Kitaaba Abbootii Mura'aa3gax_twf

Gosa Biyya Adda Addaa Ka Adoo Hin ari'amin Hafane

1Israa'eloota lola Kana'aanii keessatti hin dhaggamin haga ittiin ilaaliisaaf, gosi biyya adda addaa ka Mootiin Waan Maraa lakkise ka asii gadii kana.2Inni dhaloota Israa'elii ta kanaan qara lola irratti dhaggamanee hin beenne, lola barsiisiisaaf tana jedhe.3Gosi biyya adda addaa ka achitti hafane kunille, bulchitoota Filisxeemotaa shanan, Kana'aanota duudii, Sidoonota, Hiiwota worra gaara Ba'aal-Hermooniitii jalqabee haga Haamaatitti, gaara hedduu Libaanonii gubbaa le'u.4Gosi biyya adda addaa kun, ajaja Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin abbootii isaanii ta duriitiif kenne, Israa'elooti akka ajajamanu yookiin hin ajajanne beekiisaaf ittiin haga ilaaliisaaf achitti hafane.5Tanaaf Israa'elooti worra Kana'aanotaa, worra Heetotaa, worra Amoorotaa, worra Pheriizotaa, worra Hiiwotaatii fi worra Yibusootaa woliin le'ane.6Isaan durra isaanii fuudhanee, ta ifii ilmaan isaanii heerumsiisane; waaqota isaaniille waaqonfatane.

Otnii'el

7Israa'elooti Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujane; isaan Waaqa Mootii Waan Maraa ifii lakkisanee, waaqota dharaa Ba'aalii fi Asheeraa waaqonfatane.8Tanaaf Mootiin Waan Maraa Israa'elitti guddoo aaree, harka mootii Mesophotaamiya'aa, Kushaan-Riishaataayimiititti dabarsee isaan kenne; isaanille woggaa saddeeti mootii san tajaajilane.9Yennaa Israa'elooti gara Mootii Waan Maraa iyyane ammoo, innille harka mootichaa jalaa ka isaan baasu, ilma Qenazii obboleessa Kaalebii maandhicha Otnii'el isaaniif kaase.10Ayyaanni Mootii Waan Maraa Otnii'el irratti bu'ee; innille Israa'el irratti abbaa mura'aa te'e; yennaa inni lolaaf baye Mootiin Waan Maraa mootii Mesophotaamiya'aa Kushaan-Riishaataayim harka isaatitti dabarsee kenne; innille Kushaan-Riishaataayim injifate.11Tanaaf latti woggaa afurtama nageyaan turte; achiin duuba ilmi Qenazii Otnii'el du'e.

Ehud Israa'eloota Rakkinna jalaa Baase

12Israa'elooti ammalle Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujje; waan kanaaf Mootiin Waan Maraa mootiin Mo'aabii Egloon akka Israa'eloota injifatu hunna kenneef.13Egloon mootota Amoonotaatii fi Amaaleqootaa ede'atee, Israa'eloota lolee, qachaa meexxi'iiqabate.14Israa'elooti mootii Mo'aabii Egloon woggaa kudhanii saddeeti tajaajilane.15Yennaa Israa'elooti gara Mootii Waan Maraa iyyane; innille nama isaan bilisa baasu, sanyii Beniyaaminii keessaa ilma Gera'aa Ehud ka harka bitaachaa isaan qarqaaruuf kaase. Israa'elooti mootii Mo'aabii Eglooniif akka gibira geessu isa ergane.16Ehud shallaagaa ciqilee tokko dheeratu, ka gara lamaaniinuu qara qabu tunsiifatee, woyaa ifii jalaan tafa middaatitti hidhate.17Achiin duuba inni gibira san mootii Mo'aabii namicha guddoo furdaa te'e, Eglooniif geesse.18Ehud gibira kenneen duuba, worri gibira ba'atee dhaqe, gara mana ifii akka deebi'anu godhe.19Inni ifii ammoo, dhakaa ijaarsaaf qotanee baasane, ka Giilgal biraa yennaa geye duubatti deebi'ee, gara mootii Egloonii dhaqee, isaan, «Ee mootii! Ani ergaa dhossa'aa ta sitti himu qaba» jedhe; mootichille, «Cadhisa'a» jedhe. Achiin duuba tajaajiltooti isaa marti isa biraa gad bayane.20Egloon kolloo ifii ta mana gubba'aa ta qilleensa qaddu keessa qofuu tee'eeruun, Ehud isa bira dhaqee, «Ergaa Waaqa biraa sii dhutte qaba» jedheen. Mootichille ol ka'ee dhaabbatte.21Ehud shallaagaa ifii tafa middaa irraa harka bitaachaan buqqifatee, gadhaa mootichaa hordee woraane.22Addeen qabata shallaaga'aalle adoo hin hafin gadhaa keessa seenee, qacceen shallaaga'aa dudda duubaan fullaate; moorri namichaa shallaagaa waan golleef, Ehud shallaagaa gadhaa namichaa keessaa hin buqqinne.23Achiin duuba Ehud kolloo mootichaa ka mana irraa keessaa gad bayee, duubaan balbala itti cufee danqare.24Ehud mana keessaa bayee deemeen duuba, tajaajiltooti isaa dhufanee balbalti kolloo mootichaa ta mana irraa cufanteertuun yennaa dhaggane, mootichi faalowa irra waan jiru seyane.25Isaan haga eeganee dadhabanuttieegane; ammoo inni balbala banuu dhannaan, furtuu fuudhanee balbala banane. Achitti goottaan isaanii du'ee lafa irra irkateeruun dhaggane.26Tajaajiltooti mootichaa balbala banamiisa adoo eeganuu, Ehud isaan irraa fagaatee deeme. Inni dhakaa ijaarsaaf qotanee baasanu san irra taree, gara Se'iira'aa miliqe.27Inni yennaa achi geye, biyya koobittii Efreemiititti tultullaaafuufe; kolbaan Israa'eliille inni isaaniin dura deemuun, isa woliin gaara irraa gad buute.28Inni isaaniin, «Mootiin Waan Maraa diinota keessan worra Mo'aabii harka keessanitti dabarsee waan kenneef na hordofa'a» jedhe. Tanaaf isaan isa gula gad bu'anee, malkaa laga Yordaanosii ta gara Mo'aabii gamatti bayanu qabatanee, nami tokkolle achiin akka hin dabarre dhooggane.29Yennaa san loltoota jajjabaa fi hunnaameyyii Mo'aabii keessaa, gara kuma kudhanii ijjeesane; nami isaan jalaa miliqe tokkolle hin jiru.30Israa'elooti gaafa san worra Mo'aabii injifatte; latti sunille woggaa saddeettama nageya dhaggatte.

Shamgaar

31Ehudiin duuba ilmi Anaatii Shamgaar, sibiila mutaa qotiyyo'oon oofanuun worra Filisxeemotaa dhibba jaa ijjeesee, kolbaa Israa'elii isaan jalaa baase.