Kitaaba Abbootii Mura'aa5gax_twf

Faaruu Debora'aatii Fi Baaraaqii

1Guyyaa san Debora'aa fi ilmi Abiino'aamii Baaraaqi faaruu asii gad jirtu faarfatanee,2«Sooressitooti Israa'eloota waan sooressaneef,kolbaalle fedhii ifiitiinduuliisaaf waan murteeffatteefMootii Waan Maraa galateeffadha'a!
3«Isin Mootoleen, dhage'a'a!Isin sooreyyiin, caqasa'a!Ani Mootii Waan Maraatiif hin faarsa!Mootii Waan MaraaWaaqa Israa'elii hin leellifadha.
4«Ee Mootii Waan Maraa,yennaa ati gaara Se'iirii irraa kaate,yennaa ati biyya Edoomii keessa deentelatti tachootee,ol-gubbaan bisaan dhangalaatte;duumensille bokkeya roobisiise.5Gaaroti Mootii Waan MaraaWaaqa Siina'aa duratti,fuula Mootii Waan MaraaWaaqa Israa'elii duratti tacho'ane.
6«Bara Shamgaarii ilma Anaatii,bara Yaa'eliikaraan guddaan one;worri karaa deemullekaraa miliffataatiin deemaniiyyu.7Haga guyyaa ani DeboraanIsraa'eliif akka haadhaa te'ee ka'etti,qachaan Israa'elii oneera.8Achiin duuba Israa'elootiwaaqota dur hin beenne yennaa filatane,lolli gara karra qacha'aa dhufe;Israa'eloota kuma afurtama oddu'utti,wonteen yookiin eboon hin dhagganne.9Gadhaan kiyyadura aantota worra woraanaa ka Israa'elii,ka fedhii ifiitiin duuliisaaf murteeffate bira jira.Mootii Waan Maraa leellisa'a!
10«Isin worri harree adaadii irraa teettanu,worri gilaasii seefante irra teettanu,worri karaa irralle deddeentanu,marroo waan kanaa hima'a.11Qeexala worra heddu'uuka adaala boolla bisaaniitii dhage'amu dhage'a'a;qeexalli sun injifachaa Mootii Waan Maraa,injifachaa kolbaa Israa'eliille hima.«Achiin duuba kolbaan Mootii Waan Maraagara karra qacha'aa gad buute.12Debora'a, ka'i, Ka'i!Ka'i, ka'iitii faarfadhu!Baaraaqii ilma Abiino'aamii,atille ka'i!Worra boojite qabadhuu deemi.
13«Achiin duuba worri hafegara qondaaltotaa gad bu'ane.Kolbaan Mootii Waan Maraa marroo tiyyaafworra hunnaameyyii loliisaaf dhutte.14Worri dhufelle, sanyii Efreemii keessaa gariinaddee dur worri Amaaleqootaa le'u irraa dhufane.Worri dhibiille sanyii Beniyaamii keessaa dhufane.Sanyii Maakiirii keessaadura aantoti worra woraanaa,sanyii Zebuloon keessaaworri ulee bokku'uu qabatu dhufane.15Sooressitooti sanyii YisaakoriiDeboraa woliin dhufane;Baaraaqille sanyii Yisaakorii woliin dhufee,gara dhooqaa isa gula ori'e.Sanyiin Ruubenii yennaa dheertuu itti yaadaneemurteeffatiisa hin dandeenne.16Maaf odduu gooree hoole'ee teettane?Madha hoole'ee dhage'iisaafii?Eeti'i, sanyiin Ruubenii yennaa dheertuu itti yaadaneemurteeffatiisa hin dandeenne.17Sanyiin Giil'aad laga Yordaanosii irraagara aduun baatutti turte;sanyiin Daanii maaf hoboloo guddittii keessa turte?Sanyiin Asheerii qarqara abbaaya'aa,addee buufata hobolo'oo turte.18Sanyiin Zebuloonii du'aaf ifi dabarsitee kennite.Sanyiin Niftaalemillekoobota woraanaa irratti akkasuma goote.
19«Moototi dhufanee lolane;yennaa san mootota Kana'aaniiqachaa Ta'ana'aatittibisaan Megidoo biratti lolaneammoo meetii takkaalle,waan dhibiille hin saanne.20Urjooti ol-gubbaa irra,daandii ifii irra deemaa Siiseraa lolte.21Lagi Qiisonii ka durii durii sun,isaan haree dabare.Lubbuu tiyya,jabaadhuu deem!22Fardoon Kotte'een hididditte;gulufaa gulufaagara fardoo jajjaba Siisaara'aa dhaxxe.23Ergamaan Mootii Waan Maraa,‹Qachaa Merozii abaara'a!Worri qachaa san keessa le'u,Worra hunnaameyyii loliisaan,Mootii Waan Maraa qarqaariisaafwaan hin dhufiniif, akka malee abaara'a› jedhe.
24«Niitiin Heberii Qenichaa Yaa'el,dubartoota mara caalaata hiree dansaa qaddu teetuu ti;dubartoota dunkaanii keessa leetu caalaata hiree dansaa qaddu teetuu ti.25Siiseraan, bisaan kadhate;isiin ammoo aanan isaaf kennite;qodaa goottole'eetitti itittuu dhikeessiteef.26Isiin harka tokkoontogaa dunkaanaa qabattee,harka middaatiinburrisa hojjattootaa qabattee,Siiseraa dhoottee mataa butuchitee,shikaala san guunaa gurra isaatitti dhootteejalaa fullaache.27Inni laafee,miila isi'ii jalatti jige;Adduma jige sanitti du'e.
28«Haati Siisera'aakaraa foddaa manaatiin gad ilaaltee,iyyitee, ‹Garreettaan fardaan harkifamuka mucaa kiyyaa maaf ture?hididdeettiin kottee fardaamaaf hin dhage'anne?› jette.29Dubartooti tajaajiltooti isi'ii qarooleen,gaaffii isi'iitiif deebii kennane;isiin ifumaan ifiin dubbattee,30‹Isaan boojuu booji'anee,dubartii tokko tokko yookiin lama lamaloltoota tokko tokkoofuu,Siisera'aaf woyaa kuula adda addaatiin seefante,morma worra booji'eetiifwoyaa kuula adda addaatiin seefanteqoodamiisatti jiranii motii?› jette.
31«Ee Mootii Waan Maraa,diinoti keeti marti badanuu ti.Worri si jaalatu ammoo,akka aduun ganamaa akka malee issitu,issanuu ti» jette.Achiin duuba biyya sanitti woggaa afurtama nageenni te'e.