Kitaaba Abbootii Mura'aa16gax_twf

Samsoonii Fi Deliilaa

1Gaafa tokko Samsoon gara qachaa Gaaza'aa dhaqee, dubartii sagaagaltittii takka dhaggee, isii woliin buliisaaf gara isi'ii seene.2Worri qachaa Gaaza'aa, «Samsoon as dhufeera» jechuu dhage'anee, adaala san marsanee, halkan guutuu karra qachaa sanii eegaa bulane; isaan, «Yennaa latti bariitu isa hin ijjeenna» jedhanee, halkan guutuu riphanee isa eegaa bulane.3Samsoon ammoo haga halkan wodhakka'aa qofa rafe; achiin duuba ka'ee, cufanaa karra qacha'aa, mikikkila lamaanii fi danqaraa duudii bubuqqisee, gurmuu ifii irratti kaafatee, haga kooba Kebrooniin dura jirtuutitti ol baase.4Saniin duuba Samsoon dubartittii Deliilaa jedhantu, ta dhooqa Sooreqii keessa leetu takka jaalate.5Moototi Filisxeemotaa shanan gara isi'ii dhaqanee, isi'iin, «Samsoon sossobiitii, wonni guddoo isa jabeessu maan akka te'ee fi nuutille attam goonee isa hiinee ifiin jala galfatiisa akka dandeennu nuu gaafadhu. Nuuti tokko tokkoon keenna, meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko sii hin kennina» jedhane.6Maarre Deliilaan Samsooniin, «Maganne'ee waan akkana guddoo si jabeessuu fi nami tokko si hidhee ifiin jala si galfatiisa attam akka dande'u natti himi?» jette.7Samsoon deebisee, «Teepha jiidhaa torbaan yoo na hidhane, akkuma nami dhibiin dadhabu hin dadhaba» jedhe.8Achiin duuba bulchitooti Filisxeemotaa teepha jiidhaa torba, Deliila'atti fiddee, isiille Samsoon hiite.9Yennaa san namooti kolloo manaa keessatti riphanee eegiisatti jiranuun, isiin, «Samsoon! Worri Filisxeemotaa sitti dhufane!» jette; inni ammoo akkuma liilanni yennaa ibiddi tuqu ciccitu, teepha san kukkute. Tanaaf isaan hunni isaa eessaa akka dhuttu hin beenne.10Deliilaan Samsooniin, «Ilaa! Ati na gowwisiittee, soba natti dubbatte; maganne'ee attam akka si hidhuu dande'anu natti himi!» jetteen.11Inni isi'iin, «Wodaroo haareya ta itti hin fayyadaminiin yoo na hidhane, akkuma nami dhibiin dadhabu hin dadhaba» jedhe.12Maarre Deliilaan wodaroo haareya fuutee isa hiite; achiin duuba namoota kolloo manaa keessatti riphanee eegiisatti jiranuun, «Samsoon! Worri Filisxeemotaa sitti dhufane» jette. Inni ammoo irree ifiitiin, wodaroo san akka liilanaa kukkute.13Deliilaan Samsooniin, «Ilaa! Ati haga ammaa na gowwisiittee, soba natti dubbatte; attam akka si hidhuu dande'anu natti himi!» jetteen. Inni isi'iin, «Guduruu rifeensa mataa kiyyaa torbaan liilana woliin footee gudunfitee, shikaala'atti yoo hiite, akkuma nami dhibiin dadhabu hin dadhaba» jedhe.14Achiin duuba Deliilaan adoo inni rafeeruu, guduruu rifeensa mataa isaa liilana woliin footee, gudunfitee, shikaala'atti hiitee, «Samsoon! Worri Filisxeemotaa sitti dhufane!» jette. Inni ammoo hirriibaa dammaqee, togaa liilanaa fi guduruu rifeensa mataa ifii woliin buqqise.15Maarre isiin Samsooniin, «Gadhaan keeti na bira adoo hin jiraatin, attam si jaaladha naan jetta ree? Ati yennaa sad na soddee, waan guddoo si jabeesselle natti hin hinne» jette.16Tanaaf isiin guyyuma guyya'aan isa gaafatiisaan, du'a haga halchutti isa ko'itte.17Dhuma irratti inni, «Ani gadhaa haadha tiyyaatii jalqabee Naazireticha Waaqaaf adda baye waan te'eef, rifeensi mataa kiyyaa haadamee hin beeku; yoo haadame akkuma nami dhibiin dadhabu hin dadhaba» jedhee waan gadhaa ifii mara itti hime.18Deliilaan akka inni dhugaa itti hime yennaa hubatte, gara bulchitoota Filisxeemotaa ergitee, «Inni dhugaa waan natti himeef, yennaa takkaa deebi'a'aa kowa'a» jette. Isaanille beesee qabatanee gara isi'ii dhufane.19Deliilaan Samsoon gudeeda ifii irra raffittee, nama tokko waantee guduruu rifeensa mataa isaa torbaanuu akka haadu goote, isa rakkisuu jalqadde; innille jabeenna ifii dhabe.20Achiin duuba isiin, «Samsoon! Filisxeemoti sitti dhufane» jetteen; Innille hirriiba irraa yennaa dammaqee, «Akkuma qaraa ifi irraa kukkutee gad baya» jedhee yaadate. Inni ammoo akka Mootiin Waan Maraa isa lakkiseeru hin beenne.21Maarre worri Filisxeemotaa isa qabanee, ila isaa lamaanuu keessaa baasane. Isaan gara Gaaza'aa gad isa geessanee wodaroo sageettu'uutiin hidhanee, mana hidha'aa san keessatti akka midhaan daaku godhane.22Rifeensi mataa isaa ka haadame ammoo, deebi'ee guddatiisa jalqabe.

