Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa13gax_twf

Hiituu Hidhaa Ta Quncee Talba'aa Irraa Hujante

1Mootiin Waan Maraa natti dubbatee, «Dhaqii hiituu hidhaa ta quncee talba'aa irraa hujante bitadhuutii, hidha keeti hidhadhu; ammoo bisaan isii hin tuqin» jedhe.2Maarre akkuma Mootiin Waan Maraa na ajaje hiituu hidhaa bitadhee, hidha kiyya hidhadhe.3Jechi Mootii Waan Maraa ammalle gara kiyya dhufee,4«Hiituu hidhaa ta bitattee hidha keeti hidhatte san qabadhuutii gara laga Efraaxiisii dhaqi; achitti baqaqa rassa'aa keessatti dhossi» naan jedhe.5Maarre akkuma Mootii Waan Maraa na ajaje gara laga Efraaxiisii dhaqee, hiituu hidhaa san achitti dhosse.6Guyyaa heddu'uun duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Amma gara laga Efraaxiisii dhaqiitii, hiituu hidhaa ta achitti akka dhossituuf si ajaje san fidi» jedhe.7Maarre anille gara laga Efraaxiisii dhaqee, hiituu hidhaa san addee dhosse sanii qotee fuudhe; hiituun hidhaa sun ammoo gara badee waan bu'aa hin qanne teeteertiiyyu.8Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,9«Mootiin Waan Maraa, ‹Koora Yihuda'aatii fi koora guddaa Yerusaalemii akkasuma gara hin balleessa.10Kolbaan hantuun jecha kiyya caqasuu didde, ta mataa jabinnaan, waaqota dhibii tajaajiliisaaf, waaqonfatiisaafille hordottu tun, akkuma hiituu hidhaa ta gara baddee bu'aa hin qanne sanii hin te'an.11Akkuma hiituun hidha namaatitti maxxantu, kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa marti natti akka maxxananu, ulfinnaa fi galata maqaa kiyyaatiif, kolbaa tiyya akka te'anu godheeraayyu; isaan ammoo na hin caqanne› jedha» jedhe.

Okkotee Daadhii Woyni'ii

12Ammalle Mootiin Waan Maraa anaan, «Ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, okkoteen marti daadhii woyni'iitiin hin guutanti› jedhiin» jedhe; isaanille si'iin, «Okkoteen marti daadhii woyni'iitiin akka guutantu nuuti hin beennu seetaa?» yoo si'iin jedhane,13ati isaaniin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaa lafa tana keessa leetu mara, mootota barcumaa mootumma'aa ka Daawitii irra teettu, hayyoota, raagota fi worra Yerusaalem keessa le'u mara hin macheessa.14Ani wol wolitti isaan buusee, abbooti'ii fi ilmaan wol wolitti buusee hin caccassa; ani yennaa isaan balleessu, isaaniif hin nawu yookiin hin mararu yookiin gadhaa isaaniif hin laafu› jedhiin» jedhe.

Akka Kolbaan Hin Koorre Ermiyaas Ifi Eeggachiise

15Mootiin Waan Maraa waan dubbateef,dhage'a'a; hin koorina'aatii, caqasa'a.16Adoo inni dukkana isinitti hin fidin,adoo gaara dukkanowe irratti miilli keessan hin gufatin,Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ulfinna kenna'a.Adoo isin ifa addii godhattanuu,inni ifa gara dukkanaatii figara dukkana dimmaatitti hin jijjiira.17Yoo isin hin caqasin ammoosababa koora keessaniitiif ani dhossa'aan hin bowa;kolbaan Mootii Waan Maraa waan booji'anteefani wiiccifadhee hin bowa;ilti tiyyalle imimmaan hin dhangalaatti.18Mootiin Waan Maraa natti dubbatee, «Mootichaa fi haadha mootichaatiin, ‹Kallachi ulfinna keessanii mataa keessan irraa waan bu'uuf, barcumaa mootumma'aa irraa gad bu'a'a› jedhi» jedhe.19Qachooti Yihuda'aa ka gara kibbaahin cufaman; ka isaan banulle hin jiru; kolbaan Yihuda'aa marti hin booji'anti; isaan duudiin hin fudhataman.20Ee Yerusaalem! Diinota keeti ka gara kaabaatiin dhufiisatti jiranu ol jedhii ilaali. Kolbaan sitti kennante, ta ati ittiin ifi jajju meet?21Worra ati jaala godhatte, Mootiin Waan Maraa si irratti yennaa mootonsu, ati maan jetta? Akka dubartii deettuu hin ciniinsifattuu ree?22Ati gadhaa keeti keessatti, «Tun maaf na irratti teete?» jettee yoo ifi gaafatte, sababa bacinna cubbuu teetiitiif, woyaa teeti si irraa shooqanee hunnaan si woliin rafane.23Nami Itoophiya'aabifa ifii yookiin qeeransi buburrummaa ifii jijjiiratuu dande'aa? Akkasuma isin worri hantuu hujuu barattane, waan dansaa hujuu hin dandeettanu.24Akka hicaaceen qilleensa goomole'eetiin bittinnoottu, ani isin hin bittinneessa.25Ee Yerusaalem! Mootiin Waan Maraa si'iin, «Ati na deetee waaqota dharaatitti waan addateef tun hiree teeti; qooda ani si'iif kenne.26Aninuu woyaa teeti fuula keetitti ol garagalchee akka ati qaanottu hin godha.27Ani hujii teeti battittii gaarayyeeffatiisa keetii, akka fardaa himimmisiisa keetii fi sagaagala keeti ka qaanii hin qanne dhaggeera. Ee Yerusaalem, si'iif aanne'e! Ati haga yoomii batumma'aan jiraatta?» jedha.