Biyya Lafaa Woliin Jaalomuu
1Lolaa fi falmiin odduu teessan jirtu, eessaa dhutte? Halchaa nafa keessan keessatti wol loltu irraa dhuttii motii?2Isin waan tokko hin halchitan, ammoo hin dhaggattanu; tanaaf nama ijjeettan. Jabaattaneelle woy halchitan, dhaggatiisaaf hin dandeettanu; tanaaf wol falmaa wol loltan. Waan hin daadimanneef, waan barbaaddanu hin dhaggattanu.3Yennaa daadimattanulle, gammada foonii irra oolchiisaaf, yaada hama'aan waan daadimattanuuf hin dhaggattanu.4Isin kolbaa Waaqaaf hin addatanne! Biyya lafaatiin jaalomuun diina Waaqaa akka nama gootu hin beettanuu? Tanaaf nami jaala biyya lafaa te'uu halchu, diina Waaqaa hin te'a.5Yookiin Barreeffam Woyyichi, «Waaqi, ayyaana nu keessa keyeef hin hinaafa» yennaa jedhu, akkasumaan ka dubbatu isinitti fakkaataa?6Waaqi ammoo badhaadha irra caalu hin kenna; tanaaf Barreeffam Woyyichi,«Waaqi worra kooru hin morma,worra gad ifi qabuuf badhaadha hin kenna» jedha.7Maarre Waaqaaf ajajama'a; Seexana ammoo morma'a, innille isin baqata.8Gara Waaqaa dhikaadha'a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha'a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha'a.9Laaleffadha'a, gadda'a, bowa'a! Kolli keessan gara gaddaa, gammadi keessan gara bowiisaa jijjiiramuu ti.10Goottaa duratti gad ifi qaba'a, innille ol isin hin qaba.Akka Wolitti Hin Murre Ifi Eeggachiise
11Obboleeyyan tiyya, waan hantuu wol irratti hin dubbatina'a! Nami waan hantuu obboleessa irratti dubbatu yookiin obboleessa ifiititti muru, seera irratti hantuu dubbata, ittille hin mura; ati seera irratti yoo murte ammoo, nama seera irratti muru malee, nama seera hujii irra oolchuu moti.12Ka seera baasuu fi murulle Waaquma tokkocha; ka fayyisiisaa fi balleessiisa dande'ulle isuma calla'a; ati ka namatti murtu eennu ree?Ifi Jajuu Irraa Ifi Eeggachiise
13Isin worri, «Adha yookiin boru qachaa akkasiitii fi akkasii dhandhee woggaa tokko achi turra, hin daddalanna, bu'aalle keessaa buufanna» jettanu, caqasa'a!14Isin waan boru te'u hin beettanu; jiruun teessan maan? Isin akka hurrii yennaa diqqo'oof mudhattee deebitee badduu ti.15Addee san, «Yoo Goottaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookiin san hin goona» jedhuu maltane.16Amma ammoo isin hin koortan, ifille hin jajjan; ifi jajuun akkasii duudiin hantu'u.17Nami waan dansaa godhiisa adoo beekuu, hin goone, godhuu dhabiis isaa cubbuu itti teeti.