Tola'aa Fi Yaa'iir
1Abiimelek du'een duuba, akaakoon Dodoo ilmi Phuwaa Tolaan nami gosa Yisaakorii, ka biyya Efreemii koobittii keessa addee, «Sahaamir» jedhantu le'u, Israa'el bilisa baasiisaaf ka'e.2Inni woggaa diddamii sad Israa'eloota bulche; achiin duuba du'ee Shaamiiritti awwaalame.Yaa'iir
3Tolaan du'een duuba Yaa'iir sanyiin Giil'aadii ka'ee, woggaa diddamii lama Israa'eloota bulche.4Yaa'iir ilmaan soddoma ta harree soddoma irra teettee deentu qabaayyu; isaan lafa Giil'aadii keessatti qachoota soddoma qabaniiyyu; qachooti sun haga adhaalle olloota Yaa'iirii jedhamanee waamaman.5Yaa'iir du'ee addee «Qaamon» jedhantutti awwaalame.Amoonoti Israa'eloota Cunqursane
6Israa'elooti ammalle, waaqota Ba'aaliitii fi Ashitaarotii, waaqota Aaramii, waaqota Sidoonii, waaqota Mo'aabii, waaqota Amoonotaatii fi Filisxeemotaa waaqonfatiisaan, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujanee, isa waaqonfatiisa lakkisane.7Tanaaf Mootiin Waan Maraa Israa'elootatti aaree, harka worra Filisxeemotaatii fi Amoonotaatitti dabarsee isaan kenne.8Worri Amoonotaatii fi Filisxeemotaa, woggaa kudhanii saddeeti, Israa'eloota laga Yordaanosiitiin gama biyya Amoorotaa lafa Giil'aadii keessa le'anu cunqursane.9Worri Amoonotaa kolbaa Yihuda'aa, kolbaa Beniyaaminiitii fi kolbaa Efreemii loliisaaf laga Yordaanosii gamatti waan bu'aneef, kolbaan Israa'elii guddoo rakkatte.10Achiin duuba Israa'elooti, «Si Waaqa keenna lakkinnee, waaqa dharaa Ba'aal waaqonfatiisaan si yakkineerra» jedhaa gara Mootii Waan Maraa iyyane.11Mootiin Waan Maraa isaaniif deebisee, «Worri Gibxi'ii, worri Amooniitii fi worri Filisxeemotaa,12worri Sidoonii, worri Amaaleqiitii fi worri Maa'onii yennaa isin cunqursane, isin gara kiyya iyyitanee, anille isaan jalaa isin baaseeraayyu.13Isin ammoo na lakkittanee, waaqota dhibii waaqonfattane; tanaaf ani haganaa achi isin hin baasu.14Dhaqa'aatii, gara waaqota filattanee iyyadha'a; yennaa isin rakkatane isaan isin baasanuu ti» jedhe.15Kolbaan Israa'elii ammoo Mootii Waan Maraa, «Nuuti cubbuu hunyeera; ati waanuma feete nu godhi; adha ammoo maganne'e nu baasi» jedhane.16Maarre isaan waaqota orma odduu ifiitii balleessanee, Mootii Waan Maraa waaqonfatane; Mootiin Waan Maraalle rakkinna Israa'elootaa dhaggee guddoo gadde.17Achiin duuba worri Amoonii lolaaf waamamanee, Giil'aad keessatti qubatane; Israa'elootille wolitti qabamanee qachaa Miispha'aa keessa qubatane.18Sooressitooti kolbaa Giil'aadii, «Nami dursee worra Amoonii loliisaa jalqabu, worra Giil'aad keessa le'u mara irratti sooressaa te'uu ti» wol woliin jedhane.