Du'a Samsoonii

23Bulchitooti Filisxeemotaa, «Daagon waaqi keenna, diinaa keenna Samsoon harka keenna keessa galcheera» jedhanee, jila jilifatanee, Daagonii waaqa ifiitiif ciincaa guddoo dhikeessiisaaf wolitti qabamane.24Isaan yennaa Samsoon dhaggane, waaqa ifii leellifatanee, «Ka biyya teenna balleessee, ka nama hedduu nu duraa ijjeese diina keenna, waaqi keenna harka keennatti dabarsee kenneera» jedhane.25Gadhaan isaanii yennaa guddoo gammade, «Samsoon dhufee akka nu taphachiisu, isa waama'a» jedhane; maarre isaan mana hidha'aa keessaa Samsoon waansisane; innille isaaniif taphate; isaan akka inni odduu utuba'aa dhaabbatu godhane.26Samsoon mucaa harka isaa qabee isa qajeelchuun, «Utubaa galma utubeeru qabadhee, itti irkadhee dhaabbadhuu ti» jedhe.27Manni sun dhiiraa fi dubarti'iin guutameeraayyu; bulchitooti Filisxeemotaalle marti achi jiran; heellichoomana sanii irra dhiiraa fi dubartiin gara kuma sadii tapha Samsoon taphatu ilaaliisatti jiraniiyyu.28Achiin duuba Samsoon, «Ee Goottaa Mootii Waan Maraa! Maganne'ee na qaabadhu; Waaqa kiyya, worra Filisxeemotaa ka ila tiyya lamaan na keessaa baasane, haluu tiyya akka bawuuf, takkuma qofa hunna na jabeessi» jedhee Mootii Waan Maraa daadimate.29Maarre Samsoon utuboota lamaan wodhakka'aa ka galma utubeeru, utubaa tokko harka middaatiin, utubaa kaan harka bita'aatiin jabeessee qabee,30«Ani worra Filisxeemotaa woliin du'uu ti!» jedhee, hunna ifii guutu'uun yennaa dhiibe, manni bulchitoota Filisxeemotaatii fi worra achi jiru duudii irratti jige. Samsoon adoo jiruu worra ijjeeseen irra, gaafa du'e worra ijjeesetti caala.31Achiin duuba obboleeyyan isaatii fi maatiin isaa marti gad dhaqanee, reeffa isaa fuudhanee, awwaala abbaa isaa Maano'a'aa ka Zora'aa fi Eshtaa'ol wodhakkaa jirutti awwaalane. Samsoon woggaa diddama Israa'eloota irratti abbaa mura'aa te'e.