Isaayyaas9gaz_bib

Mucaan Nuuf Dhalateera

1Warri rakkina guddaa keessa turan garuu siʼachi gadda keessa hin jiraatan. Inni duraan biyya Zebuuloonii fi biyya Niftaalem gad deebise; gara fuulduraatti garuu Galiilaa Namoota Ormaa kan Yordaanosiin gama, qarqara Daandii Galaanaa irra jiran sana ni kabaja.2Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa argeera;warra biyya dukkana limixii keessa jiraataniifis ifni baʼeera.3Ati saba baayʼifteegammachuu isaanii illee guddifteerta;isaan akkuma uummanni yeroomidhaan haamamutti gammadu sana,akkuma namoonni yeroo boojuu qooddatanittigammadan sana fuula kee duratti ni ililchu.4Ati akkuma bara Midiyaanin moʼatame sanaa,waanjoo isaanitti ulfaatesomaa gatiittii isaanii irraaulee cunqursaa isaanii illee caccabsiteerta.5Kopheen loltuun ittiin duulte hundi,uffanni dhiiga keessa cuuphame hundiibiddaan gubama;qoraan ibiddaas taʼa.6Mucaan nuuf dhalateera;ilmi nuuf kennameera;mootummaan gatiittii isaa irra jiraata.Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa,Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaajedhamee ni waamama.7Babalʼinni mootummaa isaatii finagaan isaa dhuma hin qabu.Innis murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaanhundeessee jabeessee dhaabuudhaanyeroo sanaa jalqabee bara baraanteessoo Daawit irra taaʼee mootummaa isaa bulcha.Hinaaffaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuswaan kana ni raawwata.

Waaqayyo Israaʼelitti Dheekkame

8Gooftaan dhaamsa tokko Yaaqoobitti ergeera;kunis Israaʼel irra buʼa.9Uummanni hundi,Efreemii fi jiraattonni Samaariyaa waan kana ni beeku;isaanis of tuuluu fi garaa of jajuun akkana jedhu;10“Xuubiiwwan diigamaniiru;nu garuu dhagaa soofameen deebisnee ijaarra;mukkeen harbuu murmuramaniiru;nu garuu birbirsa iddoo buusna.”11Kanaafuu Waaqayyo amajaajota Reziin isaanitti jabeesse;diinota isaanii illee isaanitti kakaase.12Warri Sooriyaa gama baʼaatiin,Filisxeemonni immoo gama lixaatiinafaan banatanii Israaʼelin liqimsan.Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne;harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
13Sabni sun garuu gara isa isaan dhaʼe sanaatti hin deebineyookaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu hin barbaaddanne.14Kanaafuu Waaqayyo Israaʼel irraa mataa fi eegee kuta;damee meexxiitii fi shambaqqoo guyyuma tokkoon balleessa;15maanguddoonnii fi kabajamoonni mataa dha;raajonni soba barsiisan immoo eegee dha.16Namoonni saba kana qajeelchan isaan dogoggorsu;warri isaaniin qajeelfamanis karaa irraa badu.17Kanaafuu Gooftaan dargaggootatti hin gammaduyookaan ijoollee abbaa hin qabnee fihaadhota hiyyeessaatiif hin naʼu;namni hundinuu kan Waaqa hin sodaannee fi hamaadhaatii;afaan hundinuus hamaa dubbata.Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne;harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
18Hamminni dhugumaan akka ibiddaa bobaʼa;inni sokorruu fi qoraattii illee gubee balleessa,bosona gobbuus ni qabata;akkuma aara ol baʼuuttis ol baʼa.19Dheekkamsa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiinlafti ni gubatti;namoonnis qoraan ibiddaa taʼu;namni kam iyyuu obboleessa isaa oolchuu hin dandaʼu.20Karaa mirgaatiin ni butatu;garuu beela hin baʼan;karaa bitaatiin ni nyaatu;garuu hin quufan.Tokkoon tokkoon isaanii foon aantee isaa nyaata;21Minaaseen Efreemin nyaata; Efreemis Minaasee nyaata;isaan tokkummaadhaan Yihuudaatti garagalu.Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne;harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.