Ergamaan Mootii Waan Maraa Bokiimitti Israa'elootatti Dubbate
1Ergamaan Mootii Waan Maraa qachaa Giilgalii irraa gara Bokiimii ol bayee, Israa'elootaan, «Ani biyya Gibxi'iitii isin baasee, gara biyya abbootii teessan ta duriitiif kenniisaaf waadaa galee isin fide; ani, ‹Gondooroo isin woliin godhe haga bara baraa hin diigu.2Isin addee ciinca'aa ta worra biyya kanaa diiga'a malee, isaan woliin wol hin gondoorina'a› jedheera; isin ammoo naaf hin ajajanne. Isin maaf tana gootane ree?3Maarre ani amma, worra kana isin duraa hin ari'u. Isaan isiniif diina te'an; waaqoti isaaniille tiyyoo isinitti te'an» jedhe.4Yennaa ergamaan Mootii Waan Maraa tana dubbate, kolbaan Israa'elii marti qoonqoo ol qabattee bootte.5Tanaaf addeen sun «Bokiim» jedhantee moggaafante. Isaan achitti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessane.Du'a Iyaasu'uu
6Iyaasuun kolbaa Israa'elii gara addee addee isaaniititti yennaa erge, nami tokko tokkonuu qooda lafa ifii fudhatiisaaf gara lafa ifii dhaqe.7Bara Iyaasu'uutii fi bara jaarsolee isaan duuba le'anee, waan gugurdoo Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiif godhe mara dhagganeetitti, kolbaan Waaqa waaqonfatte.8Iyaasuun ilmi Nunii tajaajilaan Mootii Waan Maraa woggaa dhibbaa fi kudhanitti du'e.9Isaan lafa qooda isaa biyya Efreemii koobittii, ta gaara Ga'aashii irraa gara kaabaa jirtu, Tiimnaat-Heresitti isa awwaalane.10Dhalooti sun marti dhumatteen duuba, dhalooti dhibiin ka Waaqaa fi waan Waaqi kolbaa Israa'eliitiif godhe hin beenne kaate.Kolbaan Israa'elii Waaqa waaqonfatiisaa Lakkitte
11Achiin duuba kolbaan Israa'elii waan fuula Mootii Waan Maraa duratti hantuu te'e hujjee, waaqota dharaa Ba'aal waaqonfatte.12Isaan Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii isaanii biyya Gibxi'ii keessaa baase waaqonfatiisa lakkisane; waaqota worra adaala isaanii jiruu hordofanee, sagadiisa jalqabanee, Mootii Waan Maraa aarsane.13Isaan Waaqa waaqonsiisa lakkisanee waaqota dharaa Ba'aalii fi Ashitaaroti waaqonfatane.14Tanaaf Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliititti aaree, worra isaan saamutti dabarsee isaan kenne; inni harka diinota adaala isaanii maratti isaan gurgure; achiin duuba kolbaan Israa'elii diinota ifii ifi irraa dhooggatiisa hin dandeenne.15Mootiin Waan Maraa akkuma kaku'uun isaanitti dubbate, yennaa lolaaf bayanu mara, akka isaan injifatamanuuf isaan morme; tanaaf isaan guddoo rakkatane.16Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, Israa'eloota worra isaan saamu jalaa akka baasanuuf abbootii mura'aa isaaniif kaase.17Kolbaan Israa'elii ammoo, Mootii Waan Maraatiif addatamuu lakkittee, waaqota dhibii waaqonfatiisaan sagaagaltee, sagaddeef malee, abbootii mura'aa ifiitiif hin ajajanne. Abbootiin isaanii Waaqaaf ajajanteertiiyyu; isaan ammoo karaa abbootiin isaanii ta durii ideente irraa ariiti'iin gorane; fakkeenna isaaniille hin hordonne.18Mootiin Waan Maraa, abbootii mura'aa yennaa isaaniif kaase, abbaa mura'aa tokko tokkooyyuu woliin jiraatee, bara abbaa mura'aa san maraa Israa'eloota harka diinotaa keessaa baasaareeyyu; namooti waan isaan miidhanee cunqursaneef, yennaa isaan qarqaariisaaf gara Mootii Waan Maraa iyyane, inni isaaniif naye.19Abbaan mura'aa yennaa du'u ammoo, kolbaan waaqota dhibii hordofiisaan, isaan waaqonfattee sagaddee, abbootii ifii ta durii caalaa hammeenna hujane; hujii hantuu ifiitii fi mataa jabinna ifiille hin lakkinne.20Tanaaf aariin Mootii Waan Maraa kolbaa Israa'elii irratti bobeettee, «Kolbaan tun gondooroo ani abbootii isaanii ta durii akka eegatanuuf ajaje diiganee, ajaja kiyyalle waan hin eegatiniif,21gosa biyya adda addaa ka Iyaasuun yennaa du'e lakkise, ani haganaa achi isaan keessaa tokkolle ari'ee hin baasu.22Kolbaan Israa'elii, akkuma abbootii isaanii ta durii, karaa kiyya ka hordofanu yookiin ka hin hordonne te'uu isaanii, worra achitti hafe saniin haga isaanii ilaala» jedhe.23Tanaaf Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa san achuma akka le'anu godhe; ariiti'iin ari'ee isaan hin baanne; harka Iyaasu'uulletti dabarsee isaan hin kennine.