Miika'aa fi Sanyii Daanii
1Yennaa san Israa'el keessa mootiin hin jiru; gosi Daanii haga bara saniititti gosa Israa'elii oddu'utti lafa ifii waan hin dhaggatiniif, lafa keessa le'anu barbaadatiisatti jiraniiyyu.2Maarre kolbaan Daanii fira ifii ka qachaa Zora'aatii fi Eshtaa'olii keessaa, namoota jajjaba shan filanee, lafa dooyanee akka qorqoranuuf ergane. Namooti ergamane sun ka fira ifii mara bakka bu'eeru. Isaan, «Dhaqa'aatii, lafa san qorqora'a» jedhanee isaanitti himane. Isaan gara biyya koobittii Efreemii, gara mana Miika'aa yennaa dhufane, achi bulane.3Isaan Mana Miika'aa adoo jiranuu, dargaggeessicha sanyii Lewwi'ii san haasowa isaatiin isa beekanee, gara isaa garagalanee, «Eentu as si fide? Maan asii hujja? Maaf as dhutte?» jedhanee gaafatane.4Inni waan Miikaan isaaf godhe isaanitti himee, «Miikaan na qaxaratee, ani hayyuu isaa te'eera» jedheen.5Achiin duuba isaan, «Yaadi nuuti deemiisatti jirru kun, ka nu'uuf guutaaruu fi guutuu dhabaaru akka te'e, maganne'ee Waaqa nu'uuf gaafadhu» jedhaneen.6Hayyichi deebisee, «Yaadi isin deentanu kun Mootii Waan Maraa duratti fudhatama'a; nageyaan dhaqa'a» isaaniin jedhe.7Maarre namooti shanan sun achii ka'anee, gara qachaa Laa'iishii dhaqanee, worri qachaa sanii akkuma worra Sidoonii nageyaa fi bidhaa malee akka le'anu dhaggane; latti isaanii waan mara waan qadduuf, isaan dureeyyi'i; worri qachaa sanii worra Sidoonii irraa fagaatee le'a; namoota dhibii wolille'een wolitti hin dhufanu.8Namooti shanan sun gara qachaa Zoraatii fi Eshtaa'olii yennaa deebi'ane, namooti isaanii, «Wonni isin dhaxxaneef maan teete?» jedhanee isaan gaafatane.9Isaan deebisanee, «Latti guddoo dansaa akka teete dhaggineerra. Ka'a'a itti duullee lollaa! Cadhittanee as hin tee'ina'a! Ariifadha'aa dhaqa'aatii biyya san qabadha'a.10Yennaa achi geettane namoota bidhaa malee le'anu hin dhaggitan; biyyi sun badho'o; wonni marti achi keessatti dhagganti; Waaqi biyya san isiniif kenneera» jedhane.11Tanaaf gosa Daanii keessaa, namooti dhibbi jaa meya woraanaa hidhatanee, qachoota Zora'aatii fi Eshtaa'olii keessaa bayanee deemane.12Isaan ol bayanee, biyya Yihuda'aa keessa qachaa Kiriiyat-Ya'ariimii gara aduun seentutti qubatane; tanaaf addeen sun haga adhaa quttuma gosa Daanii jedhanti.13Achille'ee dabaranee, gara biyya koobittii Efreemii dhaqanee, gara mana Miika'aa dhufane.14Achiin duuba namooti shanan, ka biyya adaala qachaa Laa'iishii dooyiisaaf dhaqane namoota ifiitiin, «Manoota kana keessaa tokkocha keessa, waaqi dharaa ka muka irraa bocamee meeti'iin gonfame, woyaan hayyumma'aa ta qomaa, fakkiin waaqota dharaa ta dhibiille akka jirtu hin beettanuu? Tanaaf amma maan akka gootanu yaadadha'a» jedhane.15Maarre gara mana Miika'aa, addee dargaggeessi gosa Lewwi'ii le'u dhaqanee, nageya isa fuudhane.16Yennaa san namooti Daanii