin caqasu; woreega ciinca'aatii fi kennansa isaanii ka midhaanii, ani hin fudhadhu; ammoo ani shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan isaan hin balleessa» jedhe.13Achiin duuba ani, «Maalo'o, Goottaa Mootii Waan Maraa, raagoti isaaniin, ‹Isin shallaagaa yookiin beela hin dhaggitanu; addee tanatti Mootiin Waan Maraa nageya muummee hin qanne isiniif hin kenna› jedhiisatti jiran» jedhe.14Mootiin Waan Maraalle anaan, «Raagoti maqaa kiyyaan raaga sobaa raagiisatti jiran malee, ani isaan hin ergine yookiin isaan hin ajajne yookiin isaanitti hin dubbanne. Isaan mudhii dharaa, moruu dharaa, waaqota dharaa waaqonfataa soba gadhaa ifii keessaa isiniif raagan.15Tanaaf, raagota adoo ani isaan hin ergin maqaa kiyyaan raaga sobaa, ‹Beeltii fi shallaagaan lafa tanatti hin dhufanu› jettee raaddu, isaanuu beelaa fi shallaaga'aan hin badan.16Kolbaan isaan itti raaganu beelaa fi shallaaga'aan karaa Yerusaalemii irratti hin du'an; nami isaanii fi niitota isaanii, ilmaan isaaniitii fi ijoollee durraa ta isaanii awwaalu hin jiru. Sababa yakkaa isaaniitiif ani balaa isaan irratti hin dhangalaasa.17«Ati dubbii tana isaanitti dubbadhuutii, ‹Kolbaan tiyya madaa hantu'uun rakkatee, guddoo waan miidhanteertuuf,halkaniif guyyaa adoo wol irraa hin kutin,ilti tiyya imimmaan hin dhangalaatti.18Gara baadiyya'aa yoo baye,worra shallaaga'aan qalame dhagga;gara qacha'aa yoo seene,worra beelaan farru dhagga;raagotii fi hayyooti asii fi achi joonjaneeran;waan hujanulle hin beekanu› jedhi» jedhe.19Ee Mootii Waan Maraa!Ati kolbaa Yihuda'aa ijjumaa gattee?Ati Xiyoon hin tuffattee?Akka nuuti fayyuu hin dandeennettiati maaf nu miite ree?Nuuti nageya addii godhanneeammoo waan dansaa hin dhagganne;Yennaa fayyinnaa eeganneeammoo bararaqiisaa calla'atti te'e.20Ee Mootii Waan Maraa,nuuti si irratti cubbuu waan hunyeef,nuuti hammeenna keenna,yakkaa abbootii teenna ta duriille hubanneerra.21Maqaa keetii jedhiitii nu hin tuffatin;barcumaa mootumma'aa keeti ka ulfinnaa hin salphisin.Gondooroo nu woliin gondooratteqaabadhu malee hin diigin.22Waaqota dharaaka gosa biyya adda addaa keessaa,ka bokkeya roobisiisuu dande'u jiraa ree?Ol-gubbaan ifumaan tiifuu gad kennitii ree?Waawwo'o! Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna,tana ka godhu si'i.Tana mara ka godhu si waan te'eef,tanaaf, nuuti si'itti addanna.