1Mootiin Waan Maraa anaan, «Gabatee guddaa tokko fuudhiitii isa irratti qubee mudhattuun, ‹Dafii booji'i! Ariifadhuu saami!› jedhii barreessi» jedhe.2Anille dhugaa baatota addatamane lama, hayyicha Uriiya'aa fi ilma Yebarekiya'aa Zakaariyaas waammadhe.3Achiin duuba ani gara raagitti'ii dhaqe; isiille ulfoottee ilma deette; Mootiin Waan Maraa anaan, « ‹Dafii booji'i! Ariifadhuu saami!› jedhii maqaa baasi.4Mucaan, ‹Abbayyoo› yookiin, ‹Aayyoo› jedhiisa adoo hin baratin, qabeenni Damaasqo'ootii fi boojuun Samaariya'aa mootii Asooriitiin hin fudhatanti» jedhe.
Dhufa Mooticha Asoorii
5Mootiin Waan Maraa ammalle natti dubbatee,6«Kolbaan tun bisaan Silo'aamii ka suuta yaa'u tuffattee, Resiinii fi ilma Remaaliya'aatitti guddoo gammaddeerti;7tanaaf ani Mootiin Waan Maraa, mooticha Asoorii ka akka lolaa bisaanii jaba'aa fi hunnaamessaa isaan irratti hin fida; inni akka bisaan laga guuttee danbala'ee lafa irra yaa'uu hin te'a.8Bisaan sun gara biyya Yihuda'aa yaa'ee, haga morma gewutti guutee, keessa hin dabara; Ee Amaanu'el, akkuma lukkuun cuucuu ifiititti kabbitu, koolli keeti lafa teeti duudii hin golla» jedhe.9Isin gosi biyya adda addaa iyya lolaa kaasa'a; ammoo bututa'a; isin worri fagoo jirtanu duudiin dhage'a'a; lolaaf qophowa'a; ammoo bututa'a; lolaaf qophowa'a; ammoo bututa'a.10Mari'adha'a; ammoo isiniif hin teetu; karooralle baafadha'a; te'uu malee Waaqi waan nu woliin jiruuf, isiniif hin muummottu.
Mootiin Waan Maraa Raagicha Ifi Eeggachisiise
11Mootiin Waan Maraa harka ifii jaba'aan na qabee, natti dubbatee, karaa kolbaan tun ideentu akka ani hin deenne na ifi eeggachiisee,12«Waan kolbaan tun, ‹Mala hammeennaa ti› jettu, isinille, ‹Mala hammeennaa ti› hin jedhina'a; waan isaan sodaatanu, hin sodaatina'a; wonni isaan naasisulle isin hin naasisin.13Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade callaan, woyyicha akka te'e qaabadha'a; na callaa sodaadha'a; ana malee womaa isin hin naasisin.14Achiin ani galma woyyicha hin te'a; mootummaa Israa'eliitii fi mootummaa Yihuda'aatiif ammoo, dhakaa nama gufachiisuu fi rassaa nama jissu hin te'a; worra Yerusaalem keessa le'ulle'eef fonxoro'oo fi tiyyoo hin te'a.15Isaan keessaa worri hedduun gufatee, jigee hin bututa; isaan fonxoroo seenanee hin qabaman» jedhe.16Dhugaa baya tana eegi; gadhaa barattoota tiyyaa keessatti maxxansi.17Mootii Waan Maraa ka maatii Yaaqoobii duraa fuula ifii dhoffate, isa hin eegadha; addiille hin godhadha.18Kunoo, anii fi ijoolleen tiyya ta Mootiin Waan Maraa naaf kenne, kolbaa Israa'eliitiif, beessisaa fi baasa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee ka gaara Xiyoonii irra le'uu ti.19Yennaa isaan, «Worra ekeraa dubbisuu fi worra moru ka hasaasuu fi gungumu gaafadha'a» isiniin jedhane, ani ammoo isiniin, «Kolbaan sun Waaqa gaafatiisa lakkittee, marroo worra jiruu worra du'e maaf gaafatti?» jedha.20Worra akka seera kanaatii fi akka dhugaa baya kanaatitti hin dubbanneef latti hin bariitu.
Yennaa Rakko'oo
21Kolbaan rakkattee, beelottee lafa irra hin joonjiti; isaan yennaa beelaan gaggabane, aaranee, ol ilaalaa mootii ifiitii fi waaqota ifii hin abaaran.22Achiin duuba gara lafaa yennaa ilaalanu rakkoo, dukkanaa fi dimimmisa sodaachittu qofa dhaggan; isaan dukkana dimma san keessalle'etti hin gataman.