worri dhibbi jaa meya woraanaa hidhatanee, seensuma karraa bira dhaabbataneeraniiyyu.17Dargaggeessichi hayyichi sun, namoota dhibba jaa ka meya woraanaa hidhatane woliin seensuma karraa bira adoo dhaabbatee jiruu, worri shanan dooyu sun gara mana Miika'aa seenee, waaqota dharaa ka muka irraa bocamee meeti'iin gonfame, woyaa hayyumma'aa ta qomaa, fakkii waaqota dharaa ta dhibiille fuudhane.18Isaan mana Miika'aa seenanee, waaqota dharaa ka muka irraa bocamee meeti'iin gonfame, woyaa hayyumma'aa ta qomaa, fakkii waaqota dharaa ta dhibiille yennaa fuudhane, hayyichi, «Isin maan godhaartan?» jedhee gaafate.19Isaan, «Cadhisi! Afaan keeti qabadhu; nu woliin koyiitii abba'aa fi hayyuu nuu te'i. Maatii nama tokkootiif hayyuu te'iisaa mannaa, gosaa fi balbala Israa'elii tokkoof hayyuu te'uu si'iif hin woyyuu?» jedhaneen.20Wonni kun hayyicha guddoo waan gammachiitteef, woyaa hayyumma'aa ta qomaa, waaqota dharaa ka muka irraa bocamee meeti'iin gonfamee fi waaqotaa dharaa ka dhibiille fuudhee isaan woliin deeme.21Isaan ijoollee ifii, horii ifiitii fi qabeenna ifii ifiin dura aansanee, deebi'anee deemane.22Namooti Daanii mana Miika'aa biraa fagaataneen duuba, Miikaan ollaa ifii wolitti waamee, hordofanee isaan dhaqqabanee,23itti iyyane. Namooti Daaniille gara isaanii garagalanee Miika'aan, «Ati namoota kana mara wolitti qaddee wonni dhutteef, haajaan keeti maan?» jedhanee gaafatane.24Miikaan deebisee, «Isin hayyicha kiyyaa fi waaqota ani hujadhe fudhattanee deentane; maanti naa hafe? Attam ‹Haajaan keeti maan?› naan jettan?» isaaniin jedhe.25Namooti Daanii dhufane Miika'aan, «Namooti kun aaranee si lolanee, lubbuu teetii fi maatii teetii akka hin dhanne ‹Xi'i› hin jedhin» jedhane.26Achiin duuba worri Daanii karaa ifii deemane; Miikaan worri Daanii isa caalaa jajjaboo akka te'ane yennaa dhagge, gara mana ifii deebi'ee deeme.27Worri Daanii waaqota Miikaan hujatee fi hayyicha isaaf tajaajilu isa duraa fudhatanee, gara qachaa Laa'iishii dhufanee, kolbaa nageyaa fi bidhaa malee leetu shallaaga'aan ijjeesanee, qachaa sanille gubane.28Kolbaan qachaa Laa'iishii, Sidoon irraa fagoo dhooqa Bet-Rehoobii keessa waan leetuu fi namoota qachaa dhibi'ii wolille'een wolitti waan hin dhunneef, nami isaan baasu hin dhagganne. Worri Daanii qachaa san deebisee ijaaree achi keessa le'e.29Isaan maqaa qacha'aa ka durii Laa'iishi jijjiiranee, maqaa abbaa isaanii ka durii ilma Yaaqoobiitiin, «Daan» jedhanee moggaasane.30Worri Daanii waaqota san waaqonfatiisaaf achitti dhaabbachiisane; ilmi Minaase'ee Gershoom ka uumate Yonaataan, worra Daaniitiif hayyuu te'ee tajaajiliisa jalqabe; sanyiin isaalle haga yennaa kolbaan booji'anteetitti hayyoota teete tajaajilte.31Haga bara Galmi Waaqaa Shiiloo keessa turetti, kolbaan Daanii waaqota dharaa ka Miikaan huje san achi dhaabbachiifatane.