Kitaaba Abbootii Mura'aa9gax_twf

Abiimelek

1Ilmi Giidewonii Abiimelek gara qachaa Sheekemii, addee firri haadha isaa duudiin keessa le'u dhaqee, isaaniin2«Worra qachaa Sheekemii keessa le'u duudi'iin, ‹Ilmaan Giidewonii torbaatam marti, isin bulchitu woyya moo nami tokko callaan isin bulchu woyyaa?› jedha'aatii gaafadha'a. Ani dhiigaa fi foon keessan akka te'elle qaabadha'a» jedheen.3Firri haadha isaa marroo Abiimelekiitiif, namoota qachaa Sheekemiititti dubbatane; namooti Sheekemille, «Inni obboleessa» jedhanee, isa hordofiisaaf murteeffatane.4Isaan galma Ba'aal-beriitii keessaa, meetii torbaatama fuudhanee isaaf kennane; Abiimelekille namoota siyyaayye'ee fi boru-hinbeennee qaxaratee akka isa gula deemanu godhe.5Inni gara mana abbaa ifii ka qachaa Ofra'aa keessaa dhaqee, ilmaan Giidewonii, obboleeyyan ifii torbaatama dhakaa tokkocha irratti ijjeese; ilmi Giidewonii maandhichi Yotaam ammoo waan dhokateef hafe.6Achiin duuba namooti Sheekemiitii fi Bet-Miilo'oo marti wolitti qabamanee, qilxaa Sheekem keessa ka utubaa dhaka'aa bira jirutti, Abiimelek mootii godhatane.7Yotaam yennaa waan kana dhage'e, qaccee gaara Geriiziimiititti ol bayee, «Isin worra Sheekemii, na caqasa'a! Waaqille isin hin caqasa.8Gaafa tokko mukooti wolitti qabamanee mootii ifi irratti moosifatiisaaf bayanee, muka ejersaatiin, ‹Nu irratti mootii te'i› jedhane.9Muki ejersaa deebisee, ‹Isin bulchiisaaf jedhee, zayitii tiyya ta waaqotii fi namooti ulfinna ittiin dhaggatanu kennuu lakkisa ree?› jedhe.10Achiin duuba mukooti muka harru'uutiin, ‹Koyiitii nu irratti mootii te'i› jedhane.11Muki harru'uu ammoo deebisee, ‹Isin bulchiisaaf jedhee, midhaan mi'awa'aa fi dansaa kiyya buusuu lakkisaa ree?› jedhe.12«Achiin duuba mukooti muka woyni'iitiin, ‹Koyiitii nu irratti mootii te'i› jedhane.13Muki woyni'ii ammoo deebisee, ‹Ani isin bulchiisaaf jedhee, midhaan kiyya ka daadhii woyni'iin te'ee waaqotaa fi namoota gammachiisu buusuu lakkisaa ree?› jedhe.14Maarre mukooti duudiin tusee qore'eetiin, ‹Koyiitii nu irratti mootii te'i› jedhane.15Tuseen qore'eelle mukootaan, ‹Dhugumaan yoo mootii keessan na godhatiisa barbaaddane, kowa'aatii gaaddisa kiyya jalatti qubadha'a. Yoo tana hin godhin, ibiddi dameelee qore'ee tiyya keessaa bayee, hindheensa Libaanosii gubuu ti› jette.16«Tanaaf amma, Abiimelek yennaa mootii gootane qajeelumma'aa fi dhuga'aan yoo te'e, akkuma Giidewonisiniif godhe, isinille isaa fi maatii isaatiif waan dansaa yoo gootanee jiraattane,17abbaan kiyya isiniif lolee, harka worra Miidiyaanii jalaa isin baasiisaaf, jiruu ifii dabarsee akka kenne qaabadha'a.18Adha ammoo isin maatii abbaa kiyyaa irratti kaatanee, ilmaan isaa torbaatama dhakaa tokkocha irratti fixxanee, Abiimelek ka garbittii irraa dhalate obboleessa keessan waan te'eef, worra Sheekemii irratti mootii gootane.19Amma yoona, wonni isin Giidewonii fi maatii isaatiif gootane, qajeelumma'aa fi dhuga'aan yoo teete, Abiimelekitti gammada'a; innille isinitti gammaduu ti.20Yoo tun hin te'in ammoo, Abiimelek irraa ibiddi ka'ee, worra Sheekemiitii fi worra Bet-Miilo'oo gubee fixuu ti; akkasuma ibiddi worra Sheekemiitii fi worra Bet-Miilo'oo irraa ka'ee, Abiimelek gubee fixuu ti» jedhe.21Achiin duuba Yotaam obboleessa ifii Abiimelek waan sodaateef gara qachaa «Be'eer» jedhamuu baqatee achi le'e.

Abiimelekii Fi Namoota Sheekemii

22Abiimelek haga woggaa sadii Israa'eloota bulche.23Achiin duuba Waaqi, ayyaana hamaa ka Abiimelekii fi worra Sheekemii wolitti kaasu erge; worri Sheekemiille Abiimelek irratti ka'e.24Marroo dhiiga ilmaan Giidewonii torbaatamaa, ka dhangala'ee, Abiimelekii obboleeyyan ifii ijjeesee fi akka inni obboleeyyan ifii ijjeesu ka isa jajjabeesse, worra Sheekemii haluu bayiisaaf Waaqi tana godhe.25Tanaaf worri Sheekemii Abiimelek irratti ka'ee, qaccee gaaraa irratti namoota riphanee isa eeganu keyanee, namooti sun worra karaa san taru duudii saamane. Abiimelekille waan kana mara dhage'e.26Achiin duuba ilmi Ebeedii Ga'aal obboleeyyan ifii woliin gara qachaa Sheekemii dhufe; worri Sheekemiille isatti addii godhatane.27Isaan duudiin gara fichaa woynii ifii dhaqanee, midhaan woyni'ii guuratanee daadhii woyni'ii cunfanee jila jilifatane. Achiin duuba isaan gara galma waaqa ifii seenanee nyaatanee unanee Abiimelek abaarane.28Ilmi Ebeedii Ga'aal, «Nuuti worri sheekemii ka isa tajaajillu, Abiimelek eennu inni? Inni ilma Giidewonii, Zebulille ajajaan isaa gadii, namoota sanyii Hamoorii abbaa Sheekemii worra tajaajilanee motii? Nuuti maaf isa tajaajilla ree?29Kolbaa tana ka sooressu adoo na te'e Abiimelekiin, ‹Loltoota teeti mara waammadhuutii, bayii loli› jedhee, barcumaa isaa irraa isa hin buusaayyu» jedhe.30Zebul bulchaan qachaa sanii, waan ilmi Ebeedii Ga'aal jedhe yennaa dhage'e, aaree bobe'e.31Inni Abiimelekii Arumaa keessa jirutti malaan namoota ergee, «Ilmi Ebeedi Ga'aalii fi obboleeyyan isaa gara qachaa Sheekemii dhufanee, namoota qacha'aa si irratti kakkaasaneeran;32Tanaaf amma, atii fi loltooti teeti halkaniin baya'aatii, fichaa keessatti ripha'aa eega'a.33Boru ganama yennaa aduun baatu, qachaa san ariiti'iin ilaala'a. Ga'aalii fi namooti isaa isin loliisaaf yennaa gad bayanu, haga dandeettane lola'a» jedhe.34Maarre Abiimelekii fi loltootii isaa duudiin halkaniin ka'anee, golii afuritti qoodamanee, qachaa Sheekemii biratti riphanee eegane.35Ilmi Ebeedii Ga'aal bayee, seensuma karra qacha'aa keessa dhaabbateeruun yennaa dhaggane, Abiimelekii fi loltooti isaa addee riphaneeranuu bayane.36Ga'aal yennaa isaan dhagge, Zebuliin, «Ilaal! Kolbaan qaccee gaaraa irraa gad bu'iisatti jirti» jedhe. Zebulille isaan, «Gaaddisa gaarota irraatitti kolbaa sitti fakkaate» jedhe.37Ammalle Ga'aal, «Ilaal! Kolbaan hidha gaaraa irraa gad bu'iisatti jirti; goliin tokko ammoo, karaa qilxaa worra moruutiin dhufiisatti jirti» jedhe.38Achiin duuba Zebul isaan, « ‹Akka isa tajaajilluuf Abiimelek eennu inni?› jettee ka ati bookkitte amma meet ree? Worri ati tuffatte isaan kanaa motii? Amma gad bayiitii isaan woliin loli» jedhe.39Maarre Ga'aal worra Sheekemii sooressaa gad bayee, Abiimelek woliin lole.40Abiimelek Ga'aal ari'e; Ga'aalille isa dura dheete; haga seensuma karra qacha'aa bira geyanutti worri hedduun madowanee jigane.41Abiimelek Arumaa keessa le'e; Zebulille Ga'aalii fi obboleeyyan isaa qachaa Sheekemii keessa akka hin leene ari'ee baase.42Boruyyaa ganama worri Sheekemii gara fichaa ifii akka dhaqaaranu Abiimelek dhage'ee,43loltoota ifii fudhatee, golii saditti qoodee, fichaa keessatti riphee isaan eege. Inni namooti qachaa keessaa bayaaranuun yennaa dhagge, addee riphee ka'ee isaan ijjeese.44Abiimelekii fi goliin isa woliin jirtu, seensuma karra qacha'aa eegiisaaf ariifatanee bayanee balbala seensuma karra qacha'aa san dura dhaabbatane; goliin lama hattelle, namoota fichaa keessa jiranu maratti fiiganee ijjeesane.45Abiimelek guyyaa guutuu qachaa san lole; inni qachaa san qabatee; kolbaa qachaa san keessa jirtulle ijjeese; inni qachaa san diigee, soodda itti facaase.46Worri xelleephoo qachaa Sheekemii keessaa duudiin, yennaa waan kana dhage'ane, kushee galma Ba'aal-beriitii keessa seenane.47Abiimelekille akka isaan achitti wolitti qabamane dhage'e.48Tanaaf inni loltoota isa woliin jirtu mara woliin gara gaara Zaalmonii ol bayee; agaraa fudhatee damee mukaa muree, gurmuu ifiititti kaafate. Achiin duuba worra isa gula deemuun, «Ariifadha'aatii waan ani godhuun dhaggitane, isinille ariifadha'aatii akkasuma godha'a» jedhe.49Maarre nami marti damee mukaa muree, Abiimelek gula deeme; damee mukaa san kushe'etti irkisanee tuulanee, namooti adoo kushee san keessa jiranuu ibiddaan gubane; tanaaf worri xelleephoo Sheekemii keessa jiru duudiille, dhiirtii fi dubartooti gara kuma tokkoo du'ane.50Achiin duuba Abiimelek gara qachaa Tebezii dhaqee, qachaa san marsee qabate.51Qachaa san keessa xelleephoon jadduun takka waan jirtuuf, worri qachaa sanii dhiirtii fi dubartiin marti, sooressitooti martinuu gara xelleephoo sanii baqatanee seenane; balbalalle gara keessaatiin ifitti cufatanee, xelleephoo irra ol bayane.52Abiimelek adoo loluu xelleephoo san bira geyee, ibiddaan gubiisaaf gara seensuma xelleephoo sanii dhikaate.53Dubartiin takka ammoo, ilmaachuu daaku'uu mataa Abiimelekiititti qolaansitee, buqqii mataa isaa buttuchite.54Yoosuma inni, dargaggeessa meya isaa ka woraanaa ba'ateeru waamee, «Akka kolbaan, ‹Dubartii takkatti isa ijjeese› akka naan hin jenne, shallaagaa keeti buqqifadhuutii na ijjeesi» jedheen. Tanaaf dargaggeessi shallaaga'aan hordee isa ijjeese.55Israa'elooti Abiimelek akka du'e yennaa dhaggane, isaan martinuu gara mana ifii deemane.56Waaqi akka kanaan, yakkaa Abiimelek obboleeyyan ifii torbaatama ijjeesiisaan, abbaa ifii yakkeef gatii isaaf kenne.57Akkasuma Waaqi hammeenna kolbaa Sheekemiille, mataa isaaniititti deebisee, abaarsi Yotaamii ilma Giidewoniille isaan dhaqqabe.