Debora'aa Fi Baaraaqi
1Ehud du'een duuba, Israa'elooti ammalle Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujane.2Tanaaf Mootiin Waan Maraa, harka Yaabiinii mootii Kana'aanii ka qachaa Hazoorii bulchuutitti dabarsee isaan kenne. Ajajaan loltoota isaa, nama «Siiseraa» jedhamu ka qachaa Haroshet-hagoyiimii keessa le'u.3Mootichi Yaabiin garreettaa sibiilaa ka fardo'oon harkifamu dhibba sagal waan qabuuf, woggaa diddama gadhi-jabeennaan waan cunqurseef, Israa'elooti akka Mootiin Waan Maraa isaan qarqaaruuf iyyite.4Yennaa san Deboraan raagittiin haati manaa Laphiidotii, kolbaa Israa'eliitiif haadha mura'aa ti.5Isiin biyya koobotii Efreemii keessa, qachaa Raama'aatii fi Bet'elii odduu meexxii Debora'aa jala teettee muraa kenniti; kolbaan Israa'eliille muraa dhaggatiisaaf gara isi'ii dhaxxiiyyu.6Gaafa tokko Deboraan qachaa Qedeeshii ka Naftaalem keessaatitti ilma Abiino'aamii Baaraaqitti nama ergitee waansittee, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii, ‹Dhaqiitii sanyii Niftaalemiitii fi Zebuloonii keessaa namoota kuma kudhan gara gaara Taaborii geessi.7Siiseraan ajajaan loltoota Yaabiinii, garreettaa sibiilaa ka fardaan harkifamuu fi loltoota ifii woliin laga Kiishoniititti si loliisaaf gara keeti akka dhufu hin godha; harka keetille'etti dabarsee isa hin kenna› jedhee si ajajeera» jetteen.8Achiin duuba Baaraaqi isi'iin, «Yoo ati na woliin dhaxxe anille hin dhaqa; yoo ati na woliin hin dhaqin ammoo anille hin dhaqu» jedhe.9Isiille deebittee, «Teetuu ti; ani si woliin hin deema; ammoo Mootiin Waan Maraa Siiseraa harka dubarti'iititti dabarsee waan kennuuf, karaa ati yaaddu kanaan ulfinni si'iif hin te'u» jette. Achiin duuba Deboraan Baaraaqi woliin Qedeesh dhaxxe.10Baaraaqi sanyii Zebulooniitii fi Niftaalemii Qedeeshitti waame; loltooti kum kudhan isa gula deemane; Deboraalle isa woliin dhaxxe.11Heberiin Qenichi sanyii Hobaabii abbaa soddaa Muuse'ee, worra Qenootaa dhibii irraa gargar bayee, dunkaana ifii lafa «Zaa'anaaniim» jedhantu ta qachaa Qedeeshii bira jirtu keessatti, muka qilxa'aa cina'atti dhaabe.12Ilmi Abiino'aamii Baaraaqi gara gaara Taaboriititti akka ol baye Siisera'atti himane.13Siiseraalle garreettaa sibiilaa ka fardaan harkifamu dhibba sagalii fi loltoota ifii mara Haroshet-Hagoyiim irraa gara laga Kiishonii wolitti qabe.14Achiin duuba Deboraan Baaraaqiin, «Mootiin Waan Maraa adha Siiseraa harka keetitti dabarsee waan kennuuf, ka'i! Mootiin Waan Mara si'iin dura hin deema» jetteen. Maarre Baaraaqi loltoota kuma kudhan woliin gaara Taaborii irraa gad bu'e.15Akkuma Baaraaqi loltoota ifii woliin jara loleen, Mootiin Waan Maraa Siisera'aa fi loltoota isaa, garreettaa isaa ka fardo'oon harkifamu maralle joonjesse. Siiseraalle garreettaa sibiilaa ifii ka fardo'oon harkifamu irraa bu'ee, miilaan dheete.16Baaraaqi garreettaa sibiilaa ka fardo'oon harkifamuu fi loltoota haga Haroshet-hagoyiimii ari'e. Loltooti Siisera'aa marti shallaaga'aan dhumattee, nami tokkolle hin hanne.17Mootii Hazoorii Yaabiinii fi sanyii Heberii Qenichaa wodhakkaa nageenni waan jiruuf, Siiseraan gara dunkaana Yaa'elii niitii Heberii Qenichaa baqate.18Yaa'elille Siiseraa fudhatiisaaf gad baatee, «Goottaa kiyya koy; gara dunkaanii tiyyaa seen; hin sodaatin» jetteen. Inni yennaa seene, isiille golla'aan duubatti isa dhossite.19Inni isi'iin, «Ani waan dheebodheeruuf, maganne'e bisaan unu naaf kenni» jedhe; isiin aanannoo buqqittee, waan inni unu kennitee, deebittee isa dhossite.20Achiin duuba inni isi'iin, «Seensuma dunkaani'ii dura dhaabbadhu; eennulle dhufee, ‹Nami as jiraa?› jedhee yoo si gaafate ‹Hin jiru› jedhiin» jedhe.21Siiseraan guddoo waan dadhabeeruuf hirriiba hamaa keessa jiraayyu; achiin duuba Yaa'eliin niitiin Heberii burrisaa fi togaa dunkaanaa fudhattee, laana gara isaa dhaxxee, guunaa gurra isaatitti dhoottee lafatti fullaache; innile du'e.22Baaraaqi Siiseraa ari'aa yennaa dhufe, Yaa'el isa fudhatiisaaf gad baatee, «Asi koy! Nama ati barbaaddu si'itti mudhisa» jetteen. Maarre inni isii woliin gara keessaa yennaa seene, togaan dunkaanaa guunaa gurra Siisera'aatitti danqaramee, du'ee ciiseeruun dhagge.23Waaqi guyyaa san mootiin Kana'aanii Yaabiin Israa'eloota akka injifatu godhe.24Israa'elooti mootii Kana'aanii Yaabiin ijjumaa haga balleessanutti ittuma jabaatane.