Isaayaasii Raagichaa9gax_twf

Mooticha Nageyaa Ka Dhufu'uu Jiru

1Worri guddoo rakkataa ture haganaa achi, dukkana dimimmisa keessa hin le'u. Bara durii inni lafa Zabilooniitii fi Niftaalemii salphise; bara hegerii ammoo inni lafa laga Yordaanosiin gamaa, ta karaa abbaaya'aa biraa, Galiilaa worra Yihudoota hin te'iniitiif ulfinna hin kenna.2Kolbaan dukkana keessa leete,ifa guddaa dhaggite;worra lafa gaaddisa du'aa keessa le'eefilleifi baye.3Waaqa, ati gosa baceessiteerta;gammada isaaniille itti edeeteerta;namooti yennaa midhaan galfatanu,boojuulle yennaa qoodamanu akkuma gammadanu,isaan si duratti hin gammadan.4Akkuma bara worri Miidiyaanii injifatame goote,waanjoo isaanitti ulfaate,ciiraa gurmuu isaanii irraa,ulee worra isaan cunqursuulle caccassiteerta.5Kopheen loltooti yennaa lolaa keyatanu marti,woyaan dhiiga keessa gangalfante martinuuakka qoraanii ibiddaan hin gabbatti.6Annuun nuuf dhalateera;ilmi nuuf kennameera;Baalliin gurmuu isaa irra hin jiraatti;maqaan isaa, «Gorsaa maade'ee,Waaqa hunnaamessa,abbaa bara baraa,qondaala nageyaa» hin jedhama.7Baalliin isaatii finageenni isaa dhuma hin qabanu;inni barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'ee,mootummaa isaa hin bulcha;haqaa fi balchumma'aan dhaabee,ammaan jalqabee haga bara baraatittiisii hin jabeessa;hinaaffaan Mootii Waan MaraaKa Waan Mara Dadee, tana hin gooti.

Mootiin Waan Maraa Kolbaa Israa'elii Hin Adaba

8Mootiin Waan Maraa jecha mura'aa Yaaqoobitti erge; kunille sanyii isaa kolbaa Israa'elii irratti muummowe.9Worri Efreemiitii fiworri qachaa Samaariya'aa keessa le'u,kolbaan marti tana hin beekan;isaan kooriisaa fi bondhooriisaan,10«Dalleenni faara loobameen ijaarame jige;nuuti ammoodhakaa bocameen deebinnee hin ijaarra.Muki harru'uu murameera;nuuti ammoo addee muka harru'uumuka hindheensaa hin buunna» jedhan.11Mootiin Waan Maraa ammoonyaapha Resiinii isaan irratti kaase;diinota isaaniille isaan irratti kakkaase.12Worri Sooriya'aa karaa aduun baatuun, worri Filisxeemotaa karaa aduun seentuun dhufanee, afaan bananee Israa'el kukkutataneeran; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira.13Kolbaan ammoo gara Mootii Waan Maraa ka isaan adabee hin deebine; yookiin Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade hin barbaadanne.14Tanaaf Mootiin Waan Maraa worra akka mata'aatii fi eege'ee, worra akka damee muka meexxi'iitii fi allaadu'uu guyyaa tokkotti Israa'el keessaa hin balleessa;15mataan sun jaarsole'ee fi worra ulfinna qabu; eegeen raagota soba nama barsiisanu.16Worri kolbaa tana sooressu isaan dokonkorseera; worri isaaniin sooreffamulle karaa irraa joonjayeera.17Isaan marti worra Waaqa malee le'uu fi waan hantuu huju; marti isaaniituu waan hantuu dubbatan; tanaaf Mootiin Waan Maraa dargaggoota isaaniititti hin gammadu; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneef, haadhotii hiyyeessotaatiifille hin mararu; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira.18Hammeenni kolba'aa akka ibidda qumi'uudu'uu fi qoree gubuu ti; gongomaa ciggaa qabatee, aarri isaa akka utuba'aa dhaabbata.19Aarii Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetiin latti hin gubatti; kolbaalle akka qoraan ibiddaa hin teeti; obboleessa ifii ka baasuu dande'u tokkolle hin jiru.20Harka middichaan hin kukkutatan; ammoo beeluma qaban; harka bitaachaan hin nyaatan; ammoo hin quufanu; tokko tokkoon isaanii foon ijoollee ifii hin nyaatan.21Kolbaan Minaase'ee kolbaa Efreemii nyaatti; kolbaan Efreemiille kolbaa Minaase'ee nyaatti; isaan lamaanuu gosa Yihuda'aa irratti hin ka'an; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira.