Nama Wol Caalchisuu Irraa Ifi Eeggachiise
1Obboleeyyan tiyya! Goottaa ulfinnaa keenna Yesuus Kiristoositti dhugeeffannaa eega qabaattane, nama wol hin caalchisina'a.2Nami dureessi tokko qubee worqi'ii keyatee, woyaa dansaalle uffatee gara wolitti qabama keessanii yoo dhufe, namichi hiyyeessi woyaa ciccittu'uulle yoo ol seene,3isin namicha woyaa dansaa uffate san ulfeessiisaan, «Ati addee dansaa tana tee'i» jettanee, namicha hiyyeessa saniin ammoo, «Ati achi dhaabbadhu yookiin as miila kiyya jala tee'i» yoo jettane,4odduu teessanitti nama wol caalchittanee, worra yaada hama'aan muru te'uu keessanii motii ree?5Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, dhage'aa! Waaqi akka isaan dhugeeffanna'aan dureeyyii te'anuu fi mootummaa inni worra isa jaalatanuuf waadaa gale san akka dhaalanuuf, worra biyya lafaatitti hiyyeeyyii te'ane filateeraa motii?6Isin ammoo worra hiyyeeyyii ulfinna dhooggitane; worri isin hacuucu, worri gara kora mura'aa isin harkisu dureeyyi'ii motii?7Maqaa dansaa isin ittiin waamantanu ka faanshessu isaanii motii?8Seera mootummaa Waaqaa akka Barreeffam Woyyichi, «Ollaa keeti akka ifi jaalattutti jaaladhu» jedhutti, yoo muummessitane dansaa gootane.9Nama yoo wol caalchittane ammoo cubbuu hujjan; akka yakkaamessa tokkootitti seerri isinitti mura.10Nami tokko seera kaan mara eegatee, tokkocha yoo balleesse, akka waan maraayyuu balleesseetitti yakki itti hin murama.11Ka, «Hin gaarayyeeffatin» jedhettuu, «Hin ijjeesin» waan jedheef, ati yoo gaarayyeeffatuu dhaddelle, eega ijjeette yakkaamessa teeteerta.12Akka worra seera bilisummaa kennu duratti dhikaatee muraa dhaggatuu dubbadha'a, hujadhaalle'e.13Nama marartii hin qannetti, marartii malee itti hin muranti; marartiin muraa hin injifatti.Dhugeeffanna'aa Fi Hujii
14Obboleeyyan tiyya! Nami tokko, «Ani dhugeeffannaa qaba» jedhee, hujii dansa'aan dhugeeffannaa ifii yoo hin mudhisin, maan isaa baati? Dhugeeffannaan akkasii sun isa fayyisuu hin dandeettii?15Obboleeyyan yookiin obboleettoti, waan uffatanuu fi nyaatanu hin qanne yoo jiraatane,16isin keessaa nami tokko, waan le'ii isaaniitiif barbaachisu adoo hin kenniniif, «Nageyaan deema'a, hin boojjatina'a, quufa'a!» yoo jedheen, maan isaaniif baati?17Maarre dhugeeffannaan hujii dansaa hin qanne ta duute.18Nami tokko, «Ati dhugeeffannaa qadda; ani hujii dansaa qaba» yoo jedhe, ani, «Dhugeeffannaa teeti hujii irraa gargar baasiitii natti mudhisi; anille dhugeeffannaa tiyya hujii tiyyaan sitti mudhisa» hin jedhaan.19Ati Waaqi tokkochi akka jiru hin dhugeeffatta; dansaa goote! Durriisotille tana hin dhugeessan, sodaataneelle hin hollatan.20Namicha gowwa'a! Dhugeeffannaan huji'iin malee ta gatii hin qanneakka teete beekiisaaf dhugaa itti barbaaddaa?21Abbaan keenna Abrahaam ilma ifii Yisihaq, addee ciincaan itti ciinceffamu irratti yennaa dhikeesse, huji'iinii motii ka balchoome?22Tanaan dhugeeffannaan isaa hujii isaa woliin hujataa akka turte, dhugeeffannaalle huji'iin akka muummotte hin dhaggituu?23Barreeffam Woyyichi, «Abrahaam Waaqa dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowante» jedhu muummowe; innille jaala Waaqaa jedhame.24Nami huji'iin malee, dhugeeffannaa qofaan akka hin balchoonne hin dhaggitan.25Akkasuma, Rahaabiin sagaagaltittiille yennaa worra Israa'elii ka ergamee dhufe san fudhattee, karaa dhibi'iin akka bayanu goote, hujii ifiitiin balchoontee motii?26Nafi hafuurahin qanne ka du'e; dhugeeffannaan hujii hin qannelle ta duute.