Israa'elooti Gosa Beniyaaminitiif Niitota Kennane
1Israa'elooti qachaa Miispha'aatitti wolitti qabamanee, «Nu keessaa nami tokkolle durra ifii gosa Beniyaaminii hin heerumsiisin» jedhanee wol kakachiisaneeraniiyyu.2Israa'elooti gara Bet'elii dhaqanee, haga galgalaatitti achi tee'anee, Waaqa duratti qoonqoo ol qabatanee wiiccifatanee bowanee,3«Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, wonni kun Israa'el irratti maaf teete? Maaf adha Israa'el keessaa gosi tokko dhabante?» jedhane.4Boruyyaa kolbaan barii kaatee, achitti addee ciinca'aa ijaartee, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aadhikeessite.5Israa'elooti, «Nami qachaa Miispha'aatitti Mootii Waan Maraa duratti hin dhaggamin hafe ijjeefamuu ti» jedhanee waan wol kakachiisaneeranuuf, «Nuuti Mootii Waan Maraa duratti yennaa wolitti qabanne gosi Israa'elii ka hin dhufin hatte jirtii?» jedhanee wol gaafatane.6Israa'elooti obboleeyyan ifii gosa Beniyaaminiitiif gaddanee, «Adha Israa'el keessaa gosi takkaan baddeerti.7Nuuti durra teenna akka isaaniif hin kennine maqaa Mootii Waan Maraatiin waan kakanneerruuf, namoota Beniyaaminii ka hafane kana eessaa niitii fuusinna ree?» jedhane.8Achiin duuba isaan, «Gosa Israa'elii keessaa fuula Mootii Waan Maraa duratti qachaa Miispha'aatitti ka hin dhufin jiraa?» jedhanee wol gaafatane; kunoo qachaa Yaabesh-Giil'aad irraa nami tokkolle gara wol geyi'ii akka dhufee hin jirre hubatane.9Yennaa kolbaa laakkowane, kolbaa qachaa Yaabesh-Giil'aadii keessa nami tokkolle achi hin jiruuyyu.10Kanaaf wolde'i sun worra jajjaba keessaa kuma kudha lama erganee, «Gara qachaa Yaabesh-Giil'aadii dhaqa'aatii worra achi le'u dubartootaa fi ijoolleelle adoo hin hamburin,11dhiiraa fi dubartoota dhiira woliin ratte duudii ijjeesa'a» jedhanee ajajane.12Isaan namoota qachaa Yaabesh-Giil'aad keessa le'u duudii keessaa durra dhibba afur dhagganee, gara qachaa Shiilo'oo addee quttuma ifii ta lafa Kana'aanii keessa jirtuu fidane.13Achiin duuba wolde'i duudiin namoota Beniyaaminii worra rassaa Rimoonii keessa jirutti erganee nageenni akka bu'e lassii dabarsane.14Tanaaf worri Beniyaaminii deebi'ane; Israa'elootille durra Yaabesh-Giil'aad keessaa baraaree hafane, isaan fuusisane. Durri sun ammoo isaan mara hin geenne.15Mootiin Waan Maraa worra Beniyaaminii gosa Israa'elii irraa gargar waan baaseef, kolbaan Israa'elii gosa Beniyaaminiitiif gaddite.16Maarre sooressitooti wolde'aa, «Gosa Beniyaaminii keessa dubartiin dhibiin waan hin hafiniif, namoota hafane kana eessaa niitii fuusinna ree?17Gosi takkaan Israa'el keessaa akka hin banne, gosi Beniyaaminii ka isaan dhaalu qabaattuu ti.18Te'uu malee nuuti, ‹Durra ifii gosa Beniyaaminii ka heerumsiise ka abaarame te'uu ti› jennee waan wol kakachiinnneerruuf, durra teenna isaan hin heerumsiinnu» jedhane.19Achiin duuba isaan, «Kunoo, qachaa Shiilo'oo ka qachaa Bet'elii irraa gara kaabaa, Lebonaa irraa gara kibbaa, karaa qachaa Bet'elii ka gara qachaa Sheekemii geessu irraa gara aduun baatu jirtuutitti, jilti Mootii Waan Maraa wogguma wogga'aan jilifanti» jedhanee yaadane.20Maarre isaan gosa Beniyaaminiitiin, «Dhaqa'aatii muka woyni'ii keessatti ripha'aatii,21eega'a; yennaa durri Shiilo'oo jila keessatti sirbiisaaf dhuttu, muka woyni'ii keessaa rukkisa'aa baya'aatii, tokko tokkoon keessanuu durra Shiilo'oo buta'aa niitii godhadha'aatii, gara lafa Beniyaaminii deema'a.22Abbootiin isaanii yookiin obboleeyyan isaanii dhufanee yoo nutti himatane, nuuti isaaniin, ‹Yennaa lolaa, isaan maraayyuu niitii fuusisiisaaf durra hin dhaggine; isinille durra teessan waan itti hin heerumsiisiniif, yakkaa hin qaddanu; tanaaf nu'uuf jedha'aatii mararti'iin isaan ilaala'a› hin jenna» jedhane.23Worri Beniyaaminii akkuma isaan jedhane godhane; duraa sirbitu san keessaa tokko tokkoon isaaniituu butanee niitii godhatane. Achiin duuba gara lafa ifii deebi'anee, qachootalle deebisanee ijaarratanee keessa qubatane.24Yennuma san Israa'elooti achii ka'anee, gara gosa gosa ifiitii fi gara maatii maatii ifii, tokko tokkoon isaaniituu gara lafa ifii deebi'ane.25Yennaa san Israa'elooti mootii waan hin qanneef, nami martinuu waanuma fedhe godhaayyu.