Waaqota Dharaa Ka Miikaan Huje
1Biyya koobittii Efreemii keessaa, namichi «Miikaa» jedhamu tokko jiraayyu.2Inni haadha ifiitiin, «Meetiin kumi tokkoo fi dhibbi tokko si duraa yennaa hatante, ati nama si duraa hate abaartuun dhage'eera; kunoo, meetiin sun harka kiyya jirti; ka fudhatelle ana» jedhe. Haati isaalle, «Ilma kiyya, Mootiin Waan Maraa si eebbisu» jetteen.3Inni meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko san deebisee, haadha ifiitiif kenne; haati isaalle, «Abaarsi kiyya si ilma kiyya akka hin dhaqqanne, aninuu meetii tana Mootii Waan Maraatiif adda baasa; waaqota dharaa muka irraa bocamee, meeti'iin gonfamulle'eef hin teeti; tanaaf meetii tana deebisee si'ii hin kenna» jetteen.4Maarre yennaa inni meetii san haadha ifiititti deebisee kenne, isiin meetii san irraa dhibba lama fuutee, namicha meetii bassu ka muka bocee waaqa dharaa hujee, meetii itti gonfutti kennite; fakkii sanille mana Miika'aa keessa keyane.5Namichi «Miikaa» jedhamu kun galma waaqota ifii itti waaqonfatu qabaayyu; inni woyaa hayyumma'aa ta qomaatii fi fakkii waaqotaa hujee, ilmaan ifii keessaa tokko akka hayyuu isaaf te'u file.6Yennaa san Israa'el keessa mootiin waan hin jirreef, nami martinuu waanuma fedhe godhaayyu.7Yennaa san dargaggeessi sanyii Lewwi'ii, ka gosa Yihuda'aa te'e, biyya Yihuda'aa keessa ka qachaa Betlihemii keessa le'u tokko jiraayyu.8Namichi kun qachaa Betlihemii biyya Yihuda'aa keessaa lakkisee addee dhibii itti le'u barbaadatiisaaf adoo deemuu, gara mana Miika'aa ka biyya koobittii Efreemii keessa dhufe.9Miikaan, «Eessaa dhutte?» jedhee isa gaafate. Innille deebisee, «Ani sanyii Lewwi'ii ti; biyya Yihuda'aa qachaa Betlihemii keessaa addee dhibii itti le'u barbaadatiisaaf dhufe» jedhe.10Achiin duuba Miikaan isaan, «Na bira tee'i; abbaalle, hayyuulle naaf te'i. Ani wogga'atti meetii kudhan, sagale'ee fi woyaalle si'iif hin kenna» jedhe.11Maarre dargaggeessichi sanyii Lewwi'ii sun, Miikaa woliin tee'iisaaf wolii galee, akka ilma isaa isaaf te'e.12Miikaan dargaggeessicha Lewwicha san hayyuu godhate; innille mana Miika'aa tee'e.13Miikaalle, «Nami sanyii Lewwi'ii hayyuu kiyya waan te'eef, Mootiin Waan Maraa waan dansaa akka naaf godhu hin beeka» jedhe.