Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa10gax_twf

Waaqota Dharaa Waaqonfatiisaa Fi Waaqonfannaa Dhuga'aa

1Ee, kolbaa Israa'elii, waan Mootiin Waan Maraa isinitti dubbattu dhage'a'a!2Mootiin Waan Maraa, «Karaa gosa biyya adda addaa hin hordofina'a!Isaan beessisa gubba'aatiin hin bararaqin;isin waan kanaan hin bararaqina'a.3Aadaan kolbaa tanaa waan bu'aa hin qanne;isaan muka gongomaa keessaa muran;nami muka bocu uraa ifiitiin bifa itti baasa.4Meeti'ii fi worqi'iin gonfanee seesan;akka hin jinneefburrisaan mismaara itti dhowanee hin jabeessan.5Waaqoti isaanii akka waan bineensa sodaachisaaf,fichaa baaqula'aa keessa dhaabanee ti;waaqoti isaanii dubbatiisa hin dande'anu;ideemiisalle waan hin dandeenneef,namatti isaan ba'atee ideema.Isaan nama miidhiisayookiin waan dansaa godhiisa waan hin dandeenneef,isaan hin sodaatina'a» jedha.
6Ee Mootii Waan Maraa, ka akka keetii hin jiru;ati gudda'a;baalliin maqaa keetiille guddo'o.7Ee, mootii gosa biyya adda addaa,ka si hin sodaanne eennu?Qaroolee gosa biyya adda addaatii fimootummoota isaanii mara keessaa,ka akka keetii waan hin jirreef,ulfinni si'iif male.8Isaan marti daallotaa fi gowwoota;isaan waaqota dharaa ka muka irraa bocame irraa baratan.9Waaqoti dharaa ka isaanii kun hujii harka namaa ti;isaan meetii qulqulluu biyya Tarshiishiitii dhuttuu fiworqii biyya Ufaaziitii dhuttu irraa hujamane;woyaan bifa cuquliisaatii fi dhiilleen isaan uffatanu martihujii worra ogeeyyi'ii ti.10Mootiin Waan Maraa ammoo Waaqa dhuga'aa ti;inni Waaqa jiraata'a fi mootii bara baraa ti.Yennaa inni aaru latti hin tachooti;gosi biyya adda addaalle mufii isaa dura dhaabbatiisa hin dandeettu.11Isin, «Waaqoti dharaa ka ol-gubba'aa fi lafa hin dadin kun,ol-gubba'aan jala irraa, lafa irralle'eehin badan» jedha'aatii isaanitti hima'a.

Faaruu Waaqa Leellisiisaa

12Waaqi hunna ifiitiin lafa dade;qarummaa ifiitille'een biyya lafaa hundeesse;hubantii ifiitille'een ol-gubbaa diriirse.13Yennaa inni qoonqoo ifii ta akka mandiisu'uu dhageessisu,bisaan ol-gubba'aa hin shookkisa;inni duumensi qaccee lafaa irraa akka ol ka'u hin godha;bokkeya keessa balaqqeettii hin buusa;qilleensalle mana kuusa'aa ka ifii keessa hin fida.
14Isaan martinuu worra daalle'ee fiworra beekkumsa hin qanne;worri worqii baqisiisu martiwaaqota dharaa ka hujane sanitti fokkifataneeran.Fakkiin isaan hujane ta dharaa ti;hafuuralle hin qaddu.15Isaan worra bu'aa hin qanne, meya murgo'oo ti;yennaa muraan isaanitti dhuttu hin badan.16Waaqi Yaaqoobii ammoo akka isaan kanaatii moti;waan mara ka dade isa waan te'eef,kolbaa Israa'eliille ka ifii godhatiisaaf filate;maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.

Badii Dhufu'uu Jirtu

17Ee, isin worri marfantaneertanu, meya keessan ka lafa jiru wolitti qabadha'a.18Mootiin Waan Maraa, «Ani amma worra lafa tana keessa le'u, fugussee hin baasa; akka isaan booji'amanuuf rakkinna isaanitti hin fida» jedha.19Ani waan madoweefnaaf aanne'e!Madaan tiyyalle ta hin fayyine.Ani ammoo, «Tun dhibee tiyya;anille ossatuu qaba» jedhe.20Dunkaaniin tiyya diiganteerti;wodaroon isi'ii marti ciccitteerti.Ijoolleen tiyya na lakkittee deenteerti;deebi'ee isaan hin dhaggu;nami dunkaanii tiyya naaf dhaabu,ka gollaa kiyyalle naaf diriirsu tokkolle hin hanne.
21Tissitooti daallee waan teeteef,Mootii Waan Maraa irraa gorsa hin gaafattu;tanaaf isaaniif hin milkoonne;tiki isaanii marti bittinnoweera.22Caqasa'a! Oduun dhufiisatti jirti.Kunoo gara lafa kaabaatii hogaan guddaan hin dhufa.Hogaan sun qachoota Yihuda'aa onsee,addee jeedalti leetu hin godha.

Daadimata Ermiyaasii

23Ee Mootii Waan Maraa!Jiruun namaa tama isaa akka hin te'in ani hin beeka;nami ideensa ifii ifumaan qajeelchuu hin dande'u.24Ee Mootii Waan Maraa! Akka ani ijjumaa hin bannehaqaan na adabi malee,aarii teetiin na hin adabin.25Gosi biyya adda addaa ta si hin beennee fikolbaan maqaa keeti hin waammannesanyii Yaaqoobii balleessiteerti.Isaan sanyii Yaaqoobii ijjumaa fixanee,lafa isaanii waan onsaneef,aarii teeti isaan irratti dhangalaasi.