Yiftaa
1Yiftaan Giil'aadichi, ilmi dubartii sagaagaltittii takkaa, loltuu janna. Abbaan isaalle Giil'aad.2Haati manaa Giil'aadiille ilmaan deetteetiif; isaan yennaa guddatane obboleessa ifii Yifta'aan, «Ati dubartii dhibii irraa waan dhalatteef, mana abbaa keennaa keessaa waan tokko hin dhaaltu» jedhanee manaa ari'ane.3Tanaaf Yiftaan obboleeyyan ifii biraa baqatee, lafa «Xoob» jedhantu keessa le'e. Achitti namooti boru-hinbeenneen isa biratti wolitti qabamanee isa gula deemane.4Yennaa diqqo'oon duuba, worri Amoonii Israa'eloota lole.5Yennaa worri Amoonii Israa'eloota lolane, jaarsoleen Giil'aadii Yiftaa biyya Xoobiitii deebisanee fidiisaaf dhaqane.6Isaan Yifta'aan, «Worra Amoonii akka lolluuf, koyiitii ajajaa woraanaa nu'uuf te'i» jedhane.7Inni ammoo deebisee isaaniin, «Isin na jibbitanee, mana abbaa kiyyaatii na hin ariinee? Amma yennaa rakkattane maaf gara kiyya dhuttan ree?» jedhe.8Isaan deebisanee, «Ati nu woliin duultee worra Amoonii akka loltuuf, nu worra Galii'aad keessa le'u mara irralle'etti sooressa akka teetuuf gara keeti dhunne» jedhane.9Yoftaan jaarsolee Giil'aadiitiin, «Worra Amoonii loliisaaf isin biyyatti yoo na deebittane, Mootiin Waan Maraalle harka kiyyatti dabarsee yoo isaan kenne, ani sooressaa keessan hin te'aa ree?» jedhe.10Isaan deebisanee, «Akkuma ati jette godhiisaaf, Mootiin Waan Maraa ragaa keenna» jedhane.11Maarre Yiftaan jaarsolee Giil'aadii woliin dhaqee, kolbaalle sooressaa fi ajajaa woraanaa isa godhatte. Yiftaalle dubbii ifii tana mara fuula Mootii Waan Maraa duratti, qachaa Miispha'atti itti deebi'ee dubbate.12Achiin duuba Yiftaan gara mootii worra Amooniititti namoota ergee, «Ati biyya tiyya keessatti na loliisaaf ka dhutteef, anii fi ati maan wol irraa qanna?» jedhee gaafachiise.13Mootichi worra Amoonii deebisee ergantoota Yifta'aatiin, «Israa'elooti biyya Gibxiitii yennaa bayane, lafa tiyya laga Aaronii irraa haga laga Yaaboqii, haga laga Yordaanosiille waan fudhataneef, amma nageyaan naaf deebisa'a» jedhe.14Yiftaan ammalle gara mootii worra Amoonii ergantoota ergee,15«Israa'elooti lafa worra Mo'aabii yookiin lafa worra Amoonii hin fudhanne.16Israa'elooti biyya Gibxiitii yennaa bayane, goomolee keessa gara Abbaayaa Diintu'uu dhaqanee, gara Qedeeshii dhufane.17Achiin duuba isaan mooticha Edoomiititti ergantoota erganee, ‹Lafa teeti keessa akka dabarruuf nuuf eeyyam› jedhane; mootiin Edoomii ammoo didate. Isaan mootii Mo'aabiille'etti ergane; innille dide; tanaaf Israa'elooti Qedeesh turane.18Achiin duuba goomolee keessa deemanee, lafa Edoomiitii fi lafa Mo'aabii irra maranee dhaqanee, lafa Mo'aabii irraa gara aduun baatu geyanee, laga Aarnoniitiin gamatti qubatane; lagi Aarnonii meessaa lafa mo'aabii waan te'eef, isaan lafa mo'aabii dhaqiisaaf laga san gamatti hin buune.19Achiin duuba Israa'elooti, gara Sihoonii mootii Amoorotaa ka qachaa Heshiboonii keessa tee'ee bulchetti ergantoota erganee, ‹Gara biyya teennaa, lafa teeti keessa akka dabaru nuuf eeyyam› jedhaneen.20Sihoon ammoo akka Israa'elooti lafa isaa keessa dabaranuuf hin addanne; maarre loltoota ifii mara wolitti qabatee, addee ‹Yaahaz› jedhantutti qubatee isaan lole.21Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii, Sihoonii fi loltoota isaa mara harka Israa'eliititti dabarsee kennee, isaanille isaan injifatane; maarre Israa'el lafa Amoorotaa ka worra achi keessa le'uu mara qabatte.22Isaan biyya Amoorotaa duudii, laga Aarnonii irraa haga laga Yaaboqiitii fi goomolee irra haga laga Yordaanosiititti qabatane.23Eega Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii worra Amoorotaa kolbaa ifii duraa ari'ee baase, ati amma ariitee isaan baasuu feetaa ree?24Ati lafa waaqi keeti Kemoshi siif kenne qabattee hin teettuu ree? Nuutille lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nu'uuf kenne mara qabannee hin leena.25Ati amma mootii Mo'aabii, ilma Ziphoorii, Baalaaq hin caaltaa ree? Inni Israa'eloota woliin wol dhabeeraa? Yookiin isaan woliin wol loleeraa?26Israa'elooti qachaa Heshibooniitii fi ollaa qachaa sanii mara, qachaa Aro'eriitii fi ollaa qachaa sanii mara, qachoota qarqara Aarnonii jiru mara keessalle woggaa dhibba sad le'aneeraniiyyu; isin yennaa san keessa qachoota san deebittanee maaf fudhatuu dhaddane ree?27Ani si hin yakkine; ati ammoo woraana natti kaasiisaan na yakkiteerta. Mootiin Waan Maraa abbaan mura'aa, Israa'elootaaf yookiin worra Amooniitiif adha muruu ti» jedhe.28Mootiin worra Amoonii ammoo ergaa Yiftaan itti erge san woyittuu hin laakkonne.29Achiin duuba Ayyaanni Mootii Waan Maraa Yiftaa irratti bu'e; Yiftaalle biyya Giil'aadiitii fi biyya Minaase'ee keessa qaxxaamuree, qachaa Miisphaa biyya Giil'aadii keessa dabaree worra Amoonii lole.30Yiftaan Mootii Waan Maraatiif waadaa galee, «Worra Amoonii harka kiyyatti dabarsitee yoo kennitte,31ani yennaa worra Amoonii injifadhee deebi'ee dhufu, na fudhatiisaaf nama mana kiyya keessaa dursee gad bawu si Mootii Waan Maraatiif hin kenna; ciincaalle godhee siif hin dhikeessa» jedhe.32Achiin duuba Yiftaan worra Amoonii loliisaaf lagaan gamatti bu'ee deeme; Mootiin Waan Maraalle isaan harka isaatitti dabarsee kenne.33Yiftaan qachaa Aro'erii irraa jalqabee haga adaala Miiniitii fi haga qachaa Abeel-Karamiimitti qachoota diddama balleesse; maarre worri Amoonii harka Israa'elootaa jala galane.Intala Yifta'aa
34Yiftaan gara mana ifii Miispha'atti yennaa deebi'e, intalti isaa dibbee fudhattee sirbaa, isa fudhatiisaaf gad baate; isiin isaaf intala takkaa qofa; inni isii malee ilma yookiin intala dhibii hin qabuuyyu.35Yennaa isii dhaggelle gaddee woyaa ifii tarsaasee, «Hayii intala tiyya! Guddoo na gaddisiittee, na laaleffachiitte; Mootii Waan Maraatiif waadaa waan galeef, waadaa gale san diiguu hin dande'u» jedhe.36Isiille, «Abbaa kiyya! Mootiin Waan Maraa diinota keeti worra Amoonii haluu waan si'iif bayeef, waan waadaa galte na irratti muummessi» jette.37Isiin ammalle abbaa ifiitiin, «Waan tokko callaa naaf eeyyam: Ani ijjumaa waan hin heeruminiif, dhaqee gaara irratti hari'oota tiyya woliin asii fi achi deddeebi'ee, durrummaa tiyyaaf akka bowu ji'a lama naaf kenni» jette.38Innille, «Dhaqi» jedhee, ji'a lamaaf isii erge. Isi'ii fi hari'ooti isi'ii, isiin waan ijjumaa hin heeruminiif durrummaa isi'iitiif gaara irratti bowane.39Ji'a lamaan duuba gara abbaa ifii deebitee dhutte; innille waadaa Mootii Waan Maraatiif gale isii irratti muummesse; isiin durra duuddu'u. Guyyaa saniin jalqabee tun Israa'el keessatti aadaa teetee,40durri Israa'elii wogguma wogga'aan bayanee, guyyaa afuriif intala Yiftaa Giil'aadichaatiif gaddan.