Isaayaasii Raagichaa7gax_twf

Ergaa Mooticha Ahaaziif Dhutte

1Bara akaakoon Uziya'aa ilmi Yotaamii Ahaaz, Yihudaa irratti mootii te'e, mootiin Sooriya'aa Resiinii fi mootiin Israa'elii ilmi Remaaliya'aa Pheqaan, Yerusaalem loliisaaf itti duulane; ammoo isii injifatiisa hin dandeenne.2Worri Sooriya'aatii fi worri Efreemii akka wolii galane, mootiin Yihuda'aa Ahaaz yennaa dhage'e, akkuma muki badda'aa qilleensaan raafamu, gadhaan isaatii fi gadhaan kolbaa isaa raafame.3Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Isaayaasiin, «Atii fi ilmi keeti She'aariyaashub, Ahaaziin wol dhaggiisaaf, gara dhuma angureegatiitti'iika karaa fichaa namicha woyaa dhiquu geessu dhaqiitii,4isaan, ‹Ifi eeggadhu; cadhisi; hin sodaatin. Aarii Resiiniitiin, aarii Sooriya'aatii fi aarii ilma Remaaliya'aa ta akka jirma lamaan ibidda irraa hafanee aaranuutiin, gadhaan keeti hin sheephisin› jedhiin.5Worri Sooriya'aa, worri Efreemiitii fi ilmi Remaaliya'aa si balleessiisaaf mala dhowanee,6‹Kowa'a, biyya Yihuda'aa qabannee bittinneessinee qoodanna. Ilma Xaabe'eliille irratti mootii goona› jedhan.7«Ani Goottaan, Mootiin Waan Maraa ammoo, ‹Malli isaanii kun hin te'u; hin muummowulle'e.8Mataan Sooriya'aa Damaasqoo, mataan Damaasqo'oo Resiin waan te'eef, woggoota jaatamii shan keessatti Israa'el bittinnoottee, kolbaa biyya tokkoo te'iis isi'ii hin hafa.9Mataan Israa'elii Samaariya'a; mataan Samaariya'aalle ilma Remaaliya'aa ti. «‹Addi'iin yoo hin jabaatin, ijjumaa dhaabbatiisa hin dandeettanu› jedha» jedhe.

Beessisa Marroo Amaanu'elii

10Ammalle Mootiin Waan Maraa Ahaaziin,11«Qilee qile'een jalaatii yookiin gubbaa ol-gubba'aatii beessisa akka si'iif kennu ana Mootii Waan Maraa Waaqa keeti gaafadhu» jedhe.12Ahaaz ammoo deebisee, «Ani hin gaafadhu; Mootii Waan Maraa haga hin ilaalu» jedhe.13Achiin duuba Isaayaas, «Ee sanyii Daawitii, dhage'a'a! Ossa namaa haga ilaaliis isin hanqatee, Mootii Waan Maraa kiyyalle haga ilaaltanii?14Tanaaf Mootiin Waan Maraa ifiifuu beessisa isiniif hin kenna; kunoo, durri duudduun ulfoottee, ilma hin deetti; maqaa isaalle, ‹Amaanu'el› jettee hin waanti.15Inni waan hantuu jibbiisa, waan dansaa filatiisa yennaa beeketti, dhadha'aa fi damma hin nyaata.16Mucaan kun waan hantuu jibbiisa, waan dansaa filatiisa adoo hin beekiniin dura, latti mootota lamaan ati sodaattuu hin onti.17«Mootii Asoorii si irratti kakkaasiisaan, guyyaa Israa'el Yihudaa irraa gargar baateen jalqabee, bara rakkinnaa ka te'ee hin beenne, Mootiin Waan Maraa si irratti, kolbaa teetii fi sanyii abbootii teeti ta durii irratti hin fida.18«Guyyaa san Mootiin Waan Maraa laga Gibxi'ii ka fago'oo irraa tiiticha, lafa Asoorii irraa kinniisa siiqu'uun sitti hin waama.19Isaan marti dhufanee dhooqa lafaa keessa, baqaqa rassa'aa keessa, haxanxarii qore'ee mara irraa fi addee boolla bisaanii maratti hin qubatan.20«Guyyaa san Mootiin Waan Maraa, haaduu laga Efraaxiisiitiin gamaa kireeffate, mootii Asooriitiin, rifeensa keessan ka mata'aatii fi ka nafaa, areeda keessanille hin haada.21«Guyyaa san nami tokko goronsa tokkoo fi hoolee lama qofa hin qabaata;22isaan waan mirganuuf, inni dhadhaa hin nyaata. Worri lafa sanitti hafu marti dhadha'aa fi damma hin nyaatan.23«Guyyaa san addeen muki woyni'ii kum jiru, ta gatiin isi'iille meetii kuma geettu qumi'uudu'uu fi qore'een guutanti.24Latti sun qore'ee fi qumi'uudu'uun waan guutantuuf, namooti guube'ee fi daaya qabatanee achi hin dhaqanu.25Qumi'uudu'uu fi qoree sodaatiisaan gara Koobota dur qotto'oon qotantuu haganaa achi hin dhaqanu; kooboti sun addee loonii tikatanuu fi addee hooleen burraaxxu hin teeti» jedhe.