Giidewon
1Kolbaan Israa'elii ammalle Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujje; tanaaf inni harka worra Miidiyaaniititti dabarsee isaan kenne; isaanille woggaa torba isaan bulchane.2Hunni worra Miidiyaanii Isrsaa'eloota irratti waan jabaatteef, kolbaan Israa'elii addee dhokaataa godaa fi kushee jadduu gaara irratti qopheeffatte.3Yennaa kolbaan Israa'elii midhaan ifii facaafattu mara, worri Miidiyaanii, worri Amaaleqiitii fi worri lafa gara aduun baatuu le'u dhufee isaan lole.4Isaan lafa sanitti qubatanee, midhaan haga adaala Gaaza'aa jiru mara balleessane; horii Israa'elooti ittiin leetu hoolee, loonii fi geejjiba isaanii duudii tokkolle hin lakkinneef.5Isaan akka tuuta awwaannisaa, hori'ii fi dunkaana ifii woliin waan dhufaneef, namootaa fi gaalota isaanii laakkowiisa hin dandeenne; isaan dhufanee lafa san balleessane.6Worri Miidiyaanii Israa'elootatti deega buusane; tanaaf Israa'elooti akka isaan qarqaaruuf gara Mootii Waan Maraa iyyite.7Yennaa Israa'elooti sababa worra Miidiyaaniitiif gara Mootii Waan Maraa iyyite,8Mootiin Waan Maraa raagaa tokko gara isaanii erge; innille isaaniin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani biyya Gibxi'ii lafa garbumma'aa keessaa isin baaseera.9Ani harka worra Gibxi'iitii fi harka worra isin cunqursuu mara jalaa isin baaseera; Kana'aanota isin duraa ari'ee, lafa isaaniille isiniif kenneera.10Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; waaqota worra Amoorotaa ka lafa keessa leetanuu akka hin sodaanne isinitti himeeraayyu; isin ammoo na hin dhageenne› jedheera» jedhe.11Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa dhufee, qilxaa ollaa «Ofraa» jedhamu keessa jiru tokko jala tee'e; qilxaan sun ka Yo'aasii sanyii Abii'ezerii ti; yennaa san Giidewon ilmi Yo'aasii worra Miidiyaanii jalaa dhoffatiisaaf, addee woynii itti cunfanutti qamadii dhowatiisatti jiraayyu.12Achitti ergamaan Mootii Waan Maraa isatti mudhatee, «Ee nama jabaa janna! Mootiin Waan Maraa si woliin jira» jedheen.13Giidewon deebisee, «Ee goottaa kiyya! Mootiin Waan Maraa nu woliin adoo jiraate, wonni kun marti maaf nu dhaqqadde ree? Yennaa Mootiin Waan Maraa biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase, bilbaasi inni godhe ta abbootiin teenna nutti hinte meet ree? Amma ammoo, Waaqi nu gatee harka worra Miidiyaaniititti dabarsee nu kenneera» jedheen.14Achiin duuba Mootiin Waan Maraa gara isaa deebi'ee, «Hunna jadduu teeti tanaan dhaqi! Israa'eloota harka worra Miidiyaanii jalaa akka baattuuf ani si ergaara» jedhe.15Giidewon deebisee, «Ee goottaa kiyya, ani attamiin Israa'el hamburuu dande'a? Firri kiyya fira Minaase'ee keessaa fira diqqa'a; anille maatii tiyya keessaa maandhicha» jedhe.16Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani si woliin waan jiruuf, worra Miidiyaanii duudii akka nama tokkochaa hin butuchita» jedheen.17Giidewonille deebisee Mootiin Waan Maraatiin, «Ani amma si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, ka na woliin dubbatiisatti jirtu dhugumaan si akka teete akka mirkaneeffadhuuf beessisa naaf kenni.18Haga ani kennansa fidee sii dhikeessutti, maganne'e asii hin deemin» jedhe. Mootiin Waan Maraalle, «Haga ati deebitutti hin eega» jedheen.19Maarre Giidewon gara mana ifii dhaqee, buruusoo re'e'ee qalee iffeelee, bullaa kiiloo kudhan fuudhee, daabboo uukoo hin qanne bilcheesse. Inni foon kollonjoo keessa keyee, bisaan foonii okkote'etti naqee, qilxaa jalatti ergamaa Waaqaatiif dhikeesse.20Ergamaan Waaqaalle Giidewoniin, «Foonii fi daabboo uukoo hin qanne san rassaa kana irra keyiitii, bisaan foonii itti naqi» jedhe. Giidewonille akkuma inni jedhe godhe.21Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa, qaccee ulee harka ifiititti qabateeruun foonii fi daabboo uukoo hin qanne san tuqe; ibiddi rassaa keessaa bobe'ee, foonii fi daabboo uukoo hin qanne san nyaatee fixe. Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa Giidewon biraa deeme.22Giidewon ergamaa Mootii Waan Maraa akka dhagge yennaa hubate, «Maalo'o, Gootta'a Mootii Waan Maraa, ani ergamaa keeti dura dhaabbadhee ila tiyyaan waan dhaggeef, naaf aanne'e!» jedhe.23Mootiin Waan Maraa ammoo Giidewoniin, «Nageenni sii te'u! Hin sodaatin; hin duutu» jedhe.24Giidewon achitti Mootii Waan Maraatiif addee ciinca'aa ijaaree, «Mootiin Waan Maraa, Mootii Waan Maraa ka Nageyaa ti» jedhee moggaase. Addeen ciinca'aa sun haga adhaalle qachaa «Ofraa» jedhamu ka sanyii Abii'ezerii keessa jirti.25Halkan san Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Korommii abbaa keetiitii fi korommii dhibii ka woggaa torbaa fuudhi; addee ciinca'aa ta abbaan keeti Ba'aaliif ijaare diigiitii, utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantuu, ka cinaa san jiru butuchi jissi.26Tuulaa bututa sanii irratti, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif addee ciinca'aa haala sirrii te'een ijaari; achiin duuba korma lammeesso'oo fuudhii qaliitii, qoraan utubaa Asheera'aa ka butuchitee jissite saniin, ciincaa dhikeessi» jedhe.27Maarre Giidewon tajaajiltoota ifii keessaa nama kudhan fuudhee, akkuma Mootiin Waan Maraa isatti hime godhe. Inni guyya'aan tana godhiisaaf, maatii ifiitii fi worra qachaa sanii guddoo waan sodaateef, halkaniin godhe.28Worri qachaa keessaa boruyyaa barii ganama yennaa ka'e, addeen ciinca'aa ta Ba'aalii diigantee, utubaan waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantuu bututee, addee ciinca'aaf ijaarante irralle'etti, kormi lammeesso'oo ciinceffameeraayyu.29Isaan, «Tana ka godhe eennu?» jedhanee wol gagaafatane; guddoo qorqoraneen duuba tana ka godhe Giidewonii ilma Yo'aasii akka te'e beekane.30Achiin duuba isaan Yo'aasiin, «Ilmi keeti addee ciinca'aa ta Ba'aalii diigee, utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantuu, ka addee ciinca'aa bira jiru waan butucheef, akka ijjeennuuf gad nuu baasi!» jedhane.31Yo'aas ammoo worra isa marsanee dhaabbataneeranu duudi'iin, «Isin Ba'aaliif falmitanii? Yookiin isaaf golii teetanii? Nami isaaf falmu duudiin boru ganama hin ijjeefama. Ba'aal waaqa yoo te'e, nama addee ciinca'aa butuchee jisse san inninuu falmatuu ti!» jedhe.32Tanaaf Giidewon addee ciinca'aa ta Ba'aalii butuchee waan jisseef, guyyaa sanii jalqabee, «Yiruub-Ba'aal» jedhamee waamame. Afaan Ibrootaatiin, «Yiruub-Ba'aal» jechuun, «Ba'aal ifumaafuu falmatuu ti» jechu'u.Giidewon worra Miidiyaanii Injifate
33Achiin duuba worri Miidiyaanii, worri Amaaleqiitii fi worri gara lafa baya adu'uu wolitti qabamee, laga Yordaanosii gamatti bu'ee, dhooqa Yizre'elii keessatti qubate.34Ayyaanni Mootii Waan Maraa Giidewon irratti bu'e; innille sanyiin Abii'ezerii akka isa hordottuuf tultullaa afuufe.35Inni gosi Minaase'ee duudiin akka isa hordottuuf itti ergee waansise; inni ammalle gosa Asheeriititti, gosa Zebulooniitii fi gosa Niftaalemiititti erge; isaaniille Giidewonii fi namoota isaa woliin wol dhaggiisaaf ol bayane.36Achiin duuba Giidewon Waaqaan, «Ati akkuma ani Israa'eloota harkuma kiyyaan baasuuf dubbatte,37kunoo ani rifeensa hoole'ee ka quxame eeddummee keessa hin keya; boru ganama latti marti goddee, rifeensa hoole'ee ka quxame san qofa irra fixeensi yoo jiraate, ati Israa'eloota harkuma kiyyaan akka baattu ani hin beeka» jedhe.38Wonni kunille akkuma inni jedhe teete. Giidewon boruyyaa ganama ka'ee, rifeensa hoole'ee quxame san yennaa miice, bisaan qorii tokko guutu keessaa baye.39Achiin duuba Giidewon Waaqaan, «Ammalle gaaffii tokko si gaafadha, maganne'e natti hin aariin; rifeensi hoole'ee ka quxame sun gogee, lafa duudii irratti fixeensi akka itti bu'u godhi» jedhe.40Halkan san Waaqi akkuma san godhe. Rifeensi hoole'ee ka quxame sun callaan gogee, lafa duudii irratti fixeensi bu'